Seenaa Agar - 1
24 Lakkoofsota2Afaan OromooSeensa 16:1-16
1Saaraayi haati manaa Abraam dhala hin godhanne; hojjettuu“Aggaar” jedhamtu tokko immoo qabdi; isheen nama biyya Gibxii turte.
2Saaraayis Abraamiin,“Waaqayyo dhala godhachuu akka na dhowwe in argita, kanaaf hojjettuu koo bira ga'i! Tarii ishee irraa nama maqaa koo kaasu nan argadhan ta'a” jette; Abraamis dubbii Saaraayi in dhaga'e.
3Saaraayi haati manaa Abraam hojjettuu ishee Aggaar ishee nama biyya Gibxii sana fidde, akka haadha manaatti Abraam abbaa manaa isheetiif in laatte; kunis Abraam biyya Kana'aan keessa waggaa kudhaniif erga jiraatee booddee ta'e.
4Inni Aggaar bira ga'e, isheenis in ulfoofte; ulfa ta'uu ishees of irratti argitee giiftii ishee ulfina dhowwatte.
5Saaraayi kana irratti Abraamiin,“Anatti balleessuu ishee kanatti situ gaafatama! Ati hojjettuu koo ofitti akka qabduuf anatu siif kenne, isheenis ulfa ta'uu ishee of irratti erga argitee, ana in tuffatte; Waaqayyo anaa fi si gidduutti haa faradu!” jette.
6Abraam yommus Saaraayiin,“Kunoo! Hojjettuun kee harka kee keessa jirti, waanuma gaarii ta'ee sitti mul'ate godhi!” jedhe; ergasii Saaraayi hojii jibbisiisaadhaan gad ishee qabde; Aggaar immoo ishee jalaa in baqatte.
7Ergamaan Waaqayyoos lafa onaa keessatti burqaa bishaanii biratti Aggaarin in arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuur dhaqu gubbaa jira ture;
8ergamichis Aggaariin,“Yaa Aggaar, hojjettuu Saaraayi! Eessaa dhufte, amma immoo eessa dhaqaa jirta?” jedhe; isheenis,“Ani Saaraayi giiftii koo jalaa baqachaan jira” jette.
9Ergamaan Waaqayyoo immoo deebisee isheedhaan,“Deebi'ii giiftii keetiif gali, gad of deebisii harka ishee jala buli!” jedhe.
10Ergamaan Waaqayyoo itti fufee,“Waaqayyo,“Ani sanyii kee guddaa nan baay'isa, baay'ina isaa irraa kan ka'es namni danda'ee isa hin lakkaa'u” siin jedha” jedhe.
11Ergamaan Waaqayyoo ammas immoo, “Kunoo ulfoofteetta, ilmas in deessa, Waaqayyo isa ati gad qabamtee iyyatte waan siif dhaga'eef, maqaa isaa “Ishmaa'el” jettee in moggaafta!
12Inni akka harree diidaatti in jiraata; inni nama hundumaa irratti harka ol in fudhata, namni hundinuus isa irratti harka ol in fudhata; obboloota isaa hundumaan cigaadaa in jiraata” jedheen.
13Aggaaris,“Ani dhuguman Waaqayyoon isa na ilaalaa ture argee?” waan jetteef, Waaqayyo isa isheetti dubbate sana “El-Ro'i” jettee waamte; [“El-Ro'i” jechuun “Waaqayyo isa na ilaalu” jechuu dha].
14Kanaaf namoonni bishaan boollaa isa Qaadeshii fi Baared gidduu jiru sana, (“Be'er-Lahaayi-Ro'i” jedhanii waaman);“Be'er-Lahaayi-Ro'i” jechuun “Bishaan boollaa kan isa jiraataa na ilaaluu” jechuu dha.
15Aggaaris Abraamiif ilma deesse; Abraamis maqaa ilma isaa isa Aggaar isaaf deesse“Ishmaa'el” jedhee moggaase. [“Ishmaa'el” jechuun “Waaqayyo in dhaga'a” jechuu dha].
16Yommuu Aggaar Ishmaa'elin isaaf deesse, Abraam nama waggaa saddeettamii ja'aa ture.
Seensa 17:1-8
1Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii yeroo ta'etti Waaqayyo isatti mul'atee,“Ani El-Shaadaayii dha” [“El-Shaadaayi” jechuun “Waaqayyo isa hundumaa danda'u” jechuu dha];“Balleessaa kan hin qabne ta'i, fuula koo dura deddeebi'i!
2Anis kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba, hamma malees sin baay'isa!” jedheen.
3Yommus Abraam fuula isaatiin lafatti gad in gombifame; Waaqayyos isatti in dubbate;
4inni,“Kunoo, kakuun ani sii wajjin gale, ati saba sonaan baay'eedhaaf abbaa akka taatuu dha;
5maqaan kee si'achi“Abraam” hin jedhamu, ani saba sonaan baay'eedhaaf abbaa waanan si godhuuf, maqaan kee“Abrahaam” in jedhama; [“Abrahaam” jechuun “Abbaa saba baay'ee” jechuu dha].
6Ati sonaan baay'iftee akka hortu nan godha; sabni baay'een si keessaa akka argaman, mootonnis si keessaa akka ba'an nan godha;
7ani siif Waaqayyo ta'ee, si booddeedhaanis sanyii keetiif Waaqayyo ta'uufiif kakuu koo ofii koo fi si gidduutti, dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu bara baraa godhee, cimsee nan dhaaba.
8Biyya ati amma galaa itti taate, biyya Kana'aan hundumaa siif, si booddeedhaanis sanyii keetiif, dhaala bara baraa godhee nan kenna; isaaniifis Waaqayyo nan ta'a” jedhe.