Nama Samaariyaa Gaarii

13 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Luqaas 10:25-37

25Kunoo, barsiisaan seeraa tokko ka'ee, Yesusin qoruudhaaf, ?Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?? jedhee gaafate.

26Yesus immoo deebisee, ?Seera keessatti maaltu caafamee jira? Namootaaf attamitti dubbifta?? jedhee isuma gaafate.

27Kana irratti namichi, ?Garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a? jedhee deebise.

28Yesus immoo, ?Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!? jedheen.

29Barsiisichi seeraa garuu, nama qajeelaa of gochuu barbaadee, ?Nama isa kami?? jedhee Yesusin gaafate.

30Yesus immoo deebiseefii, ?Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad bu'uu, warra saamtuu afaan bu'e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du'aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman.

31Lubni tokko karaa sana utuu darbuu, namicha yommuu lafatti arge irraa goree darbe.

32Akkasumas namni gosa Lewwii tokko, iddoo sana dhufee yommuu isa arge, irraa goree darbe.

33Namni Samaariyaa tokko garuu, utuu karaa adeemuu achi ga'ee, yommuu isa arge in oo'eef.

34Itti dhi'aatees, madaa isaa dibataan mucuceessee, daadhii wayniis itti naqee erga hidheefii, horii ofii isaatii yaabee adeemaa ture irra teessisee, mana buufata keessummaatti isa geesse; achittis isa gargaare.

35Borumtaas meetii lama fuudhee, isa buufata keessummaa sana eegutti kennee, ?Hadaraa ittiin wal'aani; kana irra caalaa yoo baaftes, yommuun deebi'u siifan kenna? ittiin jedhe? jedhe.

36Yesus itti fufee, ?Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan bu'e kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata?? jedhee gaafate.

37Barsiisaan seeraa sun immoo deebisee ?Isa oo'eef? jedhe; Yesus immoo, ?Atis dhaqii, akkasuma godhi!? ittiin jedhe.