Sanbata
52 Lakkoofsota11Afaan OromooSeensa 2:2-3
Ba'uu 16:22-30
22Gaafa guyyaa ja'affaa immoo jarri buddeenicha harka lama mata mataatti omeer lama in funaannatu turan; angafoonni waldaa hundinuu dhufanii waan ta'e Museetti in himan;
23inni immoo deebisee,“Inni kun isuma Waaqayyo,“Bor guyyaa boqonnaa ti, Sanbata Waaqayyoof qulqullaa'ee dha; har'a wanta nyaataaf tolchattan tolchaa, wanta affeeltanis affeelaa! Isa irraa waan hafu hundumaa immoo boriif kaa'adhaa!” jedhee abboomee dha” isaaniin jedhe.
24Isaan akkuma Museen dubbatee ture, isa irraa hafe borumtaadhaaf in kaa'atan; inni immoo hin ajoofne, raammoos hin godhanne.
25Museen,“Har'a isa nyaadhaa! Guyyaan har'aa Sanbata Waaqayyoo ti, har'a bakkeetti isa hin argattan;
26guyyaa ja'a in funaannattu; guyyaa torbaffaa, guyyaa Sanbataatti garuu tokko illee bakkeedhaa hin argattan” jedhe.
27Saba sana keessaa kaan immoo guyyaa torbaffaatti funaannachuudhaaf in ba'an; garuu waan tokko illee hin arganne.
28Yommus Waaqayyo Museedhaan,“Isin hamma yoomiitti abboommii koo fi seera koo eeguu diddu”
29Ilaa, ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa isiniif kenneera; kanaaf gaafa guyyaa ja'affaa buddeena guyyaa lamaaf ta'u isiniif nan kenna; egaa namni adduma addaan iddoo isaa haa turu, guyyaa Sanbataatti namni tokko illee iddoo isaatii hin adeemin!” jedhe.
30Jarri sunis guyyaa torbaffaatti in boqotan.
Ba'uu 20:8-11
8“Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu!
9“Guyyaa ja'a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu!
10“Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha; ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, horiin qe'ee kee, galaan kellaa kee keessa jirus isatti hojii tokko illee hin hojjetin!
11“Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa, galaana, wanta isaan keessa jiru hundumaas uumee, guyyaa torbaffaatti nan boqodhe; kanaaf ani Waaqayyo guyyaa Sanbataa nan eebbise, nan qulqulleesses.
Ba'uu 31:13-17
13“Saba Israa'eliin,“Sanbatoota koo eegi! Ani Waaqayyo isa si qulqulleessu akkan ta'e akka beektuuf, dhaloota hundumaa keessatti Sanbanni kun anaaf si gidduutti milikkita” jedhi!
14Guyyaa Sanbataa eegi inni siif qulqullaa'aa dha; namni qulqullinatti isa hin eegne haa ajjeefamu! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu saba isaa keessaa haa balleeffamu!
15Guyyoonni ja'a guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, guyyaa inni torbaffaan garuu guyyaa aara-galfannaa ti, guyyaan kun ana Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha; namni guyyaa Sanbataatti hojii hojjete hundinuu haa ajjeefamu!
16Sabni Israa'el dhaloota isaanii hundumaa keessatti akka kakuu bara baraatti Sanbata haa ayyaaneffatan!
17Ani Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti bantii waaqaa fi lafa uumee, guyyaa torbaffaatti immoo waanan hojjechaa ture hundumaattii boqodheen aara galfadhe; kun anaa fi saba Israa'el gidduutti bara baraan milikkita in ta'a” jedhe.
Neemiyaa 9:13-14
13Ati bantii waaqaa irraa tulluu Siinaa irratti gad buutee isaanitti dubbattee, firdii qajeelaadhaa fi seera dhugaa, seerrataa fi abboommii gaariis isaaniif in kennite.
14Karaa garbicha kee Musee, Sanbanni kee inni qulqulluun isaan biratti akka beekamu gootee, abboommii, seerrataa fi seera in kenniteef.
Faarfannaa 92:1-15
1Waaqayyoof galata galchuun, yaa isa hundumaa gara irraa jirtuu, maqaa kee jajatanii faarfachuun maal maal gaarii dha!
2Ganama gaarummaa kee, halkanis amanamummaa kee himuun,
3sagalee mi'a ribuu kudhan qabuu fi kan kiraaraatiin, sagalee maseenqootiinis dhageessisuun gaarii dha.
4Ati yaa gooftaa, gocha keetiin na gammachiifteetta, hojii harka keetti gammadee nan faarfadha!
