Mudaa hin qabne

21 Lakkoofsota17Afaan Oromoo

Faarfannaa 15:2-3

2Nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu,

3nama arraba qaratee asii fi achi hin labne, nama nama irratti hamaa hin hojjenne, nama ollaa isaa hin ceephaane;

Yaaqoob 3:2

2Nuyi hundumti keenya baay'ee irraa in kaanna; namni dubbii isaatiin irraa hin kaanne nama fiixaan ba'ee dha. Inni akka nama luugama itti kaa'etti, namummaa isaa guutummaatti qabuu in danda'a.

Qolosaayis 3:14

14Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!

Filiphisiyus 2:14-16

14Waan hundumaas guungummii fi morkii malee godhaa!

15Ijoollee Waaqayyoo warra waan ittiin komataman hin qabne, warra mudaa, haxxummaas hin qabne akka taataniif, isinis dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate gidduutti biyya lafaa irratti akka ibsaa in ibsitu.

16Guyyaa Kristos firdiidhaaf dhufutti akkasumaan waanan hin fiiginiif, akkasumaan waanan hin dadhabiniif, akkan ittiin of jajutti, dubbii jireenyaa jabeessaa qabadhaa!

Roomaa 12:2

2Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.

1ffaa Qorontos 1:10

10Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, isin gidduutti gargar ba'uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isinan gorsa.

1ffaa Tasalonqee 5:15

15Yeroo hundumaa walii keessaniif, namoota hundumaafis gaarii gochuu yaadaa malee, namni tokko illee waan hamaadhaaf hamaa akka hin deebifne ilaaladhaa!

Faarfannaa 18:30

30Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.

Faarfannaa 119:1

1Warri balleessaa malee deddeebi'an, warri akka seera Waaqayyootti jiraatan haa gammadan!

Iyoob 23:10-11

10Haa ta'u iyyuu malee, inni karaa koo in beeka, yeroo inni qoree na ilaaluttis akka warqeetti nan ba'a.

11Miilli koo jabaatee faana isaa duukaa bu'eera, karaa isaa qabadheera, isa irraas hin jal'anne.

Yohaannis 16:24

24Hamma ammaatti isin maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta'uuf kadhadhaa, in fudhattus!? isaaniin jedhe.

Yaaqoob 1:27

27Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa'ee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du'es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraa'ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.

Maatewos 19:21

21Kana booddee Yesus deebisee, ?Raawwatee guutuu ta'uu yoo feete, dhaqi qabeenya kee gurguri, warra deegaadhaaf kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta! Kottuutii ana duukaa bu'i!? jedheen.

Yaaqoob 1:17

17Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubaadhaa in dhufa; abbaa ifaa bira gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru.

2ffaa Saamu'eel 22:31

31Waaqayyo kun, karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.

Fakkeenya 2:7

7inni nama yaadni isaa qajeelaaf ogummaa in kenna, warra balleessaa hin qabneefis gaachana;

Ibraa'oota 5:9

9Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo, warra isaaf abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e.