Dubbachuu

25 Lakkoofsota25Afaan Oromoo

Luqaas 6:45

45Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa. Namni waan garaa isaa keessa guute afaaniin in dubbata? jedhe.

Fakkeenya 18:21

21Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru; warri isa jaallatan ija isaa in nyaatu.

Efesoona 4:29

29Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in!

Fakkeenya 13:3

3namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa in eeggata; namni of eeggachaa hin dubbanne garuu, jireenya isaa in balleessa.

Fakkeenya 17:28

28gowwaan iyyuu yoo cal jedhe akka ogeessaa ti, afaan isaas yoo qabate akka hubataatti in ilaalama.

Fakkeenya 15:4

4Arrabni dubbii nama suphu dubbatu muka jireenyaa ti; arrabni dubbii mimicciiru garuu yaada namaa cabsa.

1ffaa Pheexiroos 3:9

9Hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan hin deebisinaa! Gara galchii iyyuu eebbisaa! Isin eebba akka argattaniif waamamtan.

Maatewos 12:36

36Ani isinittan hima, namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii, guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru.

Fakkeenya 31:8

8Ati warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef dubbadhu! Warra abbaan irra hin jirreefis dhugaa isaanii eegiif!

Yaaqoob 1:19

19Obboloota koo jaallatamoo! Namni adduma addaan dhaga'uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta'uun akka isa irra jiru beekaa!

Fakkeenya 15:23

23namni deebii ta'u namaaf kennuu isaatti ofii isaatii in gammada, dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal ba'eessa!

1ffaa Yohaannis 3:18

18Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!

Fakkeenya 10:19

19Yommuu dubbiin baay'atu cubbuun hin hafu, namni arraba isaa eeggatu garuu hubataa dha;

Fakkeenya 15:1

1Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.

Yaaqoob 3:2

2Nuyi hundumti keenya baay'ee irraa in kaanna; namni dubbii isaatiin irraa hin kaanne nama fiixaan ba'ee dha. Inni akka nama luugama itti kaa'etti, namummaa isaa guutummaatti qabuu in danda'a.

Fakkeenya 11:13

13namni hama deddeebisu dhoksaa mul'isa, namni amanamaan garuu dhoksaa eega;

Maatewos 18:15

15Yesus itti fufee, ?Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan kophaa jirtanitti balleessaa isaa itti himi! Inni yoo si dhaga'e obboleessa kee deebifatteetta.

Lallaba 10:12

12Dubbiin afaan nama ogeessaa keessaa ba'u, namatti in tola; namni gowwaan garuu, arrabuma isaatiin of in balleessa.

Faarfannaa 71:8

8Ani afaan guutee sin jaja, guyyaa guutuus ulfina kee nan hima.

Luqaas 12:3

3Kanaafis waan isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatti ba'ee in dhaga'ama; mana cufamaa keessatti gurra namaatti kan hasaaftan, iddoo ol jedhaa irratti lallabamee in dhageessifama? jedhe.

Roomaa 8:26

26Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta'utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul'isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata.

Maatewos 6:7

7?Yeroo kadhattanis akka warra saba Waaqayyoo hin ta'inii, dubbii waa'ee hin baafne keessa hin deddeebi'inaa! Baay'ina dubbii isaaniitiif waan isaaniif dhaga'amu isaanitti fakkaata.

Fakkeenya 15:22

22mareen hin jiru yoo ta'e, wanti yaadame fiixaan hin ba'u; warri gorsa kennan yoo baay'atan garuu, fiixaan in ba'a;

Roomaa 10:9

9Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.

Faarfannaa 105:1

1Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaa waammadhaa, gocha isaas saba hundumaa keessatti beeksisaa!