Furee
22 Lakkoofsota19Afaan OromooZefaaniyaa 3:17
17Waaqayyo gooftaan kee sii wajjin jira, inni oolchuudhaaf aango-qabeessa; inni of irraa bu'ee sitti in gammada, jaalala isaatiin gabii siif in kenna; akka warra guyyaa ayyaana beekamaatti gammadanii, sitti gammaduu isaas sagalee isaa ol fuudhee in dhageessisa” in jedhu.
Faarfannaa 18:1-2
Faarfannaa 34:17-18
Galaatiyaa 5:1
1Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!
Isaayaas 61:10
10Ani Waaqayyotti guddisee nan gammada, lubbuun koos Waaqayyo kootti in ililchiti; akkuma dhirsi misirroo akka lubaatti shaashii maratu, akkuma misirroonis mi'a miidhaginaa naqattutti, akkasuma inni uffata fayyinaa anatti uffiseera, qoloo qajeelummaatiinis na gonfeera;
Faarfannaa 34:19
19Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay'ata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa.
Isaayaas 44:22
22ani irra-daddarbaa kee akka duumessaa, cubbuu kees akka qayyootaa haxaa'ee nan balleessa; ani si fureera'o, gara kootti deebi'i!
Isaayaas 61:1
1Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra booji'amanitti gad dhiifamuu, warra hidhamanittis hiikamuu akkan labsuuf inni na ergeera;
Tiitoos 2:14
14Inni seera irra-daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.
Roomaa 8:1-2
Yohaannis 8:36
36Ilmichi yoo birmaduu isin baase, egaa isin warra birmaduu baatanii dha.
Faarfannaa 71:23
23Yeroo ani faarfannaadhaan si jajadhu, afaan koo, lubbuun koo isheen ati furtes, sagalee gammachuu haa dhageessisan!
Maatewos 1:21
21Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa ?Yesus? jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa? jedheen.
Faarfannaa 97:10
10Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa! Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jal'ootaas isaan in oolcha.
Faarfannaa 79:9
9Yaa Waaqayyo isa fayyina nuuf laattuu, ulfina maqaa keetiif jedhii nu gargaari, maqaa keetiif jedhii nu oolchi, cubbuu keenyas nuuf dhiisi!
Roomaa 6:22
22Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota Waaqayyoo taataniittu, kunis qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya bara baraatti in geessa.
Faarfannaa 120:2
2Afaan sobuu fi arraba gowwoomsu jalaa, ati na oolchi, yaa Waaqayyo!
Faarfannaa 31:1
1Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati yoom iyyuu akka ani hin yeellaasifamne godhi, ati qajeelaa dha, ana oolchi!
Faarfannaa 31:15
15Barri koo hundinuu si harka jira, harka warra diina anatti ta'anii fi warra na ari'atanii na oolchi!