Ibraa'oota 8

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota3:07 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:07 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanta dubbannu keessaa, ?Nuyi angafa lubootaa isa bantii waaqaa keessatti, gara mirga teessoo Waaqayyoo surra-qabeessaa taa'e akkasii qabna? isa jedhutu hunduma irra caala.

2Inni godoo qulqullaa'aa sana keessatti, godoo namni dhaabe utuu hin ta'in, godicha isa dhugaa Waaqayyo gooftaan dhaabe sana keessatti, angafa lubootaa ta'ee in hojjeta.

3Angafa lubootaa kan ta'e hundinuu kennaa fi aarsaa dhi'eessuudhaaf hojii irra in dhaabama; kanaaf inni kunis immoo waan dhi'eessu qabaachuun isaaf in barbaachisa.

4Luboonni akka seerichaatti kennaa dhi'eessan waan jiraniif, inni utuu fooniin biyya lafaa irra jiraate iyyuu luba akka isaanii hin ta'u ture.

5Isaan godoo isa akka gaadidduu isa waaqa irraatti garagalfame sana keessatti in hojjetu; fakkeenyi godoon sun ittiin ijaarame Museetti argisiifamee ture. Yeroo inni godoo sana ijaaruuf ka'etti Waaqayyo, ?Ammas waan hundumaa fakkeenya isa gaara irratti sitti argisiifame sanaan akka hojjettuuf akeekkadhu!? ittiin jedhe.

6Yesus hojii lubummaa isa kan isaanii irra fagoo caalu fudhate; hammuma hojiin isaa caalu immoo, kakuun inni Yesus Waaqayyoof namoota gidduu dhaabe, inni abdii caalu irra dhaabatu sun guddaa in caala.

7Kakuun inni duraa hir'ina hin qabu utuu ta'ee, isa lammaffaa iddoo buusuun hin barbaachisu ture.

8Balleessaan isaan irratti argamnaan raajichi, ? ?Kunoo guyyoonni tokko in dhufu; guyyoota sanatti ani mana Israa'elii fi mana Yihudaaf kakuu haaraa iddoodhaan nan ga'a? jedha gooftichi.

9?Garuu kakuun kun akka isa duraa miti; harka qabee gaafan biyya Gibxii isaan baase, kakuu sana abboota isaaniif nan dhaabe; isaan kakuu koo sanatti jabaatanii hin hafne, anis jabeessee isaaniif hin yaanne? jedha gooftichi.

10Guyyoonni sun yeroo ga'an, kakuu ani mana Israa'eliif kakadhu, ?Seera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis isa nan caafa; ani isaaniif Waaqayyo nan ta'a, isaanis anaaf saba in ta'u, isa jedhuu dha? jedha gooftichi.

11Itti dabalees, ?Namni tokko iyyuu si'achi nama biyya isaa yookiis obboleessa isaa gooftaa bari! jedhee hin barsiisu; xixinnayyoota isaaniitii jalqabanii hamma gurguddoota isaaniitti hundumti isaanii na beeku.

12Jal'ina isaaniittii isaan nan maara, cubbuu isaaniis deebi'ee hin yaadadhu? jedheera? jedhe.

13Waa'ee kakuu haaraa dubbachuun isaa inni duraa moofa'eera jechuu isaa ti; wanti moofa'e, wanti dulloomes badduu ba'uu ga'eera.

Ibsa

8:1-6

Waan labsame cuunfaa isaa yookiin guduunfaa isaa inni Kiristaanonni Lubaa Ol'aanaa isaan barbaadan qabaachuu isaanii ture. Inni uumama namaa ofitti fudhate, lafarratti mul'ate, achittis ofii isaa aarsaa gochuudhaan Waaqayyoof kenne cubbuu saba isaa tiif. Nuti hoggannee Waaqayyotti dhihaachuu yookiin wanta tokko illee isaaf dhiheessuuf hin qabnu, yoo Kiristoositti fi Kiristoosiiin ta'e malee, qajeelummaa isaa fi gidduu-galeessa ta'uu isaa irratti hundaa'uudhaan; sababiin isaa, Nuti Jaallatamaa sana keessatti qofa fudhatamneerra. Ajajamuufi waaqeffanna hunda keessatti, nuti dubbii Waaqayyoo wajjin walitti dhihaachuu qabna, inni safartuu tokkicha fi guutuu dha. Kiristoos cuunfaa fi xumura seera qajeelummaa dha. Garuu kakuun asitti eerame, inni Israa'elitti biyya tokko ta'ee godhame ture, bu'aa yeroo gabaabaa isaaniif mirkaneessaa ture. Abdii qabeenya hafuuraa hunda, fi jireenya bara baraa, wangeelaan mul'ate, fi Kiristoosiin mirkanaa'e, gatii daangaa hin qabne guddaa ta'e qabu. Waaqayyoon haa galatoomfannu, sababiin isaa, nuti Lubaa Ol'aanaa haala keenya gargaarsa barbaaduuf ta'u qabna.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6