Wiixata Paammii

13 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Maatewos 21:1-11

1Isaan Yerusaalemitti dhi'aatanii, gara gaara ejersaa, Betfaagee yommuu ga'an, Yesus bartoota lama ergee,

2?Ganda fuullee keessan jiru sana dhaqaa, achumaan harree [yaabbii] hidhamtee ilmoon ishee bira dhaabatu in argattu; hiikaatii naa fidaa!

3Namni tokko yoo waa isiniin jedhe immoo, ?Gooftaatu dhimma isaanii qaba, utuu hin turinis isaan in deebisa? ittiin jedhaa!? isaaniin jedhe.

4Kun immoo wanti raajichi jedhe akka fiixaan ba'uuf ta'e;

5inni, ?Namoota Xiyoonitti himaa! Mootiin keessan gad of deebisee, kunoo, inni harree [yaabbii] keessaa, ilmoo harree irra taa'ee siif in dhufa? isa jedhuu dha.

6Kana irratti bartoonni dhaqanii akkuma Yesus isaan ajaje godhan.

7Harree sana ilmoo ishee wajjin fidanii uffata isaanii irra buusan; Yesus immoo irra taa'e.

8Tuuta sana keessaa harki caalaan uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo damee baala qabu muka irraa kukkutanii karaa irra firfirsan.

9Tuuti warri dura adeemanii fi warri duukaa bu'an sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Hosaa'inaa ilma Daawitiif! Inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha; hosaa'inaa ol waaqa gubbaatti? jedhan.

10Yerusaalemitti yommuu inni gale, mandarichi guutummaatti raafame; namoonnis, ?Inni kun eenyu?? jedhan.

11Tuuti isaa wajjin adeemus, ?Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiilaa ti? jedhee deebise.

Maatewos 21:12-13

12Yesus ergasii mana qulqullummaatti ol lixee, warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi warra gurguran hundumaa gad baase; gabatoota warra horii callaa gegeddaraniitii fi taa'umsa warra gugee gurguranii gad gara galchee,

13? ?Manni koo mana kadhataa jedhamee in waamama? jedhamee caafameera, isin garuu holqa hattuu isa godhattan? isaaniin jedhe.