Afaanota
39 Lakkoofsota5Afaan OromooHojii Ergamootaa 19:1-7
1Apholos amma illee Qorontos utuu jiruu, Phaawulos kutaa biyya gara olii keessa darbee, Efesoon dhufe. Achitti immoo bartoota gooftaa tokko argatee,
2?Yeroo amantan hafuura qulqulluu fudhattaniittuu?? isaaniin jedhe. Isaan immoo, ?Hafuurri qulqulluun akka jiru iyyuu nuyi hin dhageenye? jedhanii deebisan.
3Kana irratti Phaawulos, ?Yoos immoo isin maalitti cuuphamtani ree?? jedhe; isaan immoo, ?Cuupphaa Yohannisitti? jedhan.
4Phaawulos yommus, ?Yohannis isa booddee isa dhufuuf turetti, kana jechuunis Yesusitti, akka amanan saba barsiisee, cuupphaa geddarannaa yaada garaa cuuphe? jedhe.
5Jarri kana dhaga'anii maqaa gooftaa Yesusitti cuuphaman.
6Yeroo Phaawulos harka isaa isaan irra kaa'etti hafuurri qulqulluun isaan irratti bu'e; isaan afaan hin beekamneen haasa'an, raajiis in dubbatan.
7Isaan walumatti akka namoota kudha lamaa turan.
1ffaa Qorontos 12:9-10
9isa kaaniif amantiitu hafuuruma sanaan kennameef, isa kaaniif immoo kennaa warra dhukkubsatan fayyisuutu hafuura tokkicha sanaan kennameef;
10isa kaaniif dinqii hojjechuutu, isa kaaniif raajii dubbachuutu, isa kaaniif hafuurota gargar baasee beekuutu, isa kaaniif afaan hin beekamneen dubbachuutu, isa kaaniif afaan hin beekamne sana hiikuutu kennameef!
1ffaa Qorontos 13:8
8Jaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira.
1ffaa Qorontos 14:2-28
2Namni tokko afaan hin beekamneen yommuu dubbatu, namni isa hubatu waan hin jirreef Waaqayyotti dubbata malee, namootatti hin dubbatu; garuu hafuuraan geggeeffamee, waan dhoksaa baay'ee of keessaa qabu in dubbata.
3Namni waan Waaqayyo isatti mul'ise himu immoo, cimsuudhaaf, gorsuudhaaf, jajjabeessuudhaaf namootatti dubbata.
4Namni afaan hin beekamneen dubbatu, ofii isaa in cimsa; inni waan Waaqayyo isatti mul'ise himu immoo, waldaa kristiiyaanaa in cimsa.
5Ammas isin hundumti keessan afaan hin beekamneen akka dubbattan, caalaatti immoo waan Waaqayyo isinitti mul'ise akka himtan nan jaalladha. Waan afaan hin beekamneen dubbatame sana, akka waldaan kristiiyaanaa ittiin cimina argatuuf namni tokko yoo hiike malee, inni waan Waaqayyo itti mul'ise himu, isa afaan hin beekamneen dubbatu sana caalaa waa'ee in baasa.
6Yaa obboloota ko, ani, mul'ata tokko yookiis beekumsa yookiis raajii yookiis barsiisa tokko utuun hin dubbatin, afaan hin beekamne duwwaadhaan dubbachaa gara keessan yoon dhufe, attamittan isiniif waa'ee baasa ree?
7Ulullee yookiis kiraara, mi'a lubbuu hin qabne irratti iyyuu qooqni afuufame yookiis rukutame sun yoo gargar ba'uu dhabaate, maaliif akka ta'e attamitti beekama ree?
8Sagaleen fiingee gargar ba'e yoo dhaga'amuu dhabaates, eenyutu lolaaf qophaa'a ree?
9Isinis akkasuma, arraba keessaniin waan hin hubatamne yoo dubbattan, namni attamitti waan isin jettan beekuu danda'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanii ti.
10Biyya lafaa keessa afaan garaa garaa baay'een akka jiran beekamaa dha, garuu isaan keessaa sagaleen hiikaa hin qabne hin jiru.
