Maatewos 15

GAZGAZAfaan Oromoo39 Keeyyattoota6:18 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:18 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ergasii Fariisonnii fi barsiisonni seeraa Yerusaalemii gara Yesus dhufanii,

2?Bartoonni kee maaliif seera muka abbaa keenyaa irra daddarbu? Isaanoo buddeena nyaachuu isaanii dura harka dhiqachuudhaan of hin qulleessan? jedhaniin.

3Yesus deebisee, ?Isinoo seera muka abbaa keessaniitiif jettanii, maaliif abboommii Waaqayyoo irra daddarbitu?

4Waaqayyo, ?Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!? iddoo biraatti immoo, ?Abbaa isaa fi haadha isaa irratti hamaa kan dubbatu dhugumaan haa ajjeefamu!? jedheera.

5Isin garuu, ?Namni abbaa isaa fi haadha isaa gargaaruuf ture tokko isaaniin, wanti na biraa isiniif kennamuuf malee, amma Waaqayyoof kenname yoo jedhe,

6egaa abbaa isaaf yookiis haadha isaaf ulfina kennuu isa hin barbaachisu? jettu. Akkasitti seera muka abbaa keessaniitiif jettanii dubbii Waaqayyoo busheessitu.

7Isin of hin arginee nana! Isaayaas waa'ee keessaniif raajii isaa keessatti,

8?Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha;

9ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu? isa jedhe ba'eessa dubbate? jedhe.

10Yesus namoota ofitti waamee, ?Dubbii koo dhaga'aa hubadhaas!

11Wanti afaan namaa lixu, xuraa'aa nama hin godhu; wanti afaan namaa keessaa ba'u garuu xuraa'aa nama godha? isaaniin jedhe.

12Yommus bartoonni gara isaa dhufanii, ?Warri Fariisotaa dubbii ati jette yommuu dhaga'an gufachuu isaanii beekteettaa?? ittiin jedhan.

13Yesus immoo deebisee, ?Biqiltuun abbaan koo inni waaqa irraa hin dhaabin hundinuu in buqqa'a.

14Waa'ee isaanii dhiisaa! Isaan jaamota, jaamota akka isaaniis karaa in argisiisu; namni jaamaan jaamaa akka isaatii karaa yoo argisiise, lachuu wal fudhatanii boolla keessa in bu'u? jedhe.

15Phexros garuu deebisee, ?Fakkeenyicha nuuf hiiki!? jedheen.

16Yesus immoo deebisee, ?Isinumtuu hamma ammaatti hin hubatin jirtuu?

17Wanti afaaniin lixu hundinuu, mar'umaanitti darbee bakkeetti akka ba'u hin qalbifattanii ree?

18Dubbiin afaan keessaa ba'u garuu, yaada garaa namaa keessaa dhufa; isatu xuraa'aa nama godha.

19Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba'ao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba'uu, nama salphisuus.

20Isaan kanatu xuraa'aa nama godha malee, harka dhiqachuudhaan utuu of hin qulleessin nyaachuun xuraa'aa nama hin godhu? jedheen.

21Yesus achii adeemee gara kutaa biyya Xiiroosii fi Sidoonitti sokke.

22Kunoo, dubartiin Kana'aan tokko naanna'aa biyya sanaatii dhuftee sagalee guddaadhaan, ?Ilma Daawit, gooftaa koo! Intalli koo hafuura hamaadhaan qabamte jirti, anaaf maari!? jette.

23Yesus garuu sagalee tokko iyyuu isheef hin deebifne. Bartoonni isaa yommus gara isaa dhufanii, ?Ishee nu booddeedhaa iyyaa adeemtu kana, waan isheen barbaaddu godhiifii of biraa deebisi!? jedhaniin.

24Inni immoo deebisee, ?Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badan duwwaaf malee hin ergamne? jedheen.

25Dubartittiin garuu dhuftee miilla Yesusitti kuftee, ?Yaa gooftaa na gargaari!? jetteen.

26Yesus yommus deebisee, ?Buddeena ijoollotaa fuudhanii sarootaa darbachuun ba'eessa miti? jedheen.

27Isheen, ?Eyyee, yaa gooftaa, haa ta'u iyyuu malee, saroonnis maaddii gooftota isaanii irraa isa harca'u in nyaatu? jette.

28Kana irratti Yesus, ?Dubartii nana! Amantiin kee guddaa dha, akkuma ati barbaadde siif haa ta'u!? jedhee deebiseef; intalli ishees si'uma sana fayyite.

29Ergasii Yesus achii adeemee, ciisa bishaan Galiilaa bira dhufee, gaara tokkotti ol ba'ee achi in taa'e.

30Tuuti sonaan baay'een immoo warra hokkolan, warra jaaman, warra kottaa'an, warra arraba didaa akkasumas kan biraa baay'ee fidanii dhufanii, miilla Yesus jala kaa'an; yommus inni isaan in fayyise.

