Warra
23 Lakkoofsota11Afaan OromooBa'uu 20:12
12“Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!
Ba'uu 21:15
15Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa rukutu haa ajjeefamu!
Ba'uu 21:17
17Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru haa ajjeefamu!
Keessa Deebii 5:16
16“ ‘Biyya Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, gaariis akka siif ta'uuf, akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!
Keessa Deebii 27:16
16Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa salphisu, abaaramaa haa ta'u! Namoonni hundinuu“Ameen” haa jedhan!
Hezeqeel 16:44
44“Kunoo warri waa'ee keetiif mammaakan hundinuu,“Intalli akkuma haadhaa ti” jedhanii in mammaaku.
2ffaa Qorontos 12:14-18
14Si'a sadaffaa gara keessan dhufee isin dubbisuudhaaf qophaa'eera; garuu ba'aa isinitti hin ta'u. Anoo isinan barbaada malee, waa isin irraa hin barbaadu, warratu ijoollotaaf walitti qaba malee, ijoolleetu warra isaaniitiif walitti qaba miti.
15Ani isiniif jedhee waanan qabu hundumaa, ofii koo illee taanaan isiniif dabarsee kennuudhaaf nan gammada; egaa ani baay'isee waanan isin jaalladheef, isin immoo xinneessitanii na jaallattuu ree?
16Egaa akkan ba'aa isin irratti hin ta'in beekamaa dha, garuu ani haxxee ta'ee, haxxummaadhaan akka waanan harka koo keessa isin galfadhetti hin yaadu.
17Namoota warra ani isinitti erge keessaa karaa isaa gowwoomsee kanan waa isin irraa nyaadhe isa kami ree?
18Tiitoos gara keessan akka dhufu gorsee, obboleessa sanaa wajjin ergeera; Tiitoos isin gowwoomsee waa isin irraa nyaateeraa ree? Nuyi hafuuruma tokkoon deddeebi'aa jirra mitii ree? Faanuma tokko irra adeemnas mitii ree?
Efesoona 5:31
31Caaffanni qulqullaa'aan, ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u? in jedha.
Efesoona 6:1-4
1Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha.
2Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ?Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!? isa jedhuu dha.
3Abdichis, ?Gaarii akka siif ta'utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!? jedha.
4Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!
Qolosaayis 3:20-21
2ffaa Ximotewos 3:1-5
1Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu!
2Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata-hinqabnee, warra wanta qulqullaa'aadhaan morman in ta'u.
3Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of-hinqabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban,
4warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta'uuf jiru.
5Akka bakkeedhaan mul'atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu; warra akkasii irraa fagaadhu!