Hojjetoota Maasii Wayinii

16 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Maatewos 20:1-16

1Yesusis, ?Mootummaan waaqaa akka nama araddaa qabu tokkoo ti; namichi iddoo dhaabaa waynii isaatiif hojjetoota qacarachuudhaaf ganama obboroodhaan gad ba'e.

2Inni guyyaatti nama tokkoof birrii tokko kennuudhaaf hojjetoota sanaa wajjin erga walii galee, gara iddoo waynii isaatti isaan erge.

3Gara sa'aatii sadiittis achi ba'ee, kaan immoo lafa gabaa hojii malee dhaabatanii arge.

4Jara sanaanis, ?Isinis gara iddoo waynichaa dhaqaa, ani immoo waan ta'u isiniifan kenna? jedhe.

5Jarris in dhaqan; gara sa'aatii ja'aatti, gara sa'aatii sagaliittis ammoo gad ba'ee akkasuma godhe.

6Gara sa'aatii kudha tokkoottis gad ba'ee kan biraa immoo utuu dhaabatanii arge. Isaaniinis, ?Maaliif guyyaa guutuu hojii malee addana dhaabattu?? jedhe.

7Isaanis, ?Namni tokko iyyuu hojiitti waan nu hin qacaratiniif as dhaabanna? jedhaniin; inni immoo, ?Isinis gara iddoo waynichaa dhaqaa!? jedheen.

8?Yeroo galgalaa'es abbaan waynichaa isa hojii isaa adeemsisuun, ?Hojjetoota waami! Warra booddeetii jalqabii hamma warra duraatti, beenyaa isaanii baasiif!? jedhe.

9Warri gara sa'aatii kudha tokkotti qacaraman dhufanii, birrii tokko tokko fudhatan.

10Warri duraa yommuu dhufan immoo caalaa waan argatan isaanitti fakkaate; garuu isaanis birrii tokko tokko fudhatan.

11Haa ta'u iyyuu malee, fudhatanii abbaa waynichaa irratti guunguman.

12Isaan, ?Warri booddee kun sa'aatii tokko duwwaaf hojjetan, ati garuu nuyi warra dadhabbii guyyichaa fi o'a saafaa baatee wajjin wal isaan qixeessite? ittiin jedhan.

13Namichi garuu isaan keessaa isa tokkoon, ?Yaa namicho! Ani waan tokko illee sitti hin balleessine; ati birrii tokkotti anaa wajjin walii hin gallee ree?

14Amma kan kee fudhadhuu dhaqi! Ani namicha isa booddee kanaafis hammuma kan keetii kennuufii nan fedha.

15Ani immoo horii ofii kootiitiin waanan fedhe gochuun anaaf hin ta'uu ree? Yookiis arjummaa koo weennaattaa?? jedheen.

16Akkasuma warri booddee warra duraa, warri duraas warra booddee in ta'u? jedhe.