Nohii fi Taaboti

61 Lakkoofsota4Afaan Oromoo

Seensa 6:9-22

9Nohi dhaloota sana keessatti nama qajeelaa, nama balleessaa hin qabnes ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebi'uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; hiddi dhaloota sanyii Nohi kanatti fufee in lakkaa'ama.

10Ilmaan Nohi dhalche sadan Seem, Kaam, Yaafet.

11Lafti immoo fuula Waaqayyoo duratti manca'aa ta'e, humnaan wal irratti ka'uudhaanis in guute.

12Waaqayyo gara biyya lafaa ilaalee, kunoo, lafti akka mancaafame, uumamni foon uffate hundinuus adeemsa isaa lafa irratti akka mancaase in arge.

13Waaqayyo yommus Nohiin,“Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu ga'eera; lafti humnaan wal irratti ka'uu isaaniitiin waan guuteef, ani lafa irraa isaan nan balleessa.

14Ati muka ta'u irraa markaba tolchi, keessa isaatti kutaa kutaa baasi! Keessaa fi duubaanis leelee lafa keessaa argamuun duuchi!

15Ati markabicha yommuu tolchitu, dheerina isaa dhundhuma dhibba sadii, bal'ina isaa dhundhuma shantama, irraan-olee isaa dhundhuma soddoma godhi!

16Bantii markabichaas dhundhuma tokko irraa ol kaasii hojjedhu, cinaacha isaa irraan balbala itti baasi! Irraan-olee isaas iddoo sadiitti kuti! Iddoo isa jalaa, isa gidduu fi isa irra-keessaatti gargar hiri!

17Kunoo! Ani uumama foon uffate, uumama lubbuu qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma.

18“Sii wajjin garuu kakuu nan gala; ati markabichatti in lixxa, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan kees sii wajjin in lixu.

19Uumama foon uffatee jiraatu hundumaa keessaa sii wajjin hafanii akka jiraataniif, lama lama markabichatti galchi! Isaanis kormaa fi dhalaa haa ta'an!

20Warra baal'eedhaan balali'an keessaa, horii qe'ee fi bineensota keessaa, warra lafa irra munyuuqan keessaas akka qomoo qomoo isaaniitti lama lama ta'anii hafanii akka jiraataniif sii wajjin markabichatti ol haa galan!

21Wanta nyaatamu hundumaa keessaa fuudhii of biratti walitti qabii tuuli! Kunis nyaata keetii fi nyaata isaaniitiif in ta'a” jedhe.

22Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate.

Seensa 7:1-24

1Waaqayyo yommus Nohiin,“Dhaloota kana keessaa, ati na duratti qajeelaa akka taate waanan argeef, ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali!

2Horii qe'ee fi horii alaa warra akka qullaa'ootti ilaalaman hundumaa keessaa cimdii torba torba, kormaa fi dhalaa, warra akka qullaa'ootti hin ilaalamin keessaas cimdii tokko tokko, kormaa fi dhalaa of duukaa galchi!

3Simbirrootaa fi allaattii qilleensa keessa balali'an keessaas akkasuma cimdii torba torba, kormaa fi dhalaa galchi! Kanas sanyiin isaanii lafa irratti hafee akka jiraatuuf in goota.

4Ani guyyaa torba booddee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkaa nan roobsa; uumama lubbuu qabu ani uume hundumaa lafa irraa nan haxaa'a!” jedhe.

5Nohis kana hundumaa akkuma Waaqayyo isa abboometti in raawwate.

6Yeroo bishaan badiisaa lola'ee lafa fudhate sana, Nohi nama waggaa dhibba ja'aa ture;

7bishaan badiisaa jalaa ba'uudhaafis Nohi, haadha manaa isaa, ilmaan isaa, dubartoota ilmaan isaa wajjin markabichatti in gale.

8Horii qe'ee fi horii alaa warra akka qullaa'ootti ilaalaman, warra akka qullaa'ootti hin ilaalamne, simbirrootaa fi allaattii, waanuma lafa irra munyuuqan keessaas,

9lama lama kormaa fi dhalaatu akkuma Waaqayyo Nohin abboometti, Nohi duukaa markabichatti gale.

10Guyyaan torban sun erga darbanii, bishaan badiisaa lola'ee lafa in fudhate.

11Kunis bara jireenya Nohi waggaa dhibba ja'affaa, ji'a lammaffaa, ji'icha keessaa guyyaa kudha torbaffaatti ture; gaafas burqituuwwan callabboo gurguddaa in futta'an, ittifni bishaanii bantii waaqaa keessaa in banaman.

12Bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti yandoo buuse.

13Guyyaadhuma jedhame sanatti Nohi, haati manaa Nohi, ilmaan isaa Seem, Kaam, Yaafetis, dubartoonni ilmaan isaa, sadanis isaa wajjin markabichatti galan.

14Isaan kun, bineensonni akka qomoo qomoo isaaniitti, horiin qe'ee akka qomoo qomoo isaaniitti, wanti lafa irra munyuuqu akka qomoo qomoo isaatti, simbirroonnii fi allaattiin akka qomoo qomoo isaaniitti, wanti baal'eedhaan ka'us hundinuu,

15uumamni foon uffatee, hafuuras qabaatee jiraatu hundinuu, lama lamaan Nohi duukaa markabichatti galan.

16Warri achitti ol galan foon kan uffatan hundumaa keessaa kormaa fi dhalaa turan; isaan akka Waaqayyo Nohin abboomee turetti achitti galan; kana booddee dugda isaa duubaan Waaqayyo balbala in cufe.

17Bishaan badiisaa guyyaa afurtama itti fufee lola'ee lafa in fudhate; bishaanichi lafa irra guutee, markabicha ol in fuudhe; innis lafa gara irraa hamma oolutti ol ka'e.

