Hojii Ergamootaa 19

GAZGAZAfaan Oromoo41 Keeyyattoota8:11 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:11 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Apholos amma illee Qorontos utuu jiruu, Phaawulos kutaa biyya gara olii keessa darbee, Efesoon dhufe. Achitti immoo bartoota gooftaa tokko argatee,

2?Yeroo amantan hafuura qulqulluu fudhattaniittuu?? isaaniin jedhe. Isaan immoo, ?Hafuurri qulqulluun akka jiru iyyuu nuyi hin dhageenye? jedhanii deebisan.

3Kana irratti Phaawulos, ?Yoos immoo isin maalitti cuuphamtani ree?? jedhe; isaan immoo, ?Cuupphaa Yohannisitti? jedhan.

4Phaawulos yommus, ?Yohannis isa booddee isa dhufuuf turetti, kana jechuunis Yesusitti, akka amanan saba barsiisee, cuupphaa geddarannaa yaada garaa cuuphe? jedhe.

5Jarri kana dhaga'anii maqaa gooftaa Yesusitti cuuphaman.

6Yeroo Phaawulos harka isaa isaan irra kaa'etti hafuurri qulqulluun isaan irratti bu'e; isaan afaan hin beekamneen haasa'an, raajiis in dubbatan.

7Isaan walumatti akka namoota kudha lamaa turan.

8Phaawulos immoo hamma ji'a sadiitti mana sagadaa warra Yihudootaatti deddeebi'ee, ija jabinaan barsiise; yeroo kanattis wajjin dudubbachaa akka isaan amansiisuufis waa'ee mootummaa Waaqayyoo hubachiisaa ture.

9Isaan keessaa kaan garuu mata-jabeeyyii waan turaniif, namoota sana keessatti barsiisa karaa kristiiyaanaa irratti waan hamaa in dubbatu turan malee, hin amanne. Akkasitti Phaawulos warra amanan of duukaa fudhatee jara sana keessaa ba'e; guyyaa guyyaatti mana barumsaa Xiraanos keessatti warra amantootaa wajjin dudubbachaa ture.

10Kunis akka waggaa lamaa itti fufnaan, namoonni kutaa biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu Yihudoonnii fi Griikonni dubbii gooftaa in dhaga'an.

11Waaqayyo dinqii takkaa hin beekamin harka Phaawulosiin in raawwata ture.

12Kanaafis erbeen inni ittiin dafqa isaa haxaa'atu yookiis marati isaa warra dhukkubsatanitti yommuu geeffamu, dhukkubni isaanii isaan in dhiisa, hafuuronni hamoonnis keessaa in ba'u turan.

13Yihudoonni warri asii fi achi adeemanii hafuurota hamoota baasanis turan; isaan immoo namoota hafuurota hamoota qabanitti maqaa gooftaa Yesus itti waamuu yaalanii, hafuurota sanaanis, ?Maqaa Yesus isa Phaawulos lallabuutiin abboomamaa!? jedhan.

14Ilmaan Iskoyaas, angafa lubootaa warra Yihudootaa, torbanuu kana gochaa turan.

15Hafuurri hamaan garuu deebisee, ?Yesusin beeka, Phaawulosinis bareera; isin garuu eenyufa'i?? jedhee gaafate.

16Namichi hafuurri hamaan keessa tures isaanitti utaalee, humna isaan caalee uffata irratti cire; jarris mammadaa'anii qullaa isaanii harkaa ba'anii mana sanaa baqatan.

17Kunis Yihudootaa fi Griikota Efesoon jiraatan biratti in beekame. Kana irratti isaan guddaa na'an; maqaan gooftaa Yesus garuu ulfina guddaa argate.

18Warra amanan keessaas baay'een dhufanii, cubbuu isaanii mul'inatti himatanii, waan hojjechaa turan beeksisan.

19Isaan keessaas warri qoricha namatti gochaa turan macaafota ittiin hojjechaa turan walitti guuranii, fuula hunduma isaanii duratti guban; gatiin macaafota sanaa hamma meetii kuma digdamii shaniitti shallagame.

20Akkasitti dubbiin gooftaa humna isaa argisiisee, bal'achaa, guddachaas in adeeme.

21Dubbii kana booddee Phaawulos biyya Maqedooniyaa fi Akaayyaa keessa ba'e Yerusaalem dhaquudhaaf, murtoo godhate; ?Ergan achi ga'ee immoo Roomaas arguun ana irra jira? jedhee ture.

22Gargaartota isaa keessaa lama Ximotewosii fi Erasxosin gara Maqedooniyaatti ergee, ofii isaatii kutaa biyya Asiyaa keessa takka ture.

23Yeroo kana keessa waa'ee barsiisa karaa kristiiyaanaatiif mandara Efesoonitti gooliin guddaan in ka'e.

