Maasii Wayinii Naabot-2
10 LakkoofsotaAfaan Oromoo1ffaa Mootota 22:29-38
29Ahaab mootiin Israa'eliif Yoshaafaax mootiin Yihudaa walii wajjin gara Raamoot-Giil'aad in dhaqan.
30Achitti mootiin Israa'el Yoshaafaaxiin,“Ani uffata kan biraatiin wallaalchifadhee duula kana keessa nan lixa, ati immoo uffata mootummaa kee uffadhuutii turi!” jedhe; akkasitti mootiin Israa'el wallaalchifatee duula sana keessa in lixe.
31Yommus mootiin Sooriyaa loltoota konkolaataadhaan adeeman irratti ajajjoota warra ta'an soddomii lamaaniin,“Mootii Israa'el duwwaatti akeekkadhaa malee, yaada keessan loltoota warra xixinnaa irra yookiis warra gurguddaa irra hin kaa'atinaa!” jedhe.
32Ajajjoonni loltoota konkolaataadhaan adeemanii sun Yoshaafaaxin yommuu argan,“Mootii Israa'el jechuun isuma kana” jedhanii, isa loluudhaaf gara isaatti gara in galan; yeroo Yoshaafaax guddisee sagalee isaa dhageessisetti garuu,
33ajajjoonni loltoota konkolaataadhaan adeemanii sun akka inni mootii Israa'el hin ta'in baranii, isa ari'uu dhiisanii in deebi'an.
34Isaan keessaa namichi tokko dunyitiidhuma isaa xiyya isaa gad itti dhiisee, maddaa sibiilaa inni uffatu ol hambisee huffaa Ahaab mootii Israa'el in waraane; yommus mootichi iyyee,“Ani madaa'eeraatii konkolaaticha naanneffadhuu, iddoo lolaa kana keessaa na fuudhii adeemi!” jedhee, isa konkolaataa isaa oofu in abboome.
35Gaafa sanas lolli sun in bulluqe, Ahaab mootichi garuu gara warra Sooriyaatti gara galee konkolaataa isaa keessa hirkatee in dhaabata, dhiigni madaa isaa keessaa ba'us yaa'ee konkolaaticha keessa in ciisa ture; kana irraa kan ka'es mootichi galgaluma sana in du'e.
36Akkuma aduun lixxeen sagaleen guddisee,“Namni hundinuu gara biyya biyya isaatti, gara mandara mandara isaatti haa galu!” jedhu buufata loltootaa sana keessatti in dhaga'ame.
37Mootichi akkasitti in du'e, reeffa isaas fidanii Samaariyaatti in awwaalan.
38Konkolaataa isaas kuufama bishaan Samaariyaa bukkeetti in dhiqan; akkuma Waaqayyo dubbatee turetti immoo lafa dubartoonni ejjitoonni dhiqatanitti, konkolaataa isaa yommuu dhiqan dhiiga isaa saroonni in arraaban.