1Ogummaan mana ishee ijaarratteetti, utuboota mana ishee torbanis sooftee tolfatteetti;
2isheen horii qaltee, daadhii waynii calaltee, maaddii ishees qopheessiteetti;
3mandaricha keessaa iddoo ol jedhaa irra dhaabatanii, akka waamaniif durboota isheedhaaf hojjetan ergiteetti.
4Isheen,“Warri wallaalan hundinuu as haa dhufan!” in jetti; warra qalbii hin qabneenis,
5“Kottaa buddeena koo nyaadhaa, daadhii ani calales dhugaa!
6In jiraattuutii wallaalummaa keessan dhiisaa! Karaa hubannaa irras adeemaa!” in jetti.
7Namni nama ga'isaa gorsu, of in salphisa; namni nama jal'aa ifatu, yeelloo ofitti in fida;
8nama ogeessa ifadhu, inni si jaallata, nama ga'isaa garuu hin ifatin, inni si jibba;
9nama ogeessa gorsi, inni caalaa ogeessa in ta'a; nama qajeelaa barsiisi, innis beekumsa in baay'ifata.
10Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, isa qulqulluu sana beekuun hubannaa dha.
11Ogummaan kun guyyoota jireenya keetii in baay'ifti, bara jireenya kees itti in dabalti.
12Ogeessa yoo taate bu'aan isaa kanuma kee ti, ga'isaa yoo taate garuu ofiidhuma kee in miita.
13Aadde gowwummaan iyyituu dha, isheen homaa tokko iyyuu hin hubattu, beekumsas hin qabdu;
14isheen mandarattii keessaa iddoo ol jedhaa irra, balbala ishee dura barcuma irra in teessi;
15warra karaa irra darbaniin, warra qajeelanii karaa isaanii irra adeemaniin,
16“Warri wallaalonni hundinuu as haa dhufan!” in jetti; warra qalbii hin qabneenis,
17“Bishaan hannaa miyaa'aa dha, buddeenni dhoksaatti nyaatamus nama in gammachiisa” in jetti;
18garuu isaan warri du'an achi akka jiran, warri isheen waamtes iddoo lafa jalaa isa gad fagoo keessa akka jiran isaan hin beekan.