5Hojiin kee attam guddaa dha, yaa Waaqayyo, yaadni kees maal maal gad fagoo dha!
6Wallaalaan kana hin beeku, gowwaanis kana hin hubatu.
7Warri jal'oonni akka margaa biqila yoo tolan iyyuu, warri hamaa godhan hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan raawwatanii balleeffamuuf jiru.
8Ati garuu, yaa gooftaa! Bara baraan hundumaa gara irraa dha.
9Ilaa kaa, diinota kee yaa gooftaa! Ilaa diinonni kee lafa irraa in badu, warri hamaa godhan hundinuus in bittimfamu!
10Ati garuu gaanfa mataa kootii, akka gaanfa gafarsaatti ol anaaf kaafte, dibata ho'aas na dibde.
11Iji koo gad deebii diinota koo in arga, gurri koos waca warra hamoota ana irratti ka'anii in dhaga'a.
12Namni qajeelaan akka muka meexxii biqila in tola, akka gaatiraa Libaanosis ol in guddata.
13Isaan akka biqiltuu mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii, oobdii gooftaa keenyaa keessatti in lalisu.
14Dulluma keessa iyyuu ija in godhatu, isaan yeroo hundumaa jiidha qabu, in lalisus.
15Kun qajeelina Waaqayyoo in hima; inni kattaa koo ti, isa bira immoo jal'inni hin jiru.
Isaayaas 56:2
2Namni wanta kana godhu, inni kana jabeessee eegu, inni Sanbata hin xureessine, inni harka isaa wanta hamaa hojjechuuttii dhowwus haa gammadu!” jedhe.
Maarqos 2:27
27Yesus itti dabalee, ?Sanbatatu namaaf uumame malee, namni Sanbataaf hin uumamne.
Maarqos 6:2
2Guyyaa Sanbataattis mana sagadaatti barsiisuu jalqabe. Warra isa dhaga'an keessaas baay'een raajeffatanii, ?Wanti kun hundinuu eessaa dhufeef? Ogummaa attamiitu isaaf kenname? Hojii aangoo attam attamiitus harka isaatiin hojjetaman?
Luqaas 13:10-17
10Yesus guyyaa Sanbataatti mana sagadaa tokkotti in barsiisa ture.
11Kunoos dubartiin hafuura hamaadhaan qabamtee, waggaa kudha saddeet dhukkubsate tokko achi turte; isheen goophoftee ol qajeeluu hin dandeenye.
12Yesus yommuu ishee arge, ofitti ishee waamee, ?Dubartii nana, dhukkuba keettii hiikamteetta? jedhe.
13Harka isaas ishee irra kaa'e; isheen achumaan ol qajeeltee dhaabatee, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessite.
14Angafni mana sagadichaa garuu, Yesus guyyaa Sanbataatti fayyisuu isaa waan jibbeef, jarreen achi turaniin, ?Guyyoonni ja'a hojii itti hojjechuun kan namaaf ta'u jiru; guyyoota sanatti kottaatii fayyifamaa malee, guyyaa Sanbataatti miti? jedhe.
15Kana booddee gooftichi angafichaan, ?Isin of tuultuu nana, isin keessaa guyyaa Sanbataatti sa'a isaa yookiis harree isaa hidhaattii hiikee, bishaanitti kan hin geessine eenyu inni?
16Egaa dubartiin kunis, hafuurri hamaan waggaa kudha saddeet ishee hidhee kan ture, intalli Abrahaam, guyyaa Sanbataatti hiikamuun hin ta'uufii ree?? jedhe.
17Yommuu inni kana dubbate, warri isaan morman hundinuu in yeella'an; namoonni hundinuus waan dinqisiisaa inni hojjete hundumaatti in gammadan.
Yohaannis 7:21-24
21Yesus immoo deebisee, ?Ani hojii isin dinqisiisu tokko hojjedheera, isin hundumti keessan immoo isa irratti in rifattan.
22Museen seera dhagna-qabaa isiniif kenne; dhagna-qabaan kun illee abaabiliidhaan dhufe malee, Museedhaan hin jalqabamne; isin immoo guyyaa Sanbataatti iyyuu nama dhagna in qabdu.
23Seerri Musee akka eegamuuf, namni guyyaa Sanbataatti iyyuu dhagna kan qabatu erga ta'ee, guyyaa Sanbataatti waan ani nama guutummaa isaa fayyiseef anatti dheekkamtu ree?
24Akka bakkeedhaan ilaaltanitti hin faradinaa, firdii qajeelaa kennaa malee? isaaniin jedhe.