Lallaba 12

GAZGAZAfaan Oromoo14 Keeyyattoota3:26 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:26 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Barri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati,“Anatti hin tolan” ittiin jettus utuu hin dhi'aatin, bara dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu!

2Aduun, ifni, jiini, urjiinis utuu hin dukkanaa'in, bokkaa booddeedhaanis duumessi utuu hin dhufin, uumaa kee yaadadhu!

3Yeroo sanatti harki kee warri si eegaa turan, miillan kee warri ciccimoonis in hollatu; ilkaan kee waan muraasataniif nyaachuu in dadhabu, iji kee inni ilaalaa tures in dimimmisaa'a;

4yommus gurri kee lamaan dhaga'uu in dadhabu, ilkaan keetiin yommuu waa nyaattus sagaleen isaa hin dhaga'amu, namoonni yeroo simbirri wacutti in ka'u, sagaleen faarfannaa isaanii garuu sitti hin dhaga'amu.

5Yommus ati irraan-olee adeemuu, karaa irratti wanta sitti bu'us in sodaatta; rifeensi mataa keetii akka daraaraa mata-bokkee in ta'a, caaroon kee akka kan qorophisaa in dadacha'a; kajeellaan kees in hadooda; kana booddee iddoo boqonnaa bara baraa in dhaqxa, warri siif boo'anis karaa irra asii fi achi in yaa'u.

6Kanaafis bu'aa dhagna keetii keessaa wanti akka fo'aa meetii irraa hojjetame utuu hin citin, inni akka harkee warqee irraa hojjetame utuu hin cabin, wanti akka gomboo, burqaa bishaanii biratti utuu hin hurraa'in, inni akka geengoo ittiin bishaan boollaa waraabanis utuu hin cabin uumaa kee yaadadhu!

7Biyyoon gara biyyoo isa irraa dhufeetti deebi'uun, hafuurri immoo gara Waaqayyo isa isa kenneetti deebi'uun hin hafu.

8Lallabichi,“Wanti hundinuu waa'ee hin baasu! Dhugumaan waa'ee hin baasu, waa'ee hin baasu” jedhe.

9Lallabichi ogummaa kan qabu duwwaa utuu hin ta'in, waan ofii beeku saba in barsiise; inni fakkeenya baay'ee itti yaadee, qoree, tarree galchee in qopheesse;

10inni dubbii nama gammachiisu walitti qabee, dubbii qajeelaa, dubbii dhugaas in caafe.

11Dubbiin warra ogeessaa akka ulee isa tiksituu biraa argatanii ittiin horii oofanii ti; jechi isaanii inni funaanamee walitti qabame, akka mismaara tarreetti cinqaarfamee ti.

12Yaa ilma ko, kana irrattis gorsa kanatti aanee jiru fudhadhu! Macaafota caafuu baay'isuun dhuma hin qabu, macaafa qoruu baay'isuunis nama in dadhabsiisa.

13Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana.

14Waaqayyo hojii hundumaa, gaarii ta'us hamaa ta'us wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii in kenna.

Ibsa

12:1-7

Cubbuu Uumaa keenya irratti hojjenne yaadachuu, qalbii jijjiirrachuu, fi dhiifama isaa barbaaduu qabna. Dirqama keenya yaadachuu, akkasumas ayyaanaa fi humna isaatiif isa ilaallataa hojii irra oolchuu qabna. Kun duraan dursee, yeroo qaamni jabaa ta'etti, fi hafuurri hojjetuu ta'etti godhamuu qaba. Namni tokko jireenya isaa dogoggoraan dabarse deebisee yeroo xiinxalu gaddaan guutamu, cubbuu fi wantoota addunyaa faayidaa hin qabne hangam 'itti gammachuu hin qabu' jedhee dirqamaan dubbatutti dhiisuu dhabuun isaa qulqullummaa yookaan dhugummaa isaa baay'ee shakkisiisaa taasisa. Achiin booda, haalli dulloomaa fi dadhabbii isaa bifa fakkeenyaatiin ibsama; kunis hiika keessatti rakkoo muraasa qabaatus, garuu hiikni isaa ifaadha, akkaataa guyyoonni dulloomaa walumaagalatti boqonnaa hin qabne agarsiisuuf. Akkuma keeyyatni afur, 2-5, dadhabbiiwwan yeroo baay'ee dullooma waliin dhufan bifa fakkeenyaatiin ibsan, akkasumas keeyyatni 6 ammoo haalota sa'aatii du'aa keessatti raawwataman tuqa. Cubbuun addunyaa kana keessa utuu hin seenne ta'ee, dadhabbiiwwan kun beekamoo hin ta'an turan. Egaa, dhugumaan, warri dullooman cubbuu hamaa ta'e irratti xiinxaluu qabu.

12:8-14 Solomoon dubbii isaa, 'GOOFIIN GOOFAAWWAN HUNDAA TI, WAA HUNDUU GOOFAA FI QULLAA DHA' jedhu deebisee dubbata. Kunniin jechoota nama muuxannoo baay'ee qaalii ta'een goofaa addunyaa kanaa waa'ee isaa dubbachuu danda'uuti, kan namoota ba'aa cubbuu irraa hiikuuf homaa gochuu hin dandeenye.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6