Luqaas 3

GAZGAZAfaan Oromoo38 Keeyyattoota6:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:02 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Xiberiyos mootichi mo'ee waggaa kudha shanaffaatti, Phonxos Philaaxos biyya Yihudaa bulche; Herodis immoo biyya Galiilaatti, Filiphos obboleessi isaa biyya Ixuriyaa fi Xraakonixisitti, Lisaaniyaasis biyya Abiliinyaatti abboota biyyaa turan.

2Haannaasii fi Qayyaafaan angafoota lubootaa turan; bara sanatti Yohannis ilmi Zakaariyaas lafa onaa keessa utuu jiruu, sagaleen Waaqayyo isa bira ga'e.

3Yohannis biyya naannoo Yordaanos keessa adeemee, ?Cuuphamaa, yaada garaa geddarachuu keessan mul'isaa; Waaqayyos cubbuu keessan isiniif in balleessa? jedhee labse.

4Kunis macaafa Isaayaas raajichaa keessatti, ?Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya; dhaga'aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa.

5Dachaan hundinuu haa guutamu; tulluun, gaarris hundinuu haa kuffifamu; karaan jajal'aan haa qajeelfamu, wal caalaanis wal haa qixxeeffamu.

6Namoonni hundinuu fayyisuu Waaqayyoo in argu? kan jedhu caafamee jira.

7Akkuma kanaattis Yohannis, namoota cuuphamuudhaaf baay'atanii gara isaatti ba'an, gorsuutti ka'ee, ?Isin ijoollee mar'ataa nana, dheekkamsa isinitti bu'uuf jiru jalaa akka baqattaniif, eenyutu isin yaadachiise?

8Ammas yaada garaa geddarachuun keessan ija gaarii haa godhatu! Abbaan keenya Abrahaamii dha jettanii of hin jabeessinaa; Waaqayyo, Abrahaamiif dhagoota kanattii ijoollee kaasuu akka danda'u isinittan hima.

9Ammuma iyyuu qottoon hidda muka hundumaa irra kaa'amee jira; mukti ija gaarii hin godhanne hundinuu muramee ibiddatti in naqama? jedhe.

10Kana irratti jarreen sun, ?Egaa maal goonu ree?? jedhanii Yohannisin gaafatan.

11Inni immoo, ?Uffata lama kan qabu kan hin qabneef haa kennu; nyaata kan qabu warra dhabaniin haa ga'u!? jedhee deebiseef.

12Warri qaraxa fuudhan immoo cuuphamuudhaaf dhufanii, ?Yaa barsiisaa, nu'oo maal goonu?? ittiin jennaan,

13inni immoo, ?Kan murame irra caalchiftanii hin fuudhinaa!? jedheen.

14Warri loltuunis, ?Nu immoo maal goonu ree?? jedhanii gaafatan; inni immoo, ?Giddisiiftanii horii nama tokko irraa illee hin fudhatinaa; sobaanis nama tokko iyyuu gara abbaa firdiitti hin geessinaa; qalabni keessan inni isin fudhattan isin haa ga'u!? jedheen.

15Jarreen waa eeggachaa waan turaniif, Yohannis kun Kristos ta'inna laataa? jedhanii hundumti isaanii garaa isaaniitti gaafatan.

16Yohannis waan isaan yaadan kanaaf yommuu deebii hunduma isaaniitiif kennutti, ?Ani bishaaniinan isin cuupha, garuu ana irra kan jabaatu hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf kanan hin taane dhufaa jira; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha.

17Oobdii isaa keessatti midhaan kan ittiin qulleessu hafarsaa of harkaa qaba; midhaan isa qulleeffames gombisaa isaatti in sassaaba; habaqii isaa garuu ibidda hin dhaamneen in guba? jedhee barsiise.

18Kana malees gorsa garaa garaa isaaniif kennaa wangeela jaratti lallabe.

19Yohannis Herodisiin abbaa biyyaa iyyuu balleessaa isaa itti mul'isee ifate; kunis Herodiyaas kan jedhamtu niitii obboleessa isaa Filiphos fuudhuu isaatiif, jal'ina inni raawwate hundumaatiifis ture.

20Herodis garuu hammina isaa ittuma dabalee, Yohannisin mana hidhaatti galche.

21Yeroo namoonni hundinuu cuuphamanitti, Yesusis in cuuphame; utuu inni kadhachuutti jiruus waaqni baname.

22Hafuurri qulqulluun bifa gugeetiin mul'atee irra bu'e; sagaleenis waaqa irraa dubbatee, ?Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama? jedhe.

23Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii,

24ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Malkii, ilma Yaanaayi, ilma Yoseef,

25ilma Maataatiyaas, ilma Amos, ilma Naahom, ilma Eslii, ilma Naagee,

26ilma Maa'at, ilma Maataatiyaas, ilma Seeme'i, ilma Yosee, ilma Yihudaa,

27ilma Yoanaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Salaatiyel, ilma Nerii.

28Ilma Melkii, ilma Adii, ilma Qosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer,

29ilma Yoshuwaa, ilma Elii'ezaar, ilma Yooraam, ilma Maataat, ilma Lewwii,

30ilma Simi'oon, ilma Yihudaa, ilma Yoseef, ilma Yoonaam, ilma Eliyaaqim,

31ilma Meleyaa, ilma Maayinaan, ilma Maaxaataa, ilma Naataan, ilma Daawit,

32ilma Isey, ilma Yoobeed, ilma Boaz, ilma Salmoon, ilma Nahason,

33ilma Aminaadaab, ilma Aaram, ilma Arnii, ilma Hesrom, ilma Faares, ilma Yihudaa,

34ilma Yaaqoob, ilma Yisihaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahor,

35ilma Seruug, ilma Raagaawu, ilma Faaleq, ilma Eber, ilma Saalaa,

36ilma Qaayinaam, ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamek,

37ilma Maatusaalaa, ilma Henok, ilma Yaared, ilma Malaaliyel, ilma Qaayinaan,

38ilma Henos, ilma Seet, ilma Addaam, ilma Waaqayyoo.

Ibsa

3:1-14

Tajaajila Yohannis kaayyoo fi galma qaba ture, inni namoota cubbuu isaaniitii gara Fayyisaa isaaniitti fiduu ture. Inni garee yookiin paartii tokko osoo hin taane, amantaa yookiin qajeelfama beeksisuuf dhufe; mallattoon yookiin sirni isaa bishaaniin dhiqamuu ture. Jechoota asitti fayyadamameen Yohannis dhiifama cubbuu argachuuf qalbii jijjiirrachuun barbaachisaa ta’uu lallabe, akkasumas cuuphaan bishaanii mallattoo alaa qulqullina keessoo fi haaromsa garaa sanaa kan qalbii jijjiirannaa dhugaa wajjin deemaniif, yookiin bu’aa isaa ta’aniif, akkasumas kan qalbii jijjiirannaa sana dhugoomsuuf/ibsuuf ta’uudha.

Kunis raawwii Kitaaba Qulqulluu, Isa 40:3, tajaajila Yohannis keessatti argamuudha. Yeroo qajeelfamni wangeelaa gara garaatti qophaa’u, yaada gurguddaa buusuudhaan, akkasumas Kiristoosiif abboomamuutti isaan fiduudhaan, lubbuu gadhiisuudhaan, akkasumas wantoota karaa Kiristoosii fi ayyaana isaa irratti nu gufachiisan hunda kaasuu/balleessuudhaan, yeroo sanatti fayyina Waaqayyoo simachuuf qophiin taasifama.

Kunneen akeekkachiisawwan waliigalaa fi gorsawwan Yohannis kenneedha. Sanyii ilmaa namaa cubbamaa fi manca’aa ta’e sanyii bofaa ta’eera; Waaqayyoof jibbamaa, akkasumas wal-jibbataa. Dheekkamsa dhufu jalaa ba’uuf karaa tokkollee hin jiru, yoo qalbii hin jijjiirranne malee; akkasumas jijjiirama karaa keenyaan jijjiirama yaada keenyaa mul’isuun qabna. Yoo dhugumaan qulqulluu hin taane, garaadhaanis ta’e jireenyaan, amantaa keenya beeksisuun keenya, akkasumas hariiroon keenya Waaqayyoo fi waldaa isaa wajjin, homaa nuu hin fayyadu; yoo ija qalbii jijjiirannaa dhugaa hin fidne, badiisni keenya baay’ee hamaa ta’a.

Yohannis Cuuphaan namoota gosa adda addaa gorseera. Warri qalbii jijjiirannaa beeksisanii fi waadaa galan, bakka fi haala isaanii eeganii jijjiirama hojiin mul’isuu qabu. Wangeelli araara/garraamummaa barbaada malee aarsaa miti; kaayyoon isaas, waan gaarii hundumaa hojjechuuf, akkasumas namoota hundumaaf qajeelaa ta’uuf nu kakaasuu dha. Qajeelfamni nama bu’aa qajeelaa hin taane dhiisuutti isa geessu, kan cubbuun yookiin dogoggoraan argame deebisuuttis isa geessa. Yohannis loltootaaf dirqama isaanii hime. Namoonni qorumsawwan hojii isaanii irraa akeekkachiifamuu qabu. Deebiiwwan kunneen dirqama gaafattootaa yeroo sanaa beeksisan, akkasumas yeroo sanaatti amanamummaa isaanii qoruuf tajaajilan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ጢባርዮስ ቄሣርም በነገሠ በአሥራ አምስተኛይቱ ዓመት፥ ጴንጤናዊው ጲላጦስም በይሁዳ ሲገዛ፥ ሄሮድስም በገሊላ የአራተኛው ክፍል ገዥ፥ ወንድሙ ፊልጶስም በኢጡርያስ በጥራኮኒዶስም አገር የአራተኛ… አማርኛ ENGNIV In the fifteenth year of the reign of Tiberius Caesar–when Pontius Pilate was governor of Judea, Herod tetrarch of Gali… English BCV ጢባርዮስ ቄሳር ካብ ዝነግስ፥ ኣብ መበል ዓሰርተ ሓሙሽተ ዓመት፥ ጲላጦስ ጴንጤናዊ ኣብ ይሁዳ ኽገዝእ እንተሎ፥ ሄሮድስ ኣብ ገሊላ፥(ሀ) ፊልጶስ ሓዉ ኣብ ኢጡርያስን ኣብ ሃገር ጥራኮኒዶስን፥… ትግርኛ GAZBIB Xiberiyos mootichi mo'ee waggaa kudha shanaffaatti, Phonxos Philaaxos biyya Yihudaa bulche; Herodis immoo biyya Galiila… Afaan Oromoo BCV GIZ ወአመ ዐሠርቱ ወኀምስቱ ዓመተ መንግሥቱ ለጢባርዮስ ቄሳር እንዘ ጲላጦስ ጰንጤናዊ መልአከ ይሁዳ ወሄሮድስ ንጉሥ ላዕለ ገሊላ ወፊልጶስ እኁሁ መልአከ ኢጡርያስ ወለብሔረ ጥራኮኒዶስ ወሊሳንዩስ … giz BCV aksum ጢባርዮስ ቄሳር ካብ ዝነግስ፥ ኣብ መበል ዓሰርተ ሓሙሽተ ዓመት፥ ጲላጦስ ጴንጤናዊ ኣብ ይሁዳ ኽገዝእ እንተሎ፥ ሄሮድስ ኣብ ገሊላ፥(ሀ) ፊልጶስ ሓዉ ኣብ ኢጡርያስን ኣብ ሃገር ጥራኮኒዶስን፥… ትግርኛ AMHNIV ጢባርዮስ ቄሣር በነገሠ በዐሥራ አምስተኛው ዓመት፣ ይኸውም ጳንጥዮስ ጲላጦስ የይሁዳ ገዥ፣ ሄሮድስ የገሊላ አራተኛው ክፍል ገዥ፣ ወንድሙ ፊልጶስ የኢጡርያስና የጥራኮኒዶስ የአራተኛው ክፍል ገ… አማርኛ SWAHSUV Mwaka wa kumi na tano wa kutawala kwake Kaisari Tiberio, Pontio Pilato alipokuwa liwali wa Uyahudi, na Herode mfalme wa… Kiswahili