Qulqullummaa

30 Lakkoofsota25Afaan Oromoo

2ffaa Qorontos 7:1

1Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessina; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis qulqullummaa fiixaan in baafanna.

Ibraa'oota 12:14

14Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa! Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa!

1ffaa Pheexiroos 1:15-16

15Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa!

16Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, ?Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis qulqulloota ta'aa!? jedheera.

Faarfannaa 119:9

9Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa'ummaatti eeguu danda'a” Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu in danda'a.

2ffaa Ximotewos 1:9

9Waaqayyo nu fayyisee isaaf akka qulqulloofnuuf nu waame; nu waamuun isaas akka akeeka isaatii fi akka ayyaana isaa isa durii durii jalqabee karaa Kristos Yesus nuuf kenneetti malee, akka hojii keenyaatti miti.

Faarfannaa 139:23-24

23Qorii na ilaali, yaa Waaqayyo, garaa koos beeki! Na fonqolchi, yaada koos beeki!

24Karaa nama miidhu irra bu'een jira yoo ta'e ilaali, karaa bara baraan jiraatu irra na geessi!

Filiphisiyus 2:5

5Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa!

Efesoona 5:3

3Akka warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitti jiraadhaa malee, halalummaan, xuraa'ummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhaga'amin iyyuu.

Filiphisiyus 2:14-16

14Waan hundumaas guungummii fi morkii malee godhaa!

15Ijoollee Waaqayyoo warra waan ittiin komataman hin qabne, warra mudaa, haxxummaas hin qabne akka taataniif, isinis dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate gidduutti biyya lafaa irratti akka ibsaa in ibsitu.

16Guyyaa Kristos firdiidhaaf dhufutti akkasumaan waanan hin fiiginiif, akkasumaan waanan hin dadhabiniif, akkan ittiin of jajutti, dubbii jireenyaa jabeessaa qabadhaa!

Roomaa 12:1

1Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.

1ffaa Saamu'eel 2:2

2Yaa Waaqayyo, qulqulluun akka keetii tokko illee hin jiru; si malees kan biraa hin jiru; akka Waaqayyo keenyaas kattaa kan namaaf ta'u hin jiru.

Isaayaas 57:15

15Ani inni ol jedhaan, guddaan, bara baraan kanan jiraadhu, maqaan koo qulqulluu kan ta'e, iddoo ol ka'aa fi iddoo qulqullaa'aa nan jiraadha; warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii wajjinis nan ta'a; hafuura warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii nan haaressa.

Roomaa 16:17

17Obboloota ko! Warra barsiisa isin fudhattaniin mormuudhaan yaada namootaa gargar baasanii, amantii irraa kuffisanittii akka of eeggattan isinan gorsa; isaan irraa fagaadhaa!

Hezeqeel 38:23

23ani guddaadhaa fi qulqulluu ta'uu koo nan argisiisa; saba baay'ee durattis nan beekama; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku” jedha.

Lewwoota 20:26

26Ani Waaqayyo qulqulluu waanan ta'eef, isin kan koo akka taatanitti saba warra kaanittii addaan waanan isin baaseef, isinis immoo qulqulloota ta'aa!

Faarfannaa 103:1

1Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, keessi namummaa koo guutummaatti maqaa isaa isa qulqulluu haa eebbisu!

Amoos 5:14

14Isin akka jiraattanitti wanta gaarii barbaadaa malee, wanta hamaa gochuu hin barbaadinaa! Yoos akkuma isin jettan in ta'a; Waaqayyo gooftaan maccaas dhuguma isinii wajjin in jiraata.

Fakkeenya 20:25

25Namni utuu itti hin yaadin Waaqayyoof wareega wareegee, booddee immoo deebi'ee yoo seese kiyyoo lixuu isaa ti.

Roomaa 6:22

22Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota Waaqayyoo taataniittu, kunis qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya bara baraatti in geessa.

Hezeqeel 36:23

23Ani maqaa koo isa guddaa isa saba warra kaan gidduutti xuraa'e, isa isin isaan gidduutti xureessitan sana nan qulqulleessa; ani qulqulluu ta'uu koo karaa keessan yommuun isaanitti argisiisu, sabni warri kaan ani Waaqayyo akkan ta'e in beeku” jedhe, ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera.

Maatewos 5:48

48Egaa abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma ta'e, isinis warra mudaa hin qabne ta'aa!? jedhe.

Luqaas 8:16

16?Homtinuu ibsaa qabsiisee, guuboo jala yookiis siree jala hin kaa'u; warri mana sanatti ol galan hundinuu ificha akka arganiif, baattuu ibsaa irra kaa'a malee.

Fakkeenya 9:10

10Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, isa qulqulluu sana beekuun hubannaa dha.

Faarfannaa 68:4-5

4Waaqayyoof weeddisaa, mi'a garaa garaatiinis maqaa isaa faarfadhaa, isa lafa duwwaa gara irraa adeemus ol kaasaa, faarfadhaa! Maqaan isaa “Isa jiru” jedhama, fuula isaa duratti gammaduu keessan mul'isaa!

5Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessa jira; warra abbaa hin qabneef abbaan, haadhotii hiyyeessaafis falmaan, isa.

1ffaa Qorontos 3:16

16Isin mana qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, hafuurri Waaqayyoos isin keessa buufate akka jiru hin beektanii ree?