Bulchiinsa

27 Lakkoofsota4Afaan Oromoo

Luqaas 16:1-8

1Yesus bartoota isaatiin immoo, ?Namni sooressi tokko, qabeenya mana isaa hundumaa irratti kan gaafatamuuf, hojii adeemsiftuu qaba ture; al tokko hojii adeemsiftuun isaa kun qabeenya isaa akka duraa bittimsaa jiru, namichatti in himame.

2Yommus namichi ofitti isa waamsisee, ?Waa'ee keef kanan dhaga'u kun maal inni? Caaffata hojii adeemsisuu keetii, anaaf dhi'eessi! Si'achi itti fuftee hojii koo adeemsisuu hin dandeessu? ittiin jedhe.

3Yommus hojii adeemsiftuun sun garaa isaatti yaadee, ?Gooftaan koo hojii adeemsisuu kana keessaa yommuu na baasu, maal gochuudhaafan jira? Soqaa hin danda'u, kadhachuuf immoo nan yeella'a? jedhee of gaafate.

4?Yommuu ani hojii kana keessaa ba'u namoonni akka ofitti na fudhataniif, amma waanan godhu beekeera? jedhe.

5Warra gooftaan isaa gatii irraa qabu hundumaa tokko tokkoon ofitti waamee, isa duraatiin, ?Gatiin gooftaa koo maaltu si irra jira?? jennaan,

6namichi immoo, ?Dhadhaa ejersaa huuroo dhibba? jedhee deebise. Hojii adeemsiftuunis namichaan, ?Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, taa'ii dafiitii shantama jedhii caafi?.

7Nama kan biraa tokkoon immoo, ?Gatii hammamiitu si irra jira?? jennaan, innis, ?Qamadii guuboo dhibba? jedhe. Isa kanaanis, ?Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, saddeettama jedhii caafi!? ittiin jedhe.

8?Gooftichis hojii adeemsiftuu hin amanamne kana miliquu isaatiif in jaje; ijoolleen biyya lafa kanaa ijoollee ifaa irra kan caalu akka itti miliqanii walii wajjin jiraatan beeku.

Luqaas 19:12-27

12?Abbaan qoroo tokko mootummaa fudhatee deebi'uudhaaf, biyya fagoo dhaqe.

13Garboota isaa keessaa namoota kudhan ofitti waamee, adda addaan warqee waqeeta tokko tokko itti kennee, ?Hamma ani deebi'utti ittiin bitaa gurguraa? jedhe.

14Namoonni biyya isaatii garuu isa jibbanii, ?Namni kun nu irratti akka mo'u hin barbaannu? jedhanii akka himaniif, jaarsolii booddee isaatiin duukaa ergan.

15?Abbaan qoroo sunis mootummaa fudhatee erga deebi'ee booddee, horii isa isaan bira jiru kanaan hammam akka ittiin buufatan beekuudhaaf, garboota sana waamsise.

16Inni duraa, ?Yaa gooftaa, warqee ati anatti kenniteen warqee waqeeta kudhan buufadheera? jedheen.

17Mootichi immoo, ?Ba'eessa goote, garbicha gaarii nana, waan baay'ee xinnoo irratti waan amanamteef, ani immoo mandara kudhan akka mootuuf siifan kenna? jedheen.

18Inni lammaffaanis dhi'aatee, ?Yaa gooftaa, warqee ati anatti kenniteen, warqee waqeeta shan buufadheera? jedhe.

19Isa kanaanis, ?Atis immoo mandaroota shan irratti mo'i!? jedhe.

20Inni sadaffaan immoo dhi'aatee, ?Yaa gooftaa, warqeen kee inni ani erbeedhaan maree dhoksee kaa'e kunoo ti;

21ati nama jabaa, kan hin kaa'in kan fudhattu, kan hin facaasinis kan galfattu waan taateef si sodaadheen ture? jedhe.

22Gooftaan isaa immoo, ?Ati garbicha waa'ee hin baafnee nana, dubbiidhuma keetiin sittan farada. Ani nama jabaa akkan ta'e, kanan hin kaa'in akkan fudhadhu, kanan hin facaasinis akkan galfadhu erga beektee,

23warqee koo warra dhalatti fuudhan bira maaliif anaaf hin keenye ree? Silaa'oo deebii kootti horii koo dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture? jedheen.

24Ergasii namoota achi dhaabataniin, ?Warqicha harkaa fuudhaa, isa waqeeta kudhan qabuuf kennaa!? jedhe. [

25?Yaa gooftaa, innoo amma iyyuu waqeeta kudhan qaba? jedhaniin.]

26?Ani isinittan hima, isa fudhatee waa qabu hundumaaf itti dabalamee in kennama, kana kan hin qabne garuu innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama.

27Amma garuu diinota koo warra isaan irratti mo'uu koo hin barbaanne kana, as fidaa ija koo duratti isaan gorra'aa!? jedhee abboome? jedhe.

1ffaa Qorontos 4:1-2

1Namoonni akka hojjetoota Kristositti, akka warra hojii dhoksaa Waaqayyoo adeemsisuun itti kennametti, nu lakkaa'uun in ta'a.

2Warra hojii adeemsisan irraa immoo amanamummaatu barbaadama.

1ffaa Pheexiroos 4:10

10Akka hojii adeemsiftuu gaggaariin kennaa Waaqayyoo isa garaa garaa hojii irra oolchanitti, namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waa'ee baasutti ittiin haa hojjetu.