Nageenya
26 Lakkoofsota24Afaan OromooFaarfannaa 27:1
1Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis, yoos immoo eenyuunan sodaadha ree” Waaqayyo da'oo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree”
2ffaa Tasalonqee 3:3
3Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin in cimsa, isa hamaa sanas isin irraa in eega.
Faarfannaa 91:1-2
Faarfannaa 46:1
1Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera.
Faarfannaa 32:7
7Ati anaaf golgaa koo ti, ati rakkina irraa ana in eegda; furuu keetiinis ililleen akka na marsu in goota.
Faarfannaa 4:8
8Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa.
Faarfannaa 55:22
22Wanta yaada sitti ta'u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.
Naahum 1:7
7Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka;
Fakkeenya 10:9
9Namni balleessaa hin qabne, sodaa malee in deddeebi'a, namni karaa isaa micciiru garuu in qabama.
Faarfannaa 138:8
8Waaqayyo akeeka isaa anaaf in raawwata; gaarummaan kee yaa Waaqayyo, bara baraan in jiraata, hojii harka keetii ati hin dhiisin!
Yohaannis 17:15
15Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu.
Fakkeenya 27:12
12Namni hubataan wanta hamaa argee jalaa in dhokata, wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.
Isaayaas 26:3
3Isa garaan isaa cimsee si amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda;
1ffaa Tasalonqee 5:6
6Egaa kottaa in dammaqna, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifna!
Faarfannaa 118:8
8Nama amanachuu irra Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
Faarfannaa 37:3
3Waaqayyoon amanadhu, wanta gaarii ta'es hojjedhu; biyyuma keessa nagaadhaan taa'i, amanamummaas eeggadhu!
Ermiyaas 31:25
25ani warra dheebotan nan obaasa, warra beela'anis nan quufsa” jedhe.
Fakkeenya 18:10
10Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola.
Faarfannaa 62:2
2inni kophaa isaa kattaa koo, gargaarsa koo, da'oo koo tis, egaa ani guddisee iddoo kootii hin mittiqu!
Faarfannaa 91:4
4harka isaatiin si golbooba, bobaa isaa jalatti kooluu in galta, amanamummaan isaa gaachanaa fi marsaa siif in ta'a.
Yaaqoob 4:7
7Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.
Faarfannaa 68:4-5
4Waaqayyoof weeddisaa, mi'a garaa garaatiinis maqaa isaa faarfadhaa, isa lafa duwwaa gara irraa adeemus ol kaasaa, faarfadhaa! Maqaan isaa “Isa jiru” jedhama, fuula isaa duratti gammaduu keessan mul'isaa!
5Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessa jira; warra abbaa hin qabneef abbaan, haadhotii hiyyeessaafis falmaan, isa.
Faarfannaa 9:9
9Waaqayyo, warra gad qabamaniif da'oo ol jedhaa dha, isaan yeroo rakkinaatti da'oo isa in godhatu.
Seensa 9:11
11Si'achi deebi'ee foon kan uffate hundinuu bishaan badiisaatiin lafa irraa akka hin balleeffamneef, ani isinii wajjin kakuu galeera; si'achis lafa balleessuudhaaf lolaan akkasii deebi'ee hin lola'u” jedhe.