Nama
19 Lakkoofsota8Afaan OromooIyoob 4:17-21
17“Waaqayyo caalaa namni qajeelaa ta'uu danda'aa ree” Namni isa isa uume caalaa qullaa'aa ta'uu danda'aa ree”
18Kunoo, inni hojjetoota isaa hin amanatu, ergamoota isaas balleessaa isaanii irratti in gaafata erga ta'ee,
19yoos warri manneen suphee irraa hojjetamanii, hundeen isaanii biyyoo keessa jiru keessa taa'an, warri bilii caalaa salphaatti caccaban hammam caalaa haa ta'an ree”
20Isaan barii ganamaatii hamma galgalaatti caccabanii in hurraa'u, utuu namni itti hin yaadin raawwatanii in badu.
21Isaan ogummaa malee akka du'anitti, funyoon godoowwan isaanii luqqifameera mitii ree??
Iyoob 5:6-7
Fakkeenya 20:6
6Namoonni baay'een, “Nuyi amanamoo dha” ofiin jedhu, garuu nama amanamaa eenyutu argachuu danda'a”
Ermiyaas 17:9
9“Garaan namaa waan hundumaa irra jal'aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda'u; egaa eenyutu isa beekuu danda'a ree”
Maatewos 15:16-20
16Yesus immoo deebisee, ?Isinumtuu hamma ammaatti hin hubatin jirtuu?
17Wanti afaaniin lixu hundinuu, mar'umaanitti darbee bakkeetti akka ba'u hin qalbifattanii ree?
18Dubbiin afaan keessaa ba'u garuu, yaada garaa namaa keessaa dhufa; isatu xuraa'aa nama godha.
19Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba'ao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba'uu, nama salphisuus.
20Isaan kanatu xuraa'aa nama godha malee, harka dhiqachuudhaan utuu of hin qulleessin nyaachuun xuraa'aa nama hin godhu? jedheen.
Maarqos 7:15-16
1ffaa Qorontos 2:14-15
Ibraa'oota 4:12
12Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a.