Magnificat
20 Lakkoofsota2Afaan OromooLuqaas 1:46-55
46Maariyaam yommus, ?Garaan koo gooftaa kootiif hooqubaa dhi'eessa;
47hafuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti in ililcha.
48Inni gad deebii garbittii isaa yaadateera'o; egaa, ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana-qabeettii anaan jedhu.
49Waaqayyo inni danda'aan, waan guddaa anaaf godhe; maqaan isaa qulqulluu dha.
50Araarri isaa dhalootaa hamma dhalootaatti, warra isa sodaatan irratti.
51Irree isaatiin aangoo isaa mul'ise; warra kooranis yaada garaa isaanii wajjin bittimse.
52Gooftota ol of qaban teessoo isaanii irraa isaan buuse; warra gad deebi'anis ol isaan kaase.
53Warra beela'an waan gaariidhaan quufse; sooressota harka duwwaa isaan gad dhiise.
54Garbicha isaa Israa'elin gargaaruufis birmate, araara gochuudhaaf qopheesse, in yaadate;
55abboota keenya isa abdachiise, Abrahaamii fi ijoollee, ijoollee isaatiifis bara baraan eege? jette faarfatte.
Luqaas 1:57-66
57Elsaabex yeroon da'umsa ishee geenyaan, ilma deesse.
58Olloonni isheetii fi firoonni ishee araara guddaa gooftaan isheedhaaf buuse yommuu dhaga'an, ishee wajjin gammadan.
59Guyyaa saddeettaffaa isaatti mucicha dhagna qabuudhaaf warri dhufan, akka maqaa abbaa isaatti Zakaariyaas jedhanii moggaasuuf turan.
60Haati isaa Elsaabex garuu, ?Waawuu, maqaan isaa Yohannis haa jedhamu malee? jettee didde.
61Isaan immoo, ?Firoota kee keessaa maqaa kanaan tokko illee hin waamamne? jedhan.
62Rakkannaanis mucicha eenyu jedhee waamuu akka fedhu abbaa isaa milikkitaan gaafatan.
63Zakaariyaasis waan irratti caafu akka isaaf kennaniif gaafatee maqaan isaa Yohannis jedhama, jedhee caafnaan, hundumti isaanii raajeffatan.
64Achumaan Zakaariyaas arrabni isaa hiikamnaan dubbachuu danda'e, hundumaa duras Waaqayyoon galateeffachuu jalqabe.
65Olloonni isaaniis hundinuu in na'an; dubbiin kun baddaa Yihudaa guutummaatti dhaga'amee, bal'aattis dubbatame.
66Warri kana dhaga'an hundinuu immoo dubbicha garaatti qabatanii, ?Mucaan kun maal ta'inna laata? Dhugumaan harki Waaqayyoo hamma ammaatti isaa wajjin ture? jechaa turan.