Yohaannis cuuphaan Laga qarqara lallaba

11 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Luqaas 3:7-17

7Akkuma kanaattis Yohannis, namoota cuuphamuudhaaf baay'atanii gara isaatti ba'an, gorsuutti ka'ee, ?Isin ijoollee mar'ataa nana, dheekkamsa isinitti bu'uuf jiru jalaa akka baqattaniif, eenyutu isin yaadachiise?

8Ammas yaada garaa geddarachuun keessan ija gaarii haa godhatu! Abbaan keenya Abrahaamii dha jettanii of hin jabeessinaa; Waaqayyo, Abrahaamiif dhagoota kanattii ijoollee kaasuu akka danda'u isinittan hima.

9Ammuma iyyuu qottoon hidda muka hundumaa irra kaa'amee jira; mukti ija gaarii hin godhanne hundinuu muramee ibiddatti in naqama? jedhe.

10Kana irratti jarreen sun, ?Egaa maal goonu ree?? jedhanii Yohannisin gaafatan.

11Inni immoo, ?Uffata lama kan qabu kan hin qabneef haa kennu; nyaata kan qabu warra dhabaniin haa ga'u!? jedhee deebiseef.

12Warri qaraxa fuudhan immoo cuuphamuudhaaf dhufanii, ?Yaa barsiisaa, nu'oo maal goonu?? ittiin jennaan,

13inni immoo, ?Kan murame irra caalchiftanii hin fuudhinaa!? jedheen.

14Warri loltuunis, ?Nu immoo maal goonu ree?? jedhanii gaafatan; inni immoo, ?Giddisiiftanii horii nama tokko irraa illee hin fudhatinaa; sobaanis nama tokko iyyuu gara abbaa firdiitti hin geessinaa; qalabni keessan inni isin fudhattan isin haa ga'u!? jedheen.

15Jarreen waa eeggachaa waan turaniif, Yohannis kun Kristos ta'inna laataa? jedhanii hundumti isaanii garaa isaaniitti gaafatan.

16Yohannis waan isaan yaadan kanaaf yommuu deebii hunduma isaaniitiif kennutti, ?Ani bishaaniinan isin cuupha, garuu ana irra kan jabaatu hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf kanan hin taane dhufaa jira; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha.

17Oobdii isaa keessatti midhaan kan ittiin qulleessu hafarsaa of harkaa qaba; midhaan isa qulleeffames gombisaa isaatti in sassaaba; habaqii isaa garuu ibidda hin dhaamneen in guba? jedhee barsiise.