Qajeelummaa
24 Lakkoofsota14Afaan OromooKeessa Deebii 6:25
25Nuyis akkuma inni nu abboometti, Waaqayyo gooftaa keenya duratti abboommii isaa kana hundumaa gochuudhaaf yoo of eegganne, qajeelummaatti nuuf in lakkaa'ama” in jetta.
Iyoob 29:14
14Ani qajeelummaa akka uffataatti nan uffadhe, innis anatti uffifame; firdiinis akka qoloo fi akka marata mataa ture.
Iyoob 33:26
26yommus namni Waaqayyoon in kadhata, akka inni sagalee gammachuu dhageessisaa fuula isaa arguttis, Waaqayyo isatti in gammada; qajeelina isaas iddootti in deebisaaf.
Faarfannaa 1:3
3Inni akka muka isa bishaan yaa'aa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.
Faarfannaa 15:1-5
1Yaa Waaqayyo, godoo kee keessa eenyutu buufata ree” Tulluu kee isa qulqullaa'aa irras eenyutu jiraata ree”
2Nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu,
3nama arraba qaratee asii fi achi hin labne, nama nama irratti hamaa hin hojjenne, nama ollaa isaa hin ceephaane;
4namni Waaqayyoon gatee gatamee ija isaatti tuffatamaa ta'ee kan ilaalamu; warra Waaqayyoon sodaataniif immoo ulfina kan kennu, wanti inni wareege kan isa miidhu yoo ta'e iyyuu, wareega isaa utuu hin geddarin kan raawwatu;
5horii isaa hiiqiitti kan hin kennine, nama yakka hin qabne irratti gabbarsuu kan hin fudhanne; kana hundumaatti namni of eeggachaa hojjetu, yoom iyyuu hin socho'u.
Faarfannaa 24:3-5
3Gara tulluu Waaqayyootti ol ba'uun kan ta'uuf eenyu” Iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessas dhaabachuun kan ta'uuf eenyu”
4Isa harki isaa hin xuraa'in, garaan isaas qullaa'aa ta'e, isa yaada isaa wanta sobaa duukaa hin kaafne, isa sobaan hin kakannee dhas.
5Inni Waaqayyo biraa eebba, gooftaa isaa, fayyisaa isaa biraas dhugaa in argata.
Faarfannaa 101:3-4
Fakkeenya 10:2
2Badhaadhummaan jal'inaan argame bu'aa hin qabu, qajeelinni garuu du'a nama in oolcha.
Fakkeenya 11:5-6
Fakkeenya 11:19
19qajeelummaan gara jireenyaatti, wanta hamaa duukaa bu'uun garuu gara du'aatti nama in geessa.
Fakkeenya 11:30
30iji hojii nama qajeelaa muka jireenyaa ti, namni ogeessi malaan lubbuu namaa in deebifata.
Fakkeenya 29:7
7Namni qajeelaan hiyyeessaaf in dhimma, namni jal'aan garuu, wanta akkasii kanaaf dhimma hin qabu.
Isaayaas 33:15-17
15Nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa dubbatu, nama bu'aa karaa jal'inaa dhufu ceepha'u, nama gabbarsuu fudhachuu irraa harka isaa eeggatu nama waa'ee nama ajjeesuu dhaga'uu jibbee gurra isaa cuqaallatu, nama wanta hamaa ilaaluu jibbee dununfatu,
16namni akkasii kun iddoo ol jedhaa irra in jiraata; da'oo kattaa dhagaa cimaa iddoo baqaa in godhata; achittis nyaati isaaf in kennama, bishaan argachuun isaas amansiisaa dha.
17Iji kee ulfina mootichaa in arga, biyya baay'ee bal'aa mootichi mo'us in ilaala.
Maatewos 12:35
35Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa.