Awwaannisa

17 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Ba'uu 10:12-20

12Yommus Waaqayyo Museedhaan,“Hawaannisni biyya Gibxii irratti dhufee, biqila lafaa biyyicha keessa jiru, isa cabbii irraa hafe hundumaa akka nyaatuuf, ati harka kee biyya Gibxii irratti ol fudhadhu!” jedhe.

13Kana irratti Museen ulee isaa biyya Gibxii irratti ol fudhate; Waaqayyo guyyaa sana guutuu, halkan sana guutuus qilleensa gara ba'a-biiftuu isa hamaa biyyichatti gad dhiise; yeroo bari'es qilleensichi hawaannisa itti fidee ture.

14Hawaannisichi guutummaa biyya Gibxiitti dhufee, gurmuun baay'een guutummaa biyyichaa irra in buufate; hawaannisni inni akkas baay'atu isa dura takkaa argamee hin beeku ture, isa booddees kan akkasii hin argamu.

15Inni hamma lafa dukkaneessutti, guutummaa biyyichaatti in uffise; inni biqiltuu biyya sana keessaa hundumaa, mukkeetii ija godhatan warra cabbii irraa hafan hundumaas in nyaate; guutummaa biyya Gibxii keessatti mukkeetii irratti, biqiltuu bakkeetti biqilu irrattis wanti lalisaan tokko illee hin hafne.

16Mootichi ariitiidhaan Musee fi Aaronin waamsisee,“Ani, Waaqayyo keessan goofticha, isinis yakkeera;

17kanaaf amma si'a tokkicha kana duwwaa dabaltanii yakka koo akka anaaf dhiiftaniif isin nan kadhadha; dha'icha ajjeesu kana duwwaas ana irraa akka fageessuuf Waaqayyo keessan goofticha anaaf kadhadhaa!” jedhe.

18Museen achumaan mooticha biraa gad ba'ee Waaqayyoon in kadhate;

19Waaqayyo immoo qilleensa gara lixa-biiftuu isa baay'ee jabaa itti gara galche; qilleensichis hawaannisa sana ol fuudhee galaana diimaa keessatti naqe; guutummaa biyya Gibxii keessatti hawaannisni tokkittiin illee hin hafne.

20Waaqayyo garuu mooticha garaa waan jabeesseef, inni Israa'eloota gad hin dhiifne.

Ba'uu 10:21-28

21Waaqayyo yommus Museedhaan,“Dukkanni biyya Gibxii irratti akka bu'utti, dukkanicha keessas namni akka qaqqabatutti, ati harka kee gara waaqaatti ol qabi!” jedhe.

22Kana irratti Museen harka isaa gara waaqaatti ol qabe, guyyaa sadii guutuu dukkanni quba hin keessifne guutummaa biyya Gibxii irra ture.

23Namoonni walii isaanii hin argine, namni tokko illee guyyaa sadan sana iddoo isaatii hin kaane; lafti Israa'eloonni hundinuu jiran garuu ifa ture.

24Mootichi ergasii Musee waamsisee,“Isin dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa! Maatiin keessanis isinii wajjin haa dhaqan! Garuu bushaayeen keessanii fi saawwan keessan asumatti haa hafan!” jedheen.

25Museen immoo,“Qalma gubatu, aarsaa isa Waaqayyo gooftaa keenyaaf dhi'eessinu ati nuuf kenni kaa!

26Horiin keenyas immoo nuu wajjin in dhaqu; kotteen tokko illee hin hafu; Waaqayyo gooftaa keenyaaf kan dhi'eessinu isaan keessaa in fudhanna; hamma achi geenyutti immoo yeroo Waaqayyoof hojjennu nuyi wanta isaaf dhi'eessinu hin beeknu” jedhe.

27Waaqayyo immoo mooticha garaa waan jabeesseef, inni saba sana gad dhiisuu hin barbaanne.

28Mootichi ergasii Museedhaan,“Ana irraa adeemi! Fuula koo dura deebitee yoo dhufte in duuta, kanaaf lammaffaa deebitee fuula koo dura akka hin dhufne, of eeggadhu!” jedhe.