18Bishaanichi humna godhatee, caalchisee lafa irra in guute; markabichi immoo bishaanicha irra in adeema ture.

19Bishaanichi lafa irratti humna godhatee, tulloota dhedheeroo guutummaa bantii waaqaa jala jiran hundumaa in dhokse.

20Bishaanichi tulloota irra iyyuu dhundhuma kudha shan ol darbuudhaan isaan in dhokse.

21Uumamni foon uffatee lafa irra socho'u hundinuu, simbirroonni, allaattiin, horiin qe'ee, bineensonni, munyuuqaan lafa irraa munyuuqu hundinuu, namoonni hundinuus in dhuman.

22Wanti bakkee lafaa irra jiraatee, funyaan isaatiin hafuura baafatu hundinuu in du'e.

23Bishaanichis wanta uumamee lafa irra jiraatu, nama, horii qe'ee, wanta munyuuqu, warra bantii waaqaa jala balali'anis hundumaa haxaa'ee in balleesse; isaan lafa irraa in haxaa'aman; Nohii fi warra isaa wajjin markabicha keessa turan duwwaatu hafe.

24Bishaanichi guyyaa dhibbaa fi shantama irra lafaa guutee taa'e.

Seensa 8:1-22

1Waaqayyo immoo ammas Nohin, horii qe'ee fi bineensota warra isaa wajjin markabicha keessa jiran hundumaa in yaadate; Waaqayyo qilleensa lafa irra in dabarse, bishaanichis gad gale.

2Burqituuwwan callabboo, hulaan bishaan bantii waaqaa in cufame, bokkaan waaqa keessaa roobus in ittifame.

3Bishaanichis guyyaa dhibbaa fi shantama booddee irraa jalaan lafa irraa gad galaa adeemee, in hir'ates.

4Markabichi ka'ee ji'a torbaffaa isaatti ji'icha keessaas guyyaa kudha torbaffaatti tulluu Araaraat gubbaa in buufate.

5Bishaanichi hamma ji'a kurnaffaatti ittumaa gad galaa adeeme; guyyaa jalqaba ji'a kurnaffaa irratti roggeen tullootaa in mul'atan.

6Guyyaa afurtama booddee Nohi qaawwa isa markabichatti baasee ture sana cufaa isaa bane;

7qurruu tokko in erge, innis hamma bishaan lafa irraa gogutti in ba'a, deebi'ees in gala ture.

8Nohi kana booddee bishaan lafa irraa akka gad xinnaate ilaaludhaaf gugee tokko of biraa erge;

9bishaanichi garuu amma iyyuu lafa hundumaa irra waan jiruuf, gugeen sun lafa qubattu dhabdee, gara markabichaatti deebitee isa bira dhufte; inni immoo harka isaa gad baasee qabee, markabicha keessa lafa ofii jirutti ol ishee galche.

10Guyyaa torba turee, ammas gugee tokko markabicha keessaa gad baasee erge;

11gugeettiin immoo galgala gara isaatti yommuu deebite kunoo, xobbee baala ejersaa afaanitti in baatti turte; kana irratti Nohi bishaanichi lafa irraa akka gad xinnaate in bare.

12Ammas immoo guyyaa torba turee, gugeettii in erge; isheen ergasii gara isaatti hin deebine.

13Nohi dhalatee waggaa dhibba ja'aa fi tokkoffaatti, ji'a jalqabaatti, ji'icha keessaa immoo guyyaa tokkoffaatti bishaanichi irra lafaatii goge; Nohis bantii markabichaa irraa fuudhee yeroo ilaale, kunoo, irri lafaa gogaa ta'uu isaa in arge.

14Ji'a lammaffaa keessaa guyyaa digdamii torbaffaatti immoo lafichi guutummaatti gogee argame.

15Waaqayyo yommus Nohitti in dubbate;

16inni,“Amma markabicha keessaa ba'i, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan keetiis sii wajjin haa ba'an!

17Uumamni foon uffatee si bira jiru hundinuu allaattiin, simbirri, horiin qe'ee, bineensi, warri lafa irra munyuuqan hundinuu si duukaa akka ba'an godhi! Isaan lafa irratti gurmuu haa godhatan, wal horaniis lafa irratti haa baay'atan!” jedhe.

18Nohis gad ba'e; haati manaa isaa, ilmaan isaa, dubartoonni ilmaan isaatiis isaa wajjin gad ba'an.

19Uumamni jiraatan hundinuu, warri munyuuqan, warri baal'eedhaan ka'an, wanti lafa irra socho'u hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti markabicha keessaa in ba'an.

20Nohis iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessu ijaaree, horii qe'ee warra qullaa'ootti ilaalaman hundumaa, horii baal'eedhaan ka'an warra qullaa'ootti ilaalaman hundumaa keessaas fuudhee, iddoo aarsaa sana irratti aarsaa qalmaa in dhi'eesse.

21Waaqayyos foolii isa garaa ciibsu sana urgeeffatee yaada isaa keessatti,“Wanti namni mucummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hamaa yoo ta'e iyyuu, sababii namaatiif ani deebi'ee laficha matumaa hin abaaru, deebi'ees akkan kanaan dura godhe uumama jiraatu hundumaa matumaa hin balleessu.

22Egaa hamma bara lafti kun itti jiraatutti, midhaan facaasuunii fi sassaabuun, dhaamochinii fi ho'i, bonnii fi ganni, guyyaanii fi halkan ittuma fufu malee hin dhaabatan” jedhe.

Seensa 9:17

17Waaqayyo yommus Nohiin,“Milikkinni kakuu ani ofii koo fi waan foon uffatee lafa irra jiraatu hundumaa gidduutti dhaabe isa kana” jedhe.