Saa’olii fi Daawit

73 Lakkoofsota3Afaan Oromoo

1ffaa Saamu'eel 16:14-23

14Amma immoo hafuurri Waaqayyoo Saa'ol irraa in fagaate; hafuurri hamaan Waaqayyo itti erge immoo isa in dhiphise.

15Naa'onni Saa'ol immoo,“Kunoo, hafuurri hamaan Waaqayyo sitti erge si dhiphisaa jira;

16kanaaf hafuurichi hamaan Waaqayyo sitti erge sun yommuu sitti dhufu, nama ba'eessa godhee kiraara rukutee sitti fooyyessuu danda'u akka siif barbaadanitti naa'ota kee ajaji!” jedhan.

17Saa'ol yommus naa'ota isaatiin,“Maaloo! Nama ba'eessa godhee kiraara rukutu barbaadaatii anaaf fidaa!” jedhe.

18Naa'ota isaa keessaas tokko,“Kunoo, ani ilma Isey Betlihemichaa argeera; inni nama kiraara rukutuu beeku, jagna, loltuu jabaa, lolatti kan beekame, nama dubbii beekuu fi nama dhaabbii toluu dha; Waaqayyos isaa wajjin jira” jedhe.

19Saa'ol kana irratti Iseyitti namoota ergee,“Daawit ilma kee isa hoolota tiksu anaaf ergi!” jedhe.

20Isey yommus buddeenaa fi daadhii waynii qalqalloo tokko fuudhee harreetti fe'ee ilmoo reettii tokkoo wajjin Daawititti kennee Saa'oliif in erge.

21Daawit isaaf ergamuudhaaf gara Saa'ol in dhufe; Saa'olis baay'ee isa jaallatee, nama mi'a lolaa isaaf baatu in godhate.

22Saa'olis,“Daawit ana biratti jaallatameeraatii; maaloo, ana dura dhaabatee anaaf haa ergamu!” jedhee Iseyitti in dhaame.

23Yeroodhuma hafuurri inni Waaqayyo isatti ergu Saa'olitti dhufutti, Daawit kiraara fuudhee in rukuta ture; Saa'ol yommus aara galfatee in gammada, hafuurri hamaan sunis isa irraa in fagaata.

1ffaa Saamu'eel 17:1-58

1Baras Filisxeemonni loltoota isaanii“Sokoo” mandara Yihudaatti lolaaf walitti qabatanii, Sokoo fi Azeqaa gidduu Efes-Damiim keessa in buufatan.

2Akkasumas Saa'olii fi namoonni Israa'el walitti qabamanii dachaa Elaa keessa buufatanii, Filisxeemota loluudhaaf dhaqanii loltoota isaanii tarree in galfatan.

3Filisxeemonni gaara tokko irra, Israa'eloonni immoo gaara kan biraa irra dhaabatanii turan; isaan gidduus dachaan ture.

4Yommus Golyaad Gaatichi inni loltoota Filisxeemiif dubbatu tokko iddoo buufata isaanii keessaa as in ba'e; dheerinni hojjaa isaatii dhundhuma ja'aa fi taakkuu ture.

5Gonfoo sibiila borrajjii mataa isaa irraa qaba; maddaa sibiilaa waan akka qola qurxummiis uffatee ture; maddaan sibiila borrajjii sunis akka kiilo graamii shantamii torbaa ulfaata ture.

6Wanta akka qola mukaa sibiila borrajjii irraa tolfame miilla isaatti maratee, bodee sibiila borrajjiis gatiittii isaa irra qaxxaamursee hidhatee ture.

7Somaan eeboo isaatii akkuma muka wayya dhooftuun wayyaa isa dha'ee itti maruu ti; qarri eeboo isaatii sibiila akka kiilo graamii torbaa ulfaatu irraa kan hojjetame ture; namni gaachana isaa baatuufis isa dura in adeema ture.

8Golyaad dhaabatee loltoota Israa'el warra tarree waraanaa irra jiraniin,“Maaliif loltoota tarree galfachuuf baatan” Ani Filisxeemicha miti moo” Isin immoo garboota Saa'ol mitii” Isin nama anatti as ba'u tokko fo'adhaa!

