Hiriyummaa
19 Lakkoofsota9Afaan OromooFakkeenya 17:17
17Firoonni yeroo hundumaa wal jaallatu, haadhonnis gaafa xiiqiitiif.
Fakkeenya 18:24
24fira fakkaatanii kan nama balleessan jiru, firri obboleessa caalaa namatti aanus immoo jira.
Fakkeenya 22:24
24Nama dheekkamaatti hin firoomin, nama dafee aaruttis hin hidhatin!
Fakkeenya 27:6
6Dhungachuu diinaa irra, rukutee madeessuu nama nama jaallatuu wayya;
Fakkeenya 27:10
10Michuu kee fi michuu abbaa keetii hin dhiisin! Yeroo rakkina keetiitti mana obboleessa keetii hin dhaqin! Obboleessa fagoo jiru irra, ollaa dhi'oo jiru wayya.
Fakkeenya 27:17
17sibiilli sibiila in qara, namnis nama biratti in qarama.
Lallaba 4:9-12
9Wanti lama ta'anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta'uun kophaa ta'uu irra in wayya;
10inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa; nama yommuu kufu lafaa isa kaasu hin qabneef garuu wayyoo!
11Namoonni lama walii wajjin yoo ciisan, wal in ho'isu, nama kophaa isaa ciisutti garuu, attamitti ho'uu danda'a ree”
12Namni tokko nama kophaa adeemu tokko humna caalee yoo kuffise, warri lama ta'anii adeeman isaan mormuu in danda'u; fo'aan dachaa sadiin walitti fo'ame dafee hin citu.
Luqaas 11:5-10
5Yesus yommus bartoota isaatiin, ?Isin keessaa tokko fira yoo qabaate, firri isaa sun immoo halkan walakkaa gara isaa dhaqee, ?Yaa hiriyaa ko buddeena sadii anaaf liqeessi.
6Firri koo tokko karaa utuu adeemuu, ammuma kana mana kootti gorraan, waanan dhi'eessuuf dhabe? in jedhaan.
7Hiriyaan isaa sun immoo mana keessaa, ?Obboleessa ko ana hin dhamaasin, balballi cufameera, ijoolleen koos anaa wajjin siree irra jiru, rafaniirus, ani immoo danda'ee ka'ee siif hin kennu? in jedhaan ture.
8Isinittan hima, firummaa isaa ilaalee ka'ee yoo buddeenicha kennuufii baate iyyuu waan inni deddeebisee ija jabaatee kadhateef, ka'ee kan isa barbaachise in kennaaf? jedhe.
9?Egaa isinittan hima, kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama.
10Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama.
Yohaannis 15:13-15
13Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u.
14Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti.
15Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga'e hundumaas isin beeksiseera.