Macaafa Qulqulluu
21 Lakkoofsota19Afaan OromooMaarqos 12:10
10Isin caaffata qulqullaa'aa keessaa hin dubbifnee ree? ?Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e;
Luqaas 4:21
21Yommus Yesus, ?Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti har'a raawwatame? isaaniin jechuu jalqabe.
Yohaannis 2:22
22Kanaaf bartoonni isaa, erga inni du'aa ka'ee booddee, waa'ee isa kanaaf dubbachuu isaa yaadatan; waan macaafni jedhe, dubbii Yesus dubbates in amanan.
Yohaannis 7:42
42Macaafichi, Kristos sanyii Daawit keessaa Betlihem ganda Daawitii akka dhufu hin dubbannee ree?? jedhan.
Yohaannis 13:18
18?Ani waa'ee hunduma keessaniitiif hin dubbadhu, warra ani fo'adhe immoo beeka; inni macaafni, ?Namichi buddeena koo nyaate na dhiite!? jedhu garuu, raawwatamuun in ta'a.
Yohaannis 17:12
12Hamma ani isaan bira turetti, humna maqaa keetii isa ati anaaf kenniteen isaan nan eege; waan hamaattii isaan eegeera, dubbiin macaafaa akka raawwatamuufis isaan keessaa ilma badiisaa malee, tokko illee kan bade hin jiru.
Yohaannis 19:28
28Yesus amma wanti hundinuu fiixaan ba'uu isaa beekee, dubbii macaafaa fiixaan baasuudhaaf, ?Nan dheebodhe? jedhe.
Yohaannis 19:36-37
Yohaannis 20:9
9Macaafni, ?Inni, warra du'an keessaa ka'uun in ta'aaf? in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne.
Hojii Ergamootaa 1:16
16?Obboloota nana, dubbiin macaafaa inni hafuurri qulqulluun duraan dursee afaan Daawitiin waa'ee Yihudaaf dubbate, raawwatameera; innoo warra Yesusin qabuu dhaqan dura adeemee argisiise.
Hojii Ergamootaa 8:32
32Dubbiin macaaficha inni dubbisaa ture, ?Inni akka hoolaa qalamuudhaaf geeffame, akka ilmoon hoolaa, namni rifeensa ishee yommuu muru sagalee ishee hin dhageessifne, akkasuma innis afaan isaa hin saaqqatu.
Roomaa 4:3
3Caaffanni qulqullaa'aan waa'ee isaa maal jedha ree? ?Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa'ameef? jedha.
Roomaa 9:17
17Caaffanni qulqullaa'aan Fara'ooniin, ?Ani maqaan koo lafa hundumaa irratti akka labsamutti, humna koo si irratti argisiisuudhaafan ol si kaase? jedha.
Galaatiyaa 3:8
8Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in amantiidhaan qajeelota gochuuf akka jiru, duraan dursee caaffata qulqullaa'aa keessatti dubbachiiseera; inni Abrahaamiin, ?Sabni hundinuu siin in eebbifamu? jedhee duraan dursee misraachoo itti himeera.
1ffaa Ximotewos 5:18
18Caaffanni qulqullaa'aan, ?Qotiyyoo siribsiisuu irra jiru afaan isaa hin hidhin!? in jedha; akkasumas, ?Hojjetaan gatii dadhabbii isaa argachuun in ta'aaf? kan jedhu barsiifameera.
2ffaa Ximotewos 3:16
16Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.
Yaaqoob 2:8-9
Yaaqoob 4:5
5Yookiis caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo, hawwa hinaaffaatiin hafuura isa nu keessa kaa'e duukaa bu'aa jira? yommuu jedhu, akkasumaan kan dubbatu isinitti fakkaataa ree?
2ffaa Pheexiroos 1:20
20Caalaadhumatti immoo raajiin caaffata qulqullaa'aa akka namni tokko yaada ofii isaatiin kennutti hiikamuun akka hin taane beekuun isin irra jira.