9Namichi ana lolee yoo na ajjeesuu danda'e, nuyi garba isiniif in taana; ani isa mo'ee yoon isa ajjeese garuu, isin garba keenya taatanii nuuf in hojjettu” jedhe.

10Filisxeemichi itti fufee, “ ‘Har'a nama ana lolu tokko anaaf kennaa!” jedheetan isin loltoota Israa'el warra tarree waraanaa irra jirtanitti ga'isa!” jedhe.

11Saa'olii fi Israa'eloonni hundinuu dubbii Filisxeemichi dubbate kana dhaga'anii, in na'an baay'isaniis in sodaatan.

12Daawit ilma Isey Efraatichaa isa mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaa keessa jiraatuu ti; Isey ilmaan saddeet qaba; bara Saa'ol keessa inni nama jaarsa, biyya keessattis beekamaa ture.

13Ilmaan Isey warri duraa sadan Saa'ol duukaa lola in dhaqan; maqaan ilmaan isaa warra gara lolaa dhaqan sadaniis, inni angafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abinaadaab, inni sadaffaan Shamaahi ture.

14Daawit garuu hundumaa booddee ture; warri duraa sadan Saa'ol duukaa in dhaqan.

15Daawit yommus hoolota abbaa isaatii tiksuudhaaf Saa'ol biraa Betlihemitti in deebi'e.

16Yeroo sanatti Golyaad Filisxeemichi guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala fuullee loltoota Israa'elitti ba'ee, iddoo qabatee in dhaabata ture.

17Iseyis Daawit ilma isaatiin,“Maaloo, akaayii akka kiilo digdamii lamaan kanaa fi buddeena kurnan kana ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo buufata isaaniitti geessi!

18Itittuu wal qabatee goge kurnan kana immoo angafa kumaa isaaniitiif geessi! Obboloonni kees nagaa ta'uu isaanii hubadhuutii, milikkita isaan biraa fidii kottu!

19Isaan Saa'olii fi namoota Israa'el hundumaa wajjin dachaa Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru” jedhe.

20Daawit yommus hoolota tiksituutti kennee, wanta Isey isa abboome fudhatee ganama obboroodhaan ka'ee in adeeme; yeroo inni buufata loltootaa bira ga'etti, loltoonni Israa'el wacaa gara tarree waraanaatti in yaa'u turan.

21Loltoonni Israa'elii fi loltoonni Filisxeem tarree galanii fuullee walii in dhaabatan.

22Daawitis mi'a isaa namicha mi'a eegutti kennatee, fiigee gara loltootaa dhaqee obboloota isaa nagaa in gaafate.

23Utuu inni isaanii wajjin haasa'aa jiruu, Golyaad Gaatichi inni loltoota Filisxeemiif dubbatu, tarree waraana Filisxeemotaa keessaa achii as ba'ee akkuma amala isaatii Israa'elootatti utuu ga'isuu in dhaga'e.

24Namoonni Israa'el hundinuu namicha yeroo arganitti guddaa sodaatanii isa duraa in baqatan.

25Namoonni Israa'el yommus,“Namicha yeroo yerootti as ba'u kana argituu” Inni Israa'elootatti ga'isuudhaaf dhufe; nama namicha kana ajjeese mootiin in badhaasa; akkasuma immoo intala isaa itti in heerumsiisa, maatiin abbaa isaas biyya Israa'el keessatti gibira akka hin baafne in godhaaf” waliin in jedhu turan.

26Daawit immoo,“Nama Filisxeemicha kana ajjeesee, arrabsamuu kana Israa'eloota irraa fageessuuf maaltu godhama” Filisxeemichi dhagna hin qabatin, inni loltoota Waaqayyo isa jiraataatti ga'isu kun eenyu inni?” jedhee, namoota isa bira dhaabatan in gaafate.

27Jarri akkuma duraan dubbatan,“Nama Filisxeemicha ajjeesu kanaaf kanatu godhama” jedhanii itti in himan.

