Nagaa
11 Lakkoofsota11Afaan OromooFaarfannaa 4:8
8Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa.
Faarfannaa 28:3
3Warra jal'ootaa wajjin, warra hamaa godhanii wajjinis ana hin butin! Isaan garaa isaaniitti hamaa in yaadu, afaaniin immoo nagaa namatti in dubbatu.
Faarfannaa 119:165
165Warri seera kee jaallatan sun nagaa guddaa qabu, wanti isaan gufachiisus hin jiru.
Fakkeenya 3:2
2Isaan guyyoota baay'ee fi waggoota baay'ee, nagaatti jiraachuus siif in dabalu.
Fakkeenya 11:12
12Namni nama tuffatu qalbii hin qabu, namni hubataan garuu calluma jedha;
Fakkeenya 12:20
20garaa warra wanta hamaa malanii keessa gowwoomsaatu jira, warri wanta nagaa nama gorsan garuu in gammadu.
Fakkeenya 16:7
7Waaqayyo karaa jireenya namaa yoo jaallate, diinonni isaa iyyuu isaa wajjin nagaatti akka jiraatan in godha.
Fakkeenya 17:28
28gowwaan iyyuu yoo cal jedhe akka ogeessaa ti, afaan isaas yoo qabate akka hubataatti in ilaalama.
Maatewos 10:13
13Manichi kanaaf kan male yoo ta'e nagaan keessan isa irra haa buufatu, garuu yoo isaaf hin malle ta'e, nagaan keessan isiniif haa deebi'u.
Maarqos 9:50
50Soogiddi waan ba'eessa, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe, maaliin deebiftanii isa miyeessitu ree? Soogidda of keessaa qabaadhaa, walii keessaniifis nagaa qabaadhaa!? jedhe.
Roomaa 8:6
6Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du'a in fida; yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida.