Seexana

33 Lakkoofsota11Afaan Oromoo

Iyoob 1:6-7

6Gaaf tokko warri waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhaman fuula Waaqayyoo duratti argamuudhaaf in dhufan; Seexannis isaan gidduutti in argame.

7Waaqayyo,“Ati eessaa dhufte?” jedhee, Seexana in gaafate; Seexanni immoo,“Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa tureen dhufa” jedhee Waaqayyoof deebii in kenne.

Iyoob 1:9-12

9Seexanni immoo deebisee,“Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree”

10Ati isaa fi mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree” Hojii harka isaatii in eebbifteef; qabeenyi isaas biyyicha keessatti in baay'ate.

11Mee, harka kee ol fuudhiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti! Inni iyyuu mul'inatti si arrabsa” jedhe.

12Waaqayyo immoo Seexanaan,“Kunoo, wanti inni qabu hundinuu harka kee keessa jira, Iyoobitti garuu quba kee hin buusin!” jedhe; kana booddee Seexanni fuula Waaqayyoo duraa in adeeme.

Iyoob 2:3-7

3Waaqayyo yommus Seexanichaan,“Iyoob garbicha koo irra yaada kee keessee ree” Biyya lafaa irra namni akka isaatii hin jiru, inni hir'ina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, nama waan hamaa irraas goruu dha; ofumaa isa irratti ka'ee akkan isa balleessuuf ati ana toosifteetta; inni garuu amma iyyuu qajeelummaadhuma isaatti jabaatee jira” jedhe.

4Yommus Seexanni deebisee Waaqayyoon,“Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna.

5Mee harka kee ol fuudhiitii lafee isaa fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mul'inatti si arrabsa” jedhe.

6Waaqayyos Seexanaan,“Kunoo, inni harka kee keessa jira, waa'ee lubbuu isaaf garuu of eeggadhu!” jedhe.

7Kana booddee Seexanni fuula Waaqayyoo duraa ba'ee adeemee, Iyoobin faana miilla isaatii hamma gubbee mataa isaatiitti iita madaa'uun in rukute.

Faarfannaa 109:6

6Nama jal'aa isa irratti kaasi, mirga isaas hamajaajiin haa dhaabatu!

Maatewos 4:1-11

1Ergasii Yesus Seexanaan qoramuudhaaf, hafuura qulqulluudhaan gara lafa onaatti geeffame.

2Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf erga soomee booddee beela'e.

3Yommus inni isa qoru dhufee, ?Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun buddeena akka ta'aniif abboomi!? ittiin jedhe.

4Yesus garuu deebisee, ?Caaffata qulqullaa'aa keessatti ?Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee? kan jedhu caafameera? jedhe.

5Seexanni ammoo gara mandara qulqullaa'aatti isa geessee, fittee guutuu mana qulqullummaa irras dhaabachiisee,

6?Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate kana irraa gad of darbadhu, ?Inni ergamoota isaa siif in abbooma, miilli kee dhagaatti akka hin buunettis isaan harka isaanii irratti si in baatu? kan jedhu caafameera? ittiin jedhe.

7Yesus garuu, ? ?Waaqayyo kee goofticha gar-malee hin eeggatin? kan jedhus immoo caafameera? ittiin jedhe.

8Ammas immoo Seexanni gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiisee,

9?Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna? jedheen.

10Yommus Yesus immoo, ?Seexana nana, argaa koo duraa turi! ?Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!? kan jedhu caafameera? jedheen.

11Ergasii Seexanni isa dhiise, ergamoonni Waaqayyoos dhufanii isaaf in ergaman.

Maarqos 3:22-26

22Barsiisonni seeraa warri Yerusaalemii dhufan immoo, ?Bi'el Zebul isa keessa jira; humna angafa Seexanootaa kanaanis hafuurota hamoota in baasa? jedhanii Yesus irratti dubbatan.

23Kana irratti inni gara ofii isaatti isaan waamee fakkeenyaan, ?Attamitti Seexanni Seexana baasuu danda'a?

24Mootummaan tokko ofii isaatii yoo gargar cabe, mootummaan sun danda'ee hin dhaabatu;

25maatiin mana tokkoos yoo ofittii gargar cabe, manni sun dhaabachuu hin danda'u.

26Seexannis ofii isaa irratti ka'ee yoo gargar cabe, badduu ba'uu isaa ta'a malee dhaabachuu hin danda'u.

Yohaannis 13:2

2Yeroo irbaataatti, Seexanni akka Yihudaan ilmi Simoon, namni biyya Keriyot, Yesusin dabarsee kennuuf yaada isaa irra kaa'ate.

Hojii Ergamootaa 26:18

18Dukkanattii gara ifaatti, aangoo Seexanaa jalaas gara Waaqayyootti haa deebi'aniif, ija isaanii in banta; anatti amanuudhaanis dhiifamuu cubbuu isaanii argatanii, warra qulqullaa'an gidduuttis dhaala isaanii haa fudhataniif sin erga? anaan jedhe.

Roomaa 16:20

20Waaqayyo inni nagaa kennu immoo dafee Seexana miilla keessan jalatti in caccabsa; ayyaanni gooftaa keenya Yesus isinii wajjin haa ta'u!

1ffaa Qorontos 7:5

5Yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf walii galtan irraa kan hafe, wal bira ga'uu wal hin didinaa; isa booddee of qabuu dadhabuu keessan irraa kan ka'e immoo, Seexanni isin qoruudhaaf karaa akka hin argannetti, deebitanii wal bira in geessu.

Mul'ata 2:24

24?Tiyaatiraa keessaa, warri haftan immoo, barsiisa kanatti warri hin qabamin, isa warri kaan, ?Dhoksaa Seexanaa isa gad fagoo dha? jedhanis warri hin barin, ba'aa kan biraa isin irra hin kaa'u, isiniin nan jedha.