31Tuuti sun immoo, warri arraba didaa akka dubbatan, warri kottaa'an akka fayyan, warri hokkolan akka asii fi achi adeeman, warri jaaman akka argan hubatee in raajeffate; Waaqayyo gooftaa Israa'eliif immoo hooqubaa dhi'eesse.

32Yesus garuu bartoota isaa ofitti waamee, ?Namoonni kun guyyaa sadan kana anaa wajjin turan, nyaatas waan isaan hin qabneef hunduma isaaniif nan oo'a; egaa ani akka isaan karaatti hin kukkufnetti, akkuma beela'aa jiranitti gad isaan dhiisuu hin barbaadu? isaaniin jedhe.

33Kana irratti bartoonni isaa, ?As lafa onaa kanatti buddeena tuuta guddaa kana quufsu eessaa arganna ree?? jedhaniin.

34Yesus immoo, ?Buddeena meeqa qabdu?? jedhee isaan gaafannaan, isaan immoo, ?Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna? jedhaniin.

35Yommus inni lafuma sana akka tattaa'aniif namoota abboome.

36Buddeenan torbanii fi qurxummiiwwan sana fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, caccabsee bartootatti kekkenne; bartoonnis tuuta sanaaf in dhi'eessan.

37Hundumti isaaniis nyaatanii quufan; hurraa irraa hafes gundoo gurguddaa torba guutanii fuudhan.

38Warri buddeenicha nyaatan dubartootaa fi ijoollota malee dhiirota kuma afur turan.

39Ergasii Yesus tuuta sana gad dhiisee, bidiruu yaabbatee gara kutaa biyya Magadaan jedhamuu dhaqe.

Ibsa

15:1-9 Seera Waaqayyoo irratti dabalatni yoo jiraate, ogummaa Isaa irratti akka waan inni waan barbaachisaa ta'e tokko dhiisee, namaan guuttamuu danda'u fakkeessee kan mul'isu dha. Karaa tokkoon yookiin karaa biraatiin dabalatni akkasii yeroo hundumaa namoota Waaqayyoon ajajamuu dhiisuutti geessu. Dubbii Waaqayyoo isa barreeffameef baay'ee galateeffamoo ta'uu qabna! Matumaa akka amantii Macaafaa Qulqulluu barumsa keessattis ta'e hojii irratti dabalata namaatiin fooyya'uu danda'u hin yaannu. Gooftaan keenya kan eebbifame, aadaa isaanii akka waan isaan ofii isaaniitiin kalaqanii dubbate; akkasumas fakkeenya tokko kan kana ifatti mul'isu, ajaja shanaffaa cabsuu isaanii ture agarsiise. Yeroo fedhiin maatii gargaarsa barbaadu, isaan akka waan danda'an hunda mana qulqullummaatiif murteessan dubbii dhiheessan; utuu isaan sana irraa hin kenninillee, kanaaf maatiin isaanii homaa isaan irraa eeguu hin qabu. Kunis ajaja Waaqayyoo humna dhabsiisaa ture. Murtiin warra of argisiistuu gabaabinaan kaa'ameera: "Garaa duwwaatti na waaqeffatu." Kunis Waaqayyoon hin gammachiisu, akkasumas isaanis hin fayyadu; isaan waan duwwaatti amanatu, akkasumas waan duwwaatu mindaa isaanii ta'a.

15:10-20

Kiristos akka mul'iseetti, xuraa'ummaan isaan sodaachuu qaban, kan nyaata ta'ee afaan isaanii seenu irraa utuu hin taane, kan afaan isaanii keessaa ba'u irraa kan ta'e ture, inni immoo hammina garaa isaanii agarsiisa ture. Ayyaanni deebi'ina dhalootaa kan Hafuura Qulqulluu malee wanti tokkollee lubbuu keessa hin turu; akkasumas kan ol irraa dhufe malee, wanti tokkollee Waldaa Kiristaanaa keessatti fudhatamuu hin qabu. Kanaafuu, namni dhugaa ifaa fi yeroo isaa eeggateen labsamuun aare kamiyyuu, nuti isaaniin dhiphachuu hin qabnu. Duuka buutonni dhimma kana irratti caalaatti akka barsiifaman gaafatan. Bakka sammuun laafaan jecha Kiristos kamiyyuu shakkutti, garaa qajeelaan fi sammuun fedhaa qabu barsiisa ni barbaadu. Garaan hamaa baay'ee ta'e (Ermiyaas 17:9), sababiin isaa jechaan yookaan hojiin cubbuun tokkollee hin jiru kan jalqaba garaa keessa hin turre. Isaan hundi nama keessaa ba’u, akkasumas firii hammina garaa keessa jiru fi achitti hojjetame sanaatii. Kiristos yoo barsiisu, gowwoomsaa fi hammina garaa isaanii namootatti ni agarsiisa; akkasumas of gaddeebisuu fi burqaa cubbuu fi xuraa'ummaa irraa qulqulleessuuf baname keessatti qulqullaa'uu barbaaduu akka qaban isaan barsiisa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6