24Namichi tokko maqaan isaa Demeexros kan jedhamu meetii baqsa ture; bifa galma waaqayyittii tolfamtee, Arxemiis jedhamtu meetii irraa baqsee, namoota hojicha beekaniif karaa hojii baay'ee baneef.

25Demeexros jarreen kana, warra hojii kana keessaa qabanii wajjin, iddoo tokkotti walitti qabee, ?Jarana, soorumni keenya hojii kana irraa akka dhufu hundumti keessan in beektu.

26Waan namichi Phaawulos jedhamu kun hojjechaa jiru immoo, isin ofii keessanii arguu dhaga'uus in dandeessu. ?Waaqayyoliin harka namaatiin tolfaman, homaa miti? jedhee, addana Efesoonitti duwwaa utuu hin ta'in, kutaa biyya Asiyaa gara caalutti namoota baay'ee amansiisee yaada isaanii geddarsiiseera.

27Ammas hojiin keenya maqaa gadhee argachuu isaa duwwaa utuu hin ta'in, galmi Arxemiis waaqayyittii guddittii, akka waan gatii hin qabnetti lakkaa'amuun isaa in sodaachisa; guddinni waaqayyittii, ishee warri Asiyaa keessaa, warri biyya lafaa keessa jiranis hundinuu itti sagadan, baduuf jedha? isaaniin jedhe.

28Yeroo kana dhaga'anittis baay'ee aaranii, ?Arxemiis warra Efesoon, guddittii dha? jedhanii iyyan.

29Waci kun mandaricha keessa guute. Warri wacan kunis Gaayosii fi Arisxaarkos kan jedhaman, jarreen Maqedooniyaa warra Phaawulosii wajjin adeemaa turan, butanii gara mana walga'iitti fiigan.

30Phaawulos ofii isaatii tuuta namoota walitti qabaman sana keessatti argamuu barbaade; amantoonni garuu gad isa dhiisuu didan.

31Geggeessituu kutaa biyya Asiyaa sanaa kan ta'an keessaas, warri fira Phaawulos ergaa itti erganii, akka inni lafa walga'ii sana hin dhaqneef isa gorsan.

32Kana gidduutti walga'iin sun hundinuu in huursa ture; kaan waan tokkotti wacu; warri kaan immoo waan biraatti wacu; baay'een isaanii maaliif akka walitti qabaman iyyuu hin beekne turan.

33Warri Yihudootaa namicha Iskindir jedhamu tokko tuttuqanii waan kaasaniif, tuuta jaraa keessaa gar tokko immoo gara fuula duraatti isa waaman. Iskindiris akka falmannaa, jaratti waa dubbachuu barbaadee, calluma haa jedhaniif harkaan isaan hawwate.

34Isaan garuu, inni Yihudii ta'uu isaa hubatanii ergaan-takkaa, ?Arxemiis warra Efesoon, guddittii dha? jedhanii hamma sa'aatii lamaa kan ga'us isuma irra deddeebi'anii iyyan.

35Booddees caafaan mandara sanaa saba sana calluma jechisiisee, ?Yaa namoota Efesoon! Mandarri Efesoon, galma Arxemiis guddittiitii fi dhagaa bifa fakkeenya ishee, isa waaqa irraa gad bu'e, akka isheen eegdu, kan hin beekne jiraa laata?

36Kanas namni falmu erga hin jirree, isin gab jechuutu isiniif ta'a; waan tokko illees, utuu itti hin yaadin hojjechuun isiniif hin ta'u.

37Ammas isin jarreen kana as fiddaniittu; isaan garuu mi'a galma ishee hin saamne yookiis waaqayyittii hin arabsine.

38Demeexrosii fi hojjetoonni isaa wajjin jiran waan ittiin nama tokko illee hadheessan yoo qabaatan, guyyaan yaa'ii jira, warri biyya seerratanis jiru, achitti walitti haa falman!

39Kana malee, waan isin barbaaddan yoo jiraate immoo, kora mandara kanaa isa tooraan waamame keessatti ilaalamuutu ta'a.

40Goolii har'a ta'e kanatti itti gaafatamuun keenya hin oolu; gooliin kun ka'uu isaatiif sababiin hin jiru, nus immoo waa'ee isaatiif deebii ga'u kennuu in dadhabna? jedhe.

41Kana dubbatee, walga'ii sana gargar deebise.

