Maasii Wayinii Naabot-3

8 LakkoofsotaAfaan Oromoo

2ffaa Mootota 9:30-37

30Yehuun gara Yizre'el akka dhufe Iizaabel yommuu dhageesse, xiyyoo ija ishee kuullattee, mataa ishees tottolfattee qaawwa manaa keessaan gad isa in ilaalti turte.

31Akkuma Yehuun karrichatti ol lixeen,“Yaa Ziimrii ati inni gooftaa kee ajjeefte yaada nagaatiif dhuftee?” jetteen.

32Inni immoo gara qaawwichaa ol ilaalee,“Eenyumatu na gargaara laata” Eenyuma ree?” jedhe; yommus xu'aashonni lama yookiis sadii kan ta'an gara isaa in ilaalan.

33Inni immoo,“Gad ishee darbadhaa!” isaaniin jedhe; yeroo isaan gad ishee darbatanitti, dhiigni ishee keenyanitti, fardeenittis in faca'e; Yehuun immoo fardeen isaatii fi konkolaattota isaatiin lafatti ishee in dhidhiite.

34Ergasii Yehuun ol lixee nyaatee, dhugees,“Dubartittii abaaramtuun kun intala mootii waan taateef akka isheen awwaalamtu godhaa!” jedhe.

35Namoonni ishee awwaaluuf ba'an garuu, lafee mataa ishee, lafee harka ishee fi lafee miilla ishee malee homaa arguu hin dandeenye.

36Kanas deebi'anii Yehuutti in himan; inni immoo,“Kun sagalee Waaqayyoo isa inni karaa garbicha isaa Eliyaas Tishbeetichaa,“Naannoo mandara Yizre'elitti saroonni foon Iizaabel in nyaatu,

37namni tokko illee:- Kun Iizaabel jechuu akka hin dandeenyetti reeffi ishee akka kosiitti mandara Yizre'el keessatti bakkeetti in gatama” jedhee dubbatetu raawwatamuu isaa ti” jedhe.