Sadan tokkummaa

16 Lakkoofsota8Afaan Oromoo

Qolosaayis 2:2

2Kana gochuun koos garaan isaanii ija jabinaan akka guutuuf jaalalaan walitti hidhamanii utuu jiranii, badhaadhummaa amansiisa guutuu qabu isa hubannaa keessaa dhufu, dhoksaa Waaqayyoo isa Kristos keessa jirus beekuu akka argataniif.

1ffaa Ximotewos 2:5

5Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.

1ffaa Ximotewos 3:16

16Nama Waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha; kanaafis, ?Inni foon uffatee mul'ateera, hafuurichi dhugaa galcheeraaf, ergamoota Waaqayyootti argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa keessatti itti amanameera, ulfinaan ol fudhatameera? jedhamee himameera.

Ibraa'oota 5:4-9

4Akkuma Aaron waamame innis Waaqayyoon in waamama malee, namni tokko illee ulfina angafa lubummaa kana ofiin hin fudhatu.

5Kristosis akkasuma angafa lubootaa ta'uudhaaf mataa isaa ol ol hin qabne; garuu Waaqayyo isa, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche!? ittiin jedhe sanatu ulfina kana kenneef.

6Iddoo biraattis immoo, ?Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati bara baraan luba in taata? in jedha.

7Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.

8Utuma ilma Waaqayyoo ta'ee jiruu immoo, dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare.

9Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo, warra isaaf abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e.

Ibraa'oota 9:24

24Kristos iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu, harkaan ijaarame fakkaattii isa dhugaa sanatti gale miti; inni bantii waaqaatti iddoo itti amma Waaqayyo duratti nuuf mul'atutti gale.

1ffaa Pheexiroos 1:20-21

20Inni uumamuu biyya lafaa dura yaadaan qabame; gara dhuma barichaatti immoo isiniif jedhee mul'ifame.

21Karaa isaa isin immoo Waaqayyo isa du'aa isa kaasetti ulfinas kenneefitti, warra amanan taataniittu; akkasumas amantiin keessanii fi abdiin keessan Waaqayyotti jabaachuu isaa ti.

1ffaa Yohaannis 4:2-3

2Hafuurri, Yesus Kristos fooniin dhufuu isaa amanatee beeksisu hundinuu kan Waaqayyoo ti; kanaanis hafuura Waaqayyoo ta'uu isaa in hubattu.

3Hafuurri akka kanatti Yesusin amanatee hin beeksifne hundinuu garuu, kan Waaqayyoo miti; inni kun hafuura isa Kristosiin mormu, isa isin akka inni dhufu dhageessanii dha. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.

1ffaa Yohaannis 5:7-8

7Dhuga-baatuu sadiitu jira.

8Isaan kunis hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba'u.