Nyaata 4000
21 Lakkoofsota2Afaan OromooMaatewos 14:13-21
13Yesus kana yommuu dhaga'e kophaa isaa bidiruudhaan achii ka'ee gara iddoo qoofniitti sokke; tuuti sun immoo adeemuu isaa dhaga'anii mandarootaa miillaan isa duukaa bu'an.
14Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bu'e tuuta gobbuu argee, isaaniif oo'ee, dhukkubsatoota isaaniis in fayyise.
15Yeroo galgalaa'e immoo bartoonni gara isaa dhufanii, ?Kun lafa onaa dha, guyyichis sokkeera; egaa tuuti kun gara gandeenii dhaqanii nyaata ofii isaaniitiif haa bitataniif gad isaan dhiisi!? jedhan.
16Yesus immoo, ?Dhaquu isaan hin barbaachisu, ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!? isaaniin jedhe.
17Isaan garuu deebisanii, ?Nuyi buddeena shanii fi qurxummii lama duwwaa asii qabna? jedhaniin.
18Inni immoo, ?As gara kootti fidaa!? jedhe.
19Kana booddee marguma sana irra akka taa'aniif tuuta sana abboomee, buddeenan shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisee cabsees, buddeenan sana bartoota isaatti kekkenne; bartoonni immoo tuuta sanaaf in dhi'eessan.
20Isaan hundumtinuu nyaatanii in quufan; ergasii bartoonni hurraa isaan irraa hafe gundoo kudha lama guutuu fuudhan.
21Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee dhiirri akka kuma shanii turan.
Maatewos 14:22-33
22Yesus hamma ofii isaatii tuuta sana gad dhiisutti, bidiruu yaabbatanii isa dura gamatti akka ce'aniif bartoota isaa in giddisiise.
23Tuuta sana erga gad dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture.
24Bidirichi garuu yeroo kana qarqara irraa baay'ee fagaate; sababii qilleensi fuula duraan itti qilleensa'uufis dha'aa bishaaniitiin asii fi achi daddarbatamaa ture.
25Halkan keessaa gara iyya indaanqoo isa lammaffaattis Yesus bishaan gubbaa adeemaa gara isaanii dhufe.
26Bartoonni garuu bishaan irra utuu inni adeemuu arganii baay'ee na'anii, ?Innoo ekeraa dha? jechaa, sodaachuu isaanii irraa kan ka'e iyyan.
27Yesus immoo achumaan isaanitti dubbatee, ?Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!? jedhe.
28Phexros deebisee, ?Gooftaa! Si erga ta'ee, bishaan irra gara kee akkan dhufu na abboomi!? jedheen.
29Inni immoo, ?Kottu!? jedhe; yommus Phexros bidiricha keessaa ba'ee bishaan gubbaa gara Yesusitti adeemuutti ka'e.
30Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhaga'ame garuu in sodaate; gad liqimfamuu jalqabnaanis iyyee, ?Gooftaa! Na oolchi!? jedhe.
31Yesus achumaan harka isaa hiixatee isa qabee, ?Yaa namicha amantii hir'uu! Maaliif mamte?? jedheen.
32Yeroo isaan bidiruu yaabbatanitti qilleensichi in dhaabate.
33Kana irratti warri bidiricha keessaa Yesusiif sagadanii, ?Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!? jedhaniin.