Ibsa

19:1-7

Phaawulos, Efesoonitti, namoota amantii qaban muraasa kan Yesuusin akka Masiihittii ilaalan argate. Haa ta’u malee, isaan humna dinqisiisaa Hafuura Qulqulluu eeguuf hin geggeeffamne, akkasumas wangeelli keessattuu tajaajila Hafuura Qulqulluu ta’uusaa hin beekne. Garuu isaan odeeffannoo isaa fudhachuuf akka qophaa'anitti dubbatan. Phaawulos, Yohaannis namoota inni cuuphe achumatti akka dhaabatan gonkumaa akka hin barbaadne, garuu namicha isa isa booda dhufu, jechuunis Kiristoos Yesuus irratti akka amanan isaanitti hime. Isaan hubannaa kana galateeffannaan fudhatanii, maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman. Hafuurri Qulqulluun haala dinqisiisaa fi humna qabeessaan isaan irra bu’e; isaan afaanota adda addaan dubbatanii raajii dubbatan, akkuma ergamoonnii fi warri jalqabaa saba Waaqayyoo hin taane amanatan godhan. Yeroo ammaa humna dinqisiisaa hin eegnu ta'us, hundinuu warri akka barattoota Kiristoositti of mul’isan, amanamummaa amantii isaanii mirkaneessuuf dhiibbaa Hafuurri Qulqulluun qulqulleessuun (sanctification) mallattoo isaa fudhataniiru moo hin fudhanne akka qoratan gaafatamuu qabu. Baay’een isaan Hafuurri Qulqulluun akka jiru hin dhageenye fakkaatu, akkasumas baay’een wanti waa’ee ayyaana (grace) isaa fi jajjabina isaa dubbatame hundinuu gowwomsaa ta'uu isaa fudhatu. Namoota akkasii gaafachuun barbaachisaa dha: "Maarree, maaliif cuuphamtan?" Sababiin isaa, isaan hiika mallattoo alaa sana kan isaan irratti daddagalaa guddaa godhatan beeku hin fakkaatan.

19:8-12

Yeroo falmiiwwaniifi amansiisni namoota amantii dhabuuttiifi arrabsootti qofa onnee jabeessan, ofii keenyaafi warra kaanis michummaa qulqulluu hin taane akkasii irraa adda baasuu qabna. Waaqayyo barsiisa qulqullota durii kanaa mirkaneessuuf fedha Isaa ture, akka yoo dhaggeeffattoonni isaanii isaan hin amanne, hojiiwwan sana amanuu danda'an.

19:13-20 Yihudoota gidduutti keessattuu namoonni hafuurota hamoo baasuu yookiin baasuuf yaaluun waanuma beekamaa ture. Yoo nuti Seexana amantii Kiristoos qabnuun mormanne, inni nu jalaa baqata; garuu yoo nuti maqaa Kiristoos yookiin hojiiwwan Isaa akkuma siqilee yookiin eelaatti fayyadamnee isa mormuuf yaanne, Seexanni nu injifata. Bakka gaddi dhugaa cubbuuf jiru, kadhaa hundumaa keessatti Waaqayyo duratti, akkasumas yoo yeroonsaa gaafate namoota yakkinneefitti cubbuu bilisaan amanamuun ni jiraata.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አጵሎስም በቆሮንቶስ ሳለ ጳውሎስ በላይኛው አገር አልፎ ወደ ኤፌሶን መጣ፥ አንዳንድ ደቀ መዛሙርትንም አገኘ። አማርኛ ENGNIV While Apollos was at Corinth, Paul took the road through the interior and arrived at Ephesus. There he found some disci… English BCV ኣጵሎስ ኣብ ቆሮንቶስ እንተሎ፥ ጳውሎስ በቲ ላዕላይ ሃገር ሓሊፉ፥ ናብ ኤፌሶን መፀ። ኣብኡ ኸዓ ውሑዳት ደቀ መዛሙርት ረኸበ። ትግርኛ GAZBIB Apholos amma illee Qorontos utuu jiruu, Phaawulos kutaa biyya gara olii keessa darbee, Efesoon dhufe. Achitti immoo bar… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምዝ እንዘ አጵሎስ ሀሎ ቆሮንቶስ ኀለፈ ጳውሎስ እንተ ላዕላይ ደወል ወበጽሐ ኤፌሶን ወረከበ በህየ ኅዳጣነ አርድእተ። giz BCV aksum ኣጵሎስ ኣብ ቆሮንቶስ እንተሎ፥ ጳውሎስ በቲ ላዕላይ ሃገር ሓሊፉ፥ ናብ ኤፌሶን መፀ። ኣብኡ ኸዓ ውሑዳት ደቀ መዛሙርት ረኸበ። ትግርኛ AMHNIV አጵሎስ በቆሮንቶስ በነበረበት ጊዜ፣ ጳውሎስ በላይኛው አገር ዐልፎ ወደ ኤፌሶን መጣ፤ በዚያም አንዳንድ ደቀ መዛሙርትን አግኝቶ፣ አማርኛ SWAHSUV Ikawa, Apolo alipokuwa Korintho, Paulo, akiisha kupita kati ya nchi za juu, akafika Efeso; akakutana na wanafunzi kadha… Kiswahili