Arjummaa
19 Lakkoofsota15Afaan OromooKeessa Deebii 15:7
7Obboloota kee warra mandaroota biyya kee isa Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa jiraatan keessaa inni tokko dhabaa yoo ta'e, garaa itti hin jabaatin yookiis harki kee obboleessa kee isa dhabaatti hiixachuu hin dhiisin!
Keessa Deebii 15:11
11Namni deegaan biyya kee keessaa waan hin dhabamneef, obboleessa kee isa dhabaa fi deegaa biyya kee keessa jiruuf harka kee akka diriirsituuf sin abbooma.
Faarfannaa 37:25-26
Faarfannaa 112:9
9Inni arjummaadhaan warra dhabaniif in kenna, qajeelummaan isaa yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata; gaanfi mataa isaa ulfinaan ol in qabama.
Fakkeenya 3:27-29
Fakkeenya 11:24-25
Fakkeenya 14:21
21namni nama tuffatu cubbamaa dha, namni hiyyeessaaf garaa laafu garuu haa gammadu!
Fakkeenya 19:17
17Namni hiyyeessaaf garaa laafuu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa;
Fakkeenya 22:9
9Sababii buddeena isaa irraa isa dhabaadhaan ga'uuf, namni arjaan eebbifamaa in ta'a.
Isaayaas 58:10
10isa beela'eef nyaata yoo kennitan, isa rakkates yoo gargaartan, ifni keessan dukkana keessatti in ba'a, dukkanni keessanis akka guyyaa saafaa in ta'a.
Hezeqeel 16:49
49“Kunoo, yakki Sodoom obboleettii keetii, akka kanatti fufee jiru ture, isheenii fi intaloonni ishee of koorsan; utuma nyaati isaan irraa hafuu, isaanitti tolees gabiitti utuma jiraatanii, isa rakkataadhaa fi deegaa hin gargaarre.
Maatewos 5:42
42Isa si kadhatuuf kenni, nama waa si irraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin gatin!? jedhe.
Maarqos 10:21
21Yesus ilaalee isa jaallatee, ?Waan tokkotu si duraa hir'ata. Dhaqii, waan qabdu gurgurii, warra deegaadhaafis kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta; isa booddee immoo kottuu ana duukaa bu'i!? jedheen.
1ffaa Qorontos 13:3
3Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarsee kennee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu.
2ffaa Qorontos 9:7
7Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta'in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta'a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.