11Sagaleen sun maal jechuu akka ta'e hin beeku yoon ta'e garuu, namicha afaan sana dubbatu biratti orma ta'uu koo ti; inni dubbatu sunis ana biratti orma ta'uu isaa ti.
12Isinis kennaa hafuuraa argachuudhaaf erga dhimmitanii, caalaatti waan waldaa kristiiyaanaa cimsuun hojjechuudhaaf dhama'aa!
13Kanaafis namni afaan hin beekamneen dubbatu, isa dubbate sana hiikuu akka danda'uuf kadhachuutu isa irra jira.
14Ani afaan hin beekamneen yoon kadhadhe, hafuurri koo in kadhata, qalbiin koo garuu isa duukaa hin kadhatu.
15Egaa maal wayya ree? Ani hafuuraan nan kadhadha, qalbii kootiinis immoo nan kadhadha; hafuuraan nan faarfadha, qalbii kootiinis immoo nan faarfadha.
16Kanaa achi yoo ati hafuuraan Waaqayyoon galateeffatte, waan ati jette erga hin beeknee, inni hiikaa dubbichaa hin hubanne attamitti galata ati dhi'eessite sanatti, ?Ameen? jechuu danda'a ree?
17Galanni ati dhi'eessite hammam gaarii yoo ta'e iyyuu, namicha isa kaan cimsuudhaaf hin gargaarre.
18Ani hunduma keessan caalaatti afaan hin beekamneen waanan dubbadhuuf, Waaqayyoon nan galateeffadha.
19Haa ta'u iyyuu malee, waldaa kristiiyaanaa keessatti afaan hin beekamneen sagalee kuma kudhan dubbachuu irra, warra kaan barsiisuudhaaf qalbii kootiin sagalee hiikaa qabu shan duwwaa dubbachuu nan jaalladha.
20Obboloota nana! Yaada keessanitti warra ga'an ta'aa malee, mucoolii hin ta'inaa! Hamaa hojjechuutti garuu akka daa'imootaa ta'aa.
21Seera keessatti, ? ?Namoota afaan isaanii hin beekamneen, hidhii warra kaaniitiinis saba kanatti nan dubbadha; isaan garuu kana irratti iyyuu ana hin dhaggeeffatan? jedha gooftichi? kan jedhu caafameera.
22Egaa afaan hin beekamneen dubbachuun milikkita warra hin amaniniif kennamee dha malee, warra amananiif kan kenname miti; waan Waaqayyo namatti mul'ise himuun garuu, warra amananiif yaadame malee, warra hin amaniniif miti.
23Waldaan guutuun walitti qabamee, amantoonni hundinuus afaan hin beekamneen yoo dubbatan, namoonni hiikaa dubbichaa hin beekne yookiis warri hin amanin yoo ol galan hundumti keessan maraatota hin jedhanii ree?
24Garuu hundinuu waan Waaqayyo isaanitti mul'ise utuu himuutti jiranii, namni hin amanin yookiis namni dubbicha keessa hin beekne yoo ol gale, wanti dubbatamu hundinuu garaa isaa rukutee, itti in farada.
25Dhoksaan garaa isaa keessa jirus bakkeetti in ba'a; namichis achumaan adda isaatiin lafa dha'ee, Waaqayyoof in sagada, Waaqayyo dhuguma isin gidduu akka jirus in hima.
26Egaa'oo yaa obboloota ko, yeroo walitti qabamtanitti isin keessaa tokko faarfannaa, tokko barsiisa, tokko mul'ata qaba; inni tokko waan afaan hin beekamneen dubbatu, inni kaanis hiikaa waan dubbatame sanaa qaba. Wanti isaan qaban kun hundinuu waldaa kristiiyaanaa cimsuudhaaf haa ta'an!
27Namni afaan hin beekamneen dubbatu yoo jiraate, lama yoo baay'ates sadii duwwaan tarreedhaan haa dubbatan; namni tokko immoo isa dubbatame hiikuun irra jira.
28Namni hiiku yoo jiraachuu dhabaate garuu, inni afaan hin beekamneen dubbatu sun, ofitti, Waaqayyottis haa dubbatu malee, waldaa keessatti hin dubbatin.