1ffaa Ximotewos 3

GAZGAZAfaan Oromoo16 Keeyyattoota2:47 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:47 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1?Namni ilaaltuu hojii waldaa kristiiyaanaa ta'uu fedhu, hojii ba'eessa hawwa? inni jedhu dubbii amanamaa dha.

2Ilaaltuun hojii waldaa kristiiyaanaa, waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha manaa tokkittii, nama dhugaatiitti of hin ganne, nama of qabu, nama ulfinaa, nama keessummoota jaallatu, nama warra kaan barsiisuu danda'us ta'uun isa irra jira;

3nama garraamii, naga-qabeessas malee, nama machaa'aa, nama lola jaallatus hin ta'in! Nama horii jaallatus hin ta'in!

4Nama warra mana isaa ba'eessa godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina hundumaan abboomamuuf kan guddisu, ta'uun isa irra jira.

5Namni akka itti warra mana isaa bulchu hin beekne immoo, attamitti waldaa Waaqayyoof yaaduu danda'a ree?

6Of jajuudhaan afuufamee, firdii isa kanaan dura Seexanatti faradametti akka hin kufnetti, nama dhi'oo amane hin ta'in!

7Maqaan isaa badee kiyyoo Seexanaa keessatti akka hin kufnetti, warra alaa biratti maqaa gaarii qabaachuun isaaf in ta'a.

8Diiyaaqonoonni [warri waldaa kristiiyaanaa keessatti gargaartota ta'anis] akkasuma namoota ulfina nama irraa qaban malee, warra arraba lama dubbatan, dhugaatiittis warra gad of dhiisan, karaa dalgaatiin bu'aa argachuu warra jaallatan hin ta'in!

9Yaada garaa qullaa'aadhaan dhoksaa amantiitti qabamanii jiraachuun isaaniif in ta'a.

10Isaan duraan dursanii qoramanii ilaalamuun in ta'aaf; ilaalamanii erga waa irraa dhabame haa hojjetan.

11Gargaartonni dubartoonnis warra ulfina nama irraa qaban, warra dhugaatiitti of hin ganne, waan hundumaattis amanamoo haa ta'an malee, warra maqaa namaa balleessan ta'uun irra hin jiru.

12Diiyaaqonoonni, abbaa manaa haadha manaa tokkoo haa ta'an! Ijoollee isaanii, warra mana isaaniis ba'eessa godhanii haa bulchan!

13Diiyaaqonoonni, warri ba'eessa hojjetan ofii isaaniitiif iddoo gaarii, amantii isa Kristos Yesusiin argamu kana keessattis, ija jabina guddaa in argatu.

14Ani dafee gara kee akkan dhufu nan abdadha; garuu hammasitti gorsa kana siif caafuu koo ti.

15Tarii yoo ani tures, namni warra mana Waaqayyoo keessatti amala attamii qabaachuun akka isaaf ta'u, akka beektuuf kun si gargaara; manni kunis waldaa Waaqayyoo jiraataa, isa utubaa fi demdemoo dhugaa ta'ee dha.

16Nama Waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha; kanaafis, ?Inni foon uffatee mul'ateera, hafuurichi dhugaa galcheeraaf, ergamoota Waaqayyootti argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa keessatti itti amanameera, ulfinaan ol fudhatameera? jedhamee himameera.

Ibsa

3:1-7

Namni tokko hojii tajaajila tiksummaa yoo hawwelle, Kiristoositti jaalala qabuufi lubbuu namootaa irraa kan ka'e, of ganeefi tajaajila sanaaf of kennee rakkina danda'uuf yoo qophaa'e, inni hojii gaarii keessatti hojjetamuu barbaade. Hawwiin isaa in fudhatamuu qaba, haa ta'u malee, hojiichaaf dandeettii kan qabu ta'uu qaba. Tajaajilaan tokko balaaf sababa xiqqaa argisiisuu qaba, akka inni hojii isaa irratti salphina hin finneef. Inni sammuu qulqulluu qabaachuu qaba; gochoota isaa hundumaa keessatti dammaqaa, of qabaa, akkasumas mi'a nuuf kenname hundumaa fayyadamuu irratti cimdii ta'uu qaba. Sammuu qulqulluu qabaachuunfi dammaquun Caaffata Qulqullaa'aa keessatti walitti hidhamanii eeramu; isaan wal gargaaru. Maatiin tajaajiltootaa maatiiwwan kaan hundumaaf fakkeenya gaarii ta'uu qabu. Of tuulummaa irraa of eeguu qabna; inni cubbuu ergamoota seexanootatti jijjiireedha. Inni ollaa isaa gidduutti maqaa gaarii qabaachuu qaba, akkasumas jireenya isaa isa duraanii irraa salphina tokkollee hin qabaatin. Tajaajiltoota amanamaa hundumaa jajjabeessuuf, waadaa Kiristoos isa ayyaana qabeessa qabna: "Kunoo, ani yeroo hundumaa, hamma dhuma addunyaatti isinii wajjin jira," Mat 28:20.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6