28Yommus Eliiyaab obboleessi Daawit inni angafni, Daawit namootaa wajjin utuu haasa'uu dhaga'ee, baay'isee itti aaree;“Ati maaliif as dhufte” Hoolota warra muraasa sana lafa onaa keessatti eenyu biratti dhiifte” Ati sababii of tuulummaa kee fi hammina garaa keetiitiif lola ilaaluu akka dhufte anuu beeka” jedhe.

29Daawit kana irratti deebisee,“Gaaffii duwwaan gaafadhe malee, maalan godhe?” jedheen.

30Amma immoo Eliiyaab irraa gara galee sanyiidhuma gaaffii isaa isa duraa namoota kan biraa in gaafate; jarris deebii isuma duraa sana in deebisaniif.

31Dubbii Daawit dubbate warri dhaga'an Saa'olitti himnaan, inni achumaan, Daawitin ofitti in waamsise.

32Daawit yeroo sanatti Saa'oliin,“Ani garbichi kee Filisxeemicha kana dhaqee nan lolaatii namni tokko illee garaa isaatti isa hin sodaatin!” jedhe.

33Saa'ol yommus Daawitiin,“Ati ijoollee dha, namichi Filisxeem kun immoo ijoollummaa isaatii jalqabee lolatti waan guddateef, dhaqxee isa loluu hin dandeessu” jedheen.

34Daawit garuu Saa'oliin,“Ani garbichi kee hoolota abbaa kootii nan tiksan ture; yeroo sanatti leenci yookiis amaaketi dhufee hoolota sana keessaa tokko yommuu qabatu,

35ani duukaa bu'ee isa rukutee afaan isaa keessaa nan buusan ture; yoo inni anatti gara gale immoo liqimsituu isaa qabee rukutee nan ajjeesan ture;

36ani garbichi kee leencas amaaketas akkasitti ajjeeseera; akkasumas Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun loltoota Waaqayyo isa jiraataatti waan ga'iseef, bineensota kana keessaa akka isa tokkoo in ta'a” jedhe.

37Itti fufees,“Waaqayyo inni harka leencaatii fi amaaketaa na oolche, harka Filisxeemicha kanaas na oolcha” jedhe; Saa'ol kana irratti Daawitiin,“Egaa dhaqi! Waaqayyo sii wajjin haa ta'u!” jedhe.

38Kana booddee Saa'ol uffata ofii isaatii Daawititti uffisee, gonfoo sibiila borrajjii mataa isaatti kaa'ee, maddaa sibiilaas itti in uffise.

39Daawit billaa isaa uffata isaa irratti hidhatee adeemuu in yaale; garuu waan itti hin bariniif,“Ani isaan kana hundumaa hidhadhee adeemuu hin danda'u” jedhee, Saa'olitti himee, ofittii in baase.

40Achumaanis ulee isaa fudhatee, dhagaa guggumee shan immoo lagaa funaanee korojoo isaatti naqatee, furrisa isaas fudhatee gara Filisxeemichaatti in dhi'aate.

41Yeroo sanatti Golyaad Filisxeemichi namicha isa gaachana isaa baatuuf of fuul dura buufatee gara Daawititti dhi'aachaa in adeeme.

42Filisxeemichi ilaalee Daawitin dargaggeessa diimaa dhaaba tolu tokko yommuu arge in tuffate.

43Innis Daawitiin,“Ani saree dhaa iyyuu ulee qabattee anatti dhuftee?” jedhee, maqaa waaqayyolii isaatiin isa in abaare.

44Itti fufees,“Mee, gara kootti as adeemi! Amman foon kee allaattota waaqa keessa balali'anii fi bineensota caakkaatiif godhaa!” jedhe.

45Daawit immoo Filisxeemichaan,“Ati illee billaa, eeboodhaa fi bodee keetiin anatti dhuftaa, ani garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa maccaa, Waaqayyo loltoota Israa'el isa ati itti ga'ifte sanaan sitti nan dhufa;

46har'a Waaqayyo harka koo keessa si buusa; ani si ajjeesee mataa kee si irraa nan kuta, reeffa loltoota Filisxeemis allaattota waaqa keessa balali'anii fi bineensota caakkaatiif nan godha; yommus gooftichi Israa'elootaaf Waaqayyo isaanii akka ta'e guutummaan biyya lafaa in beeka.

47Lolli kan Waaqayyoo waan ta'eef, Waaqayyo harka keenya keessa si buusa; Waaqayyo billaadhaa fi eeboodhaan akka hin oolchine wal ga'iin kun hundinuu in beeka” jedhe.

48Yeroo Golyaad Filisxeemichi ka'ee Daawititti adeemetti, Daawitis isa rukutuudhaaf ariitiidhaan gara tarree lolaatti Filisxeemichatti in fiige.

49Achumaanis korojoo isaa harka kaa'ee, dhagaa fudhatee, darbatee adda Golyaad in rukute; dhagichi adda isaa keessa badnaan, innis lafa dha'ee adda isaatiin gad in gombifame.

50Daawit billaa utuu of harkaa hin qabaatin, akkasitti furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha in mo'ate; inni Filisxeemicha rukutee in ajjeese.

51Kana booddee gara isaatti fiigee, irra dhaabatee billaadhuma Golyaad mann'ee isaa keessaa luqqifatee, ittiin mataa isaa irraa in mure; warri Filisxeemis loltuun isaanii inni jabaan akka du'e yommuu argan fiiganii in baqatan.

52Yommus namoonni Israa'elii fi namoonni Yihudaa ka'anii dhaadachaa Filisxeemota hamma dachaa sanaatti, hamma karra Eqroonitti in ari'an; Filisxeemonni warri waraanamanii madaa'anis karaa Shaa'araayim irra hamma Gaatitti, hamma Eqroonittis kukkufanii in dhuman.

53Israa'eloonni warra Filisxeem duukaa bu'anii ari'uu irraa yommuu deebi'an iddoo buufata isaanii immoo in saaman.

54Daawit mataa Filisxeemichaa gara Yerusaalemitti in geesse, mi'a lolaa isaa garuu dunkaana isaa keessa in kaa'ate.

55Daawit Filisxeemicha loluuf akka adeeme Saa'ol yommuu arge, Abneer ajajaa humna waraanaatiin,“Yaa Abneer, dargaggeessi kun ilma eenyuu ti?” jedhee in gaafate; Abneeris,“Yaa mootii! Du'a lubbuu keetii ti, ani hin beeku” jedheen.

56Mootichis,“Dargaggeessi kun ilma eenyuu akka ta'e mee qoradhu!” jedheen.

57Daawit Filisxeemicha ajjeesee akkuma deebi'een, amma illee mataan Filisxeemichaa harka isaa keessa utuu jiruu, Abneer Saa'ol duratti isa in dhi'eesse.

58Saa'ol yommus Daawitin,“Dargaggeessa nana! Ati ilma eenyuu ti?” jedheen; Daawit immoo,“Ani ilma garbicha kee Isey Betlihemichaa ti” jedheen.

1ffaa Saamu'eel 18:1-5

1Daawit yommus Saa'olii wajjin dudubbachuu in raawwate; erga yeroo sanaatii Yonaataan ilmi Saa'ol baay'isee Daawititti in maxxane; akka lubbuu isaatiittis isa in jaallate.

2Saa'ol gaafasii jalqabee Daawitin ofitti in fudhate; gara mana abbaa isaattis isa hin deebifne.

3Yonaataan akka lubbuu isaatiitti Daawitin waan jaallatuuf, kakuu isaaf in gale.

4Kana malees qoloo isaa of irraa baasee akkasumas uffata isaa, billaa isaa, iddaa isaa fi hidhata mudhii isaa Daawitiif in kenne.

5Daawit iddoo Saa'ol itti isa ergu hundumaa in dhaqa, waan hojjetus ogummaadhaan in raawwata ture; kanaaf Saa'ol loltoota irratti aboo in kenneef; kunis namoota hundumaa, hojjetoota Saa'ol warra gurguddootas in gammachiise.