Qabeenya
36 Lakkoofsota19Afaan Oromoo1ffaa Saamu'eel 2:7-8
7Waaqayyo nama in deegsa, in badhaasas; inni nama gad in deebisa, olis in qaba.
8Inni hiyyeessota awwaara keessaa in kaasa, warra dhaboos tuullaa kosii keessaa ol in kaasa; gurguddootaa wajjin isaan in teessisa, teessoo ulfinaas akka isaan dhaalan in godha; utuboonni lafaa kan Waaqayyoo ti, inni utuboota sana irra biyya lafaa in kaa'e.
Iyoob 31:24-28
24“Ani warqee abdii koo godhadhee, warqee qullaa'aadhaanis, “Amanannaa koo ti” jedhee yoon jiraadhe,
25badhaadhummaan koo guddaa waan ta'eef, harki koos baay'ee waan argateef gammadee yoon jiraadhe,
26yeroo aduun ibsitutti, yeroo ji'i ulfinaan adeemtuttis isaaniif sagaduudhaaf gara isaanii ilaaleera yoon ta'e,
27garaan koo dhoksaadhaan gowwoomfamee, ulfina isaaniif harka koo dhungadheera yoon ta'e,
28ani gubasitti Waaqayyo duratti sobduu nan ta'an ture, kunis yakka namatti farachiisu in ta'a.
Fakkeenya 3:9-10
Fakkeenya 8:8-11
8dubbiin afaan kootii hundinuu qajeelaa dha, isaan keessa jal'aan yookiis micciiramaan hin jiru.
9Nama isa hubataadhaaf hundumti isaanii mul'atoo dha, isa beekumsa qabuufis qajeeloo dha;
10qooda meetii gorsa koo fudhadhaa, warqee caalaas beekumsa fo'adhaa!
11Ogummaan elellaan diimaa irra in caalti, wanti ba'eessi ati hawwitu hundinuus isheedhaan hin qixxaatu.
Fakkeenya 13:11
11Badhaadhