Mallattoo
42 Lakkoofsota14Afaan OromooSeensa 1:14
14Akkasumas Waaqayyo,“Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii waaqaatti ibsoonni haa jiraatan! Isaan milikkitoota buusaan waggaa, guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman haa ta'an!
Seensa 15:17-18
Abbootii Firdii 6:16-21
16Kana irratti Waaqayyo deebiseefii,“Ani sii wajjin waanan jiruuf, akka nama nama tokko rukututti warra Miidiyaan in rukutta” jedheen.
17Giidewon immoo deebisee,“Ani si duratti faara argadheera yoon ta'e, inni anatti dubbachaa jiru dhuguma si ta'uu isaa kanan ittiin beeku milikkita na argisiisi!
18Hamma ani deebi'ee kennaa midhaanii fidee siif dhi'eessutti hadaraa asii hin adeemin!” jedhe; gooftichis,“Hamma ati deebitutti nan tura” jedheen.
19Yommus Giidewon gara mana isaa dhaqee xobbaallaa reettii tokko qalee affeelee, daakuu safartuu tokkos fuudhee maxinoo tolche; foonicha gundoo irra kaa'ee, bishaan foonichaa xuwweetti naqee fidee, qilxuu jalatti gooftichaaf aarsaa in dhi'eesse.
20Ergamaan Waaqayyoos Giidewoniin,“Foonichaa fi maxinicha fuudhiitii dhagaa kana irra kaa'i, bishaan foonichaas irratti dhangalaasi!” jedhe; Giidewonis akkuma ergamichi jedhe in godhe.
21Ergamaan Waaqayyoo sun ulee harka isaa keessa ture ol kaasee fiixee isaatiin foonichaa fi maxinicha in tuqe; achumaan dhagicha keessaa ibiddi boba'ee foonichaa fi maxinicha gubee in fixe; kana booddee ergamichi Giidewon duraa in sokke.
1ffaa Mootota 13:2-5
2Inni ajaja Waaqayyootiin iddoo aarsaa irratti,“Yaa iddoo aarsaa nana! Yaa iddoo aarsaa nana! Waaqayyo,“Kunoo, mana Daawitiif ilmi tokko in dhalata, maqaan isaas:- Yosiyaas jedhamee in moggaafama; inni luboota iddoowwan sagadaa ol ka'oo warra si irratti ixaana aarsaa jiran aarsaa godhee si irratti isaan in dhi'eessa, lafeewwan namaas si irratti in guba” jedha” jedhee, sagalee guddaadhaan in dubbate.
3Namni Waaqayyoo sunis itti fufee milikkita kennee,“Ati iddoon aarsaa dhootee gargar yommuu baatu, daaraan si irra jirus yommuu dhangala'u, Waaqayyo kana dubbachuu isaatiif kun milikkita akka ta'e beeki!” jedhe.
4Yerobi'aam mootichi wanta namni Waaqayyoo kun iddoo aarsaa isa Bet'el irratti dubbate kana yommuu dhaga'e, iddoo aarsaa sana irraa quba itti qabee,“Namicha kana qabaa!” jedhe; haa ta'u iyyuu malee, harki isaa inni namichatti qabame qaratti gogee waan hafeef, mootichi dachaafachuu hin dandeenye.
5Akkuma namni Waaqayyoo sun ajaja Waaqayyootiin milikkita kennetti, iddoon aarsaa sun dho'ee gargar in ba'e, daaraan iddoo aarsaa sana irraas gad in dhangala'e.
2ffaa Mootota 20:8-10
8Hisqiyaas immoo,“Waaqayyo akka na fayyisu, gaafa guyyaa sadaffaas gara mana qulqullummaatti akkan ol ba'uu danda'uuf milikkinni isaa maali?” jedhee, Isaayaasin in gaafate.
9Yommus Isaayaas deebisee,“Gaadidduun buusaa manaa tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa adeemu moo yookiis tarkaanfii kudhan gara booddeetti haa deebi'u” Waaqayyo waan dubbate akka fiixaan baasuuf milikkinni inni siif kennu isa kana” jedhe.
10Hisqiyaas immoo,“Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti adeemuun gaadidduu hin dhibu waan ta'eef, mee tarkaanfii kudhan gara booddeetti haa deebi'u!” jedhe.
Maatewos 12:38-40
38Yommus barsiisota seeraa fi Fariisota keessaa jarri tokko Yesusiin, ?Yaa barsiisaa! Milikkita akka ati nu argisiiftu barbaanna? jedhan.
39Inni garuu deebisee, ?Dhaloonni hamaanii fi gara gaggalaan milikkita in barbaada; garuu milikkita Yoonaas raajichaa irraa kan hafe milikkinni tokko illee hin kennamuuf.
40Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture, ilmi namaas akkasuma guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa turuuf jira.
Maatewos 16:1-4
1Warri Fariisotaa fi warri Saduqootaa dhufanii Yesusin qoruudhaaf, akka inni milikkita waaqa irraa isaan argisiisuuf gaafatan.
2Inni immoo deebisee, ?[Yeroo galgalaa'u, ?Waaqni diimateera, kanaaf bor bokkaan hin roobu?
3ganama immoo, ?Boruun diimatee duumessi irra buufateera, kanaaf har'a in rooba? in jettu. Egaa bifa waaqaa ilaaltanii waan ta'u himuu beektu, milikkita yeroo kanaa immoo hubachuu hin dandeessan.]
4Dhaloonni hamaan gara gaggalaanis milikkita in barbaada; garuu milikkita Yoonaas irraa kan hafe milikkinni tokko illee hin kennamuuf? isaaniin jedhe. Kana booddee achumatti isaan dhiisee adeeme.
Maatewos 24:3-8
3Akkuma Yesus gaara ejersaa gubbaa taa'een, bartoonni gara isaa dhufanii kophaatti, ?Nutti himi, kun yoom ta'a? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?? jedhan.
4Yesus immoo deebisee, ?Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa!
5Baay'een, ?Ani Masiihii dha? jechaa maqaa kootiin in dhufu, namoota baay'ees in wallaalchisu.
6Lolaa fi oduu lolaa dhaga'uuf jirtu, akka hin naanetti ilaaladhaa! Kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti.
7Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka'a; beelli, socho'i lafaas iddoo adda addaatti in ta'a.
8Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuu ti.
Maatewos 24:23-25
23?Egaa yeroo sanatti namni, ?Ilaa Masiihiin as jira? yookiis ?Achi jira? yoo isiniin jedhe hin amaninaa!
24Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.
25Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.
Maarqos 8:11-12
11Yommus warri Fariisotaa dhufanii Yesusin morkachuutti ka'an; isa qoruudhaafis milikkita waaqa irraa akka isaan argisiisuuf isa gaafatan.
12Inni garuu garaa isaatti gaddee hafuura dheeraa baafatee, ?Dhaloonni si'anaa maaliif milikkita gaafata? Ani dhuguman isiniin jedha, milikkinni dhaloota si'anaaf matumaa hin kennamu? jedhe.
Yohaannis 3:2
2Inni kun halkaniin gara Yesus dhufee, ?Rabbii akka ati barsiisaa taatee Waaqayyo biraa dhufte nuyi beekna; homtinuu yoo Waaqayyo isaa wajjin jiraate malee milikkita ati argisiiftu kana, danda'ee hin argisiisu? ittiin jedhe.
Yohaannis 20:29-31
29Yesus immoo, ?Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!? ittiin jedhe.
30Yesus macaafa kana keessatti kan hin caafamin, milikkita kan biraa baay'ee bartoota isaa duratti hojjeteera.
31Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman.
Hojii Ergamootaa 7:35-36
35Museen kun, isuma isaan gananii, ?Eenyutu seerrattuudhaa fi abbaa firdii si godhe?? ittiin jedhanii dha; Waaqayyo harka ergamaa isaa isa huuxicha qoraattii keessatti itti mul'ateetiin, akka seerratutti akka furuttis isa ergeera.
36Inni kun biyya Gibxiitii isaan baase. Gibxiidhaa yeroo baasetti, galaana Ertiraatti, waggaa afurtama yeroo lafa duwwaa keessa isaan geggeessettis dinqiidhaa fi milikkita godhe.
Hojii Ergamootaa 8:12-13
12Amma garuu namoonni kun, Filiphos waa'ee mootummaa Waaqayyootii fi, waa'ee maqaa Yesus Kristos misraachoo yommuu isaanitti lallabe amananii, dhiironnis dubartoonnis in cuuphaman.
13Simoon ofii isaatii iyyuu amanee, erga cuuphamee milikkitaa fi dinqii gurguddaa, Waaqayyo harka Filiphosiin hojjete arginaan dinqifatee Filiphos biraa adeemuu jibbe.