Hundumaa danda’a

21 Lakkoofsota19Afaan Oromoo

Ermiyaas 32:27

27inni,“Kunoo! Ani Waaqayyoo dha, sanyii namaa hundumaafis gooftaa dha; wanti anaaf hin danda'amne jiraa ree”

1ffaa Seenaa Baraa 29:11

11Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan kee ti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan kee ti. Yaa Waaqayyo, mootummaan kan kee ti, ati waan hundumaa ol, mataa waan hundumaa tis.

Luqaas 1:37

37Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru? jedhee deebiseef.

Faarfannaa 80:19

19Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, deebisii nu dhaabi, nuyi akka fayyinuttis fuulli kee nuuf haa ibsu!

Faarfannaa 91:1-2

1Namni golgaa isa hundumaa gara irraa jiru keessa jiraatu, gaaddisa isa hundumaa danda'uu jala in buufata;

2Waaqayyoon,“Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha” in jedha.

Mul'ata 1:8

8Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, ?Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas? jedha; [kana jechuun, ?Ani isa duraa ti, isa booddee tis? jechuu dha].

Faarfannaa 145:3

3Waaqayyo guddaa dha, guddisee kan jajamuu dha; guddinni isaas qoramee bira hin ga'amu.

Ermiyaas 32:17

17“Yaa Waaqayyo gooftaa! Ati humna kee isa guddaadhaa fi irree keetiin waaqaa fi lafa uumteetta; wanti siif hin danda'amnes tokko illee hin jiru.

Roomaa 1:20

20Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda'a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban.

1ffaa Seenaa Baraa 29:12

12Badhaadhummaanii fi ulfinni si biraa namaaf in dhufa; ati waan hundaa irratti gooftummaa qabda; namoota hundumaa guddisuuf, jabeessuufis jabinaa fi aangoo situ qaba.

Faarfannaa 24:1

1Lafichi, wanti laficha guutes hundinuu kan Waaqayyoo ti, biyyi lafaa fi warri isa keessa jiraatanis kan isaa ti;

Roomaa 8:38-39

38Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka.

39Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin baasu.

1ffaa Yohaannis 4:4

4Ijoollee ko! Isin kan Waaqayyoo ti, raajota sobduu sanas mootaniittu; hafuura isa biyya lafaa keessa jiru sana irra, isa isin keessa jirutu caala'o.

Efesoona 6:10

10Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aango-qabeessaattis jabaadhaa.

Daani'eel 2:22

22Dubbii gad fagoodhaa fi dhokataa in mul'isa, wanta dukkana keessa jiru in beeka, ifnis isa bira in jiraata.

Hezeqeel 34:26

26Ani yommus isaan nan eebbisa, iddoo naannoo gaara koo jiru sanas nan eebbisa; ani yeroo isaatti tiifuu nan roobsa, innis tiifuu eebbaa in ta'a.

1ffaa Saamu'eel 2:7

7Waaqayyo nama in deegsa, in badhaasas; inni nama gad in deebisa, olis in qaba.

Maarqos 14:36

36?Yaa abbaa koo wanti hundumtuu siif in danda'ama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa ta'u malee, waan ani jaalladhu miti? jedhe.

Faarfannaa 139:4

4Utuma dubbiin afaan kootii hin ba'in, isa ani jechuuf ture hundumaa ati dur illee beekte, yaa Waaqayyo!