Firdii

18 Lakkoofsota9Afaan Oromoo

Keessa Deebii 17:18-19

18Mootichi moosifamee teessoo irra yommuu taa'u, macaafa seeraa isa Lewwoota warra luboota bira jiru irraa waraqata maramu irratti haa caafsifatu!

19Kun Waaqayyoon gooftaa isaa sodaachuu akka inni ittiin baruuf dubbii seera kanaa fi seerrata kanaa hundumaa akka ittiin eeguuf isa bira haa taa'u! Inni bara jireenya isaa hundumaatti isa haa dubbisu!

Faarfannaa 9:7-9

7Waaqayyo immoo bara baraan teessoo isaa irra jira, barcuma firdii isaas jabeessee dhaabateera.

8Inni biyya lafaa qajeelummaadhaan in seerrata, saba hundumaafis firdii qajeelaa in kenna.

9Waaqayyo, warra gad qabamaniif da'oo ol jedhaa dha, isaan yeroo rakkinaatti da'oo isa in godhatu.

Faarfannaa 62:12

12Gaarummaan kan kee ti, yaa gooftaa! Ati namaaf akka hojii isaatti, gatii isaa in deebifta!

Fakkeenya 16:2

2Namni akka ofii isaatii ilaalutti karaan jireenya isaa hundinuu qullaa'aa dha, Waaqayyo garuu, hafuura inni ittiin geggeeffamu sana in miijana.

Fakkeenya 29:26

26namoonni baay'een, bulchaa biyyaatti of mul'isuu in barbaadu, firdii dhugaan garuu Waaqayyo biraa namaaf kennama.

Lallaba 3:15-17

15Wanti amma jiru isuma dur turee dha, wanti si'achi ta'us isuma dur ta'e turee dha; Waaqayyo isuma darbe deebisee in fida.

16Ammas ani aduu jalatti, qooda firdii qajeelaa, jal'ina, qooda qajeelinaas micciiramummaa nan arge;

17ani,“Waaqayyo warra qajeelota, warra jal'ootas gara firdiitti in fida; wanti hundinuu, hojiin hundinuus yeroo qaba” jedhee, garaa koo keessatti nan yaade.

Lallaba 12:12-14

12Yaa ilma ko, kana irrattis gorsa kanatti aanee jiru fudhadhu! Macaafota caafuu baay'isuun dhuma hin qabu, macaafa qoruu baay'isuunis nama in dadhabsiisa.

13Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana.

14Waaqayyo hojii hundumaa, gaarii ta'us hamaa ta'us wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii in kenna.

Isaayaas 56:1

1Waaqayyo, “Fayyisuun koo harka irratti in dhufa, qajeelummaan koos dafee in mul'ata; firdii sirriitti eegaa, wanta qajeelaas godhaa!

Hezeqeel 33:18-20

18Namni qajeelaan qajeelummaa isaattii deebi'ee yoo yakke, inni yakka isaatiin in du'a;

19namni jal'aan immoo jal'ina isaattii deebi'ee wanta qajeelaadhaa fi gaarii yoo godhe, inni kana gochuu isaatiin in jiraata.

20Isin yaa mana Israa'el!“Karaan Waaqayyoo qajeelaa miti” in jettu; ani garuu akka karaa keessaniitti tokkon tokkon keessanitti nan farada” jedhi!