Maallaqa

28 Lakkoofsota16Afaan Oromoo

Keessa Deebii 24:14-15

14Ati obboloota kee keessaa yookiis galaa kellaa mandaroota biyya keetii keessa jiraatu keessaa isa hiyyeessaa fi dhabaa qacaramee hojjetu hin cunqursin!

15Inni hiyyeessa waan ta'eef, garaan isaas gara isa ittiin qacaramee yaadaa waan jiruuf, Waaqayyotti si iyyatee kun cubbuu akka sitti hin taanetti, gatii inni ittiin qacarame gaafasuma utuu biiftuun hin lixin kenniif!

Faarfannaa 37:16

16Qabeenya guddaa jal'oonni baay'een qaban irra, qabeenya xinnaa namni qajeelaan qabu wayya.

Fakkeenya 1:32

32Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas “Giddii hin qabu” jechuutu balleessa.

Fakkeenya 11:28

28Namni sooruma isaa amanatu in kufa, namni qajeelaan garuu, akka muka jiidhaatti in lalisa;

Fakkeenya 19:17

17Namni hiyyeessaaf garaa laafuu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa;

Fakkeenya 22:26-27

26Hidhata nama waliigaltee jabeessuudhaaf harka namaa rukutuu, yookiis hidhata nama namaaf wabii darbuu hin ta'in!

27Sababiin isaa immoo ati waan baaftu yoo dhabde, afanni kee cinaacha kee jalaa in fudhatama.

Fakkeenya 23:4

4Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin, of qabuu kee argisiisuufis ogummaa qabaadhu!

Malaakii 3:10

10mana koo keessatti nyaanni akka ta'uuf kudhan keessaa tokko guutummaatti gombisaa kootti galchaa! Ani immoo ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhabaadheef qoraa ana ilaalaa!

Maatewos 5:42

42Isa si kadhatuuf kenni, nama waa si irraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin gatin!? jedhe.

Maatewos 6:1-4

1Yesus, ?Namootatti mul'achuudhaaf jettanii tola keessan nama duratti akka hin goone of eeggadhaa! Kana yoo gootan garuu, abbaa keessan isa waaqa irraa biraa gatii hin argattan.

2?Egaa akka warri of argisiiftuun namoota biratti galateeffamuudhaaf jedhanii, manneen sagadaa fi karaa keessatti godhan, ati yeroodhuma arjoomtu hundumaatti kana of duratti hin odeessifatin! Dhuguman isinitti hima, isaan kun gatii isaanii argataniiru.

3Ati garuu yeroo arjoomtu, waan harki kee mirgaa godhu harki kee bitaa iyyuu hin beekin!

4Arjummaan kee dhoksaatti haa ta'u malee; abbaan kee inni dhoksaatti argu immoo gatii kee siif in kenna? jedhe.

Maarqos 12:41-44

41Al tokko Yesus fuullee qodaa buusii taa'ee, yeroo namoonni horii qodaa buusii sana keessa buusan in ilaala ture; namoonni warri badhaadhonni baay'een horii baay'ee keessa buusan.

42Haati hiyyeessaa tokkos dhuftee, horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa qodicha keessa buufte.

43Yommus inni bartoota isaa ofitti waamee, ?Dhuguman isinitti hima! Haati hiyyeessaa kun warra qodaa buusii sana keessa horii buusan hundumaa caalaa buufteetti.

44Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa'atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun garuu danuu hiyyuma ishee keessaa, bultoo isheetiif waan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte? jedhe.

Luqaas 6:38

38Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam'u, guutees kan irra dhangala'utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama? jedhe.

Hojii Ergamootaa 20:35

35Akka kanatti dhamaanee hojjechuudhaan dadhaboota gargaaruun, isa gooftaa Yesus ofii isaatii, ?Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa? jedhes yaadachuun nuuf in ta'a; anis immoo karaa kana hundumaan fakkeenya isiniif ta'eera? jedhe.

1ffaa Qorontos 10:24

24Namni waan isatti tolu utuu hin ta'in, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu!

1ffaa Ximotewos 6:17-19

17Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta'an waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa'anne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay'isee nuuf kennu irra haa kaa'atan!

18Wanta gaarii ta'e haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa ta'u! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa ga'an!

19Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaa'atu.

1ffaa Yohaannis 3:17-19

17Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?

18Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!

19Nuyi kan dhugaa ta'uu keenya kanaan hubachuuf jirra, fuula Waaqayyoo durattis garaa keenya calluma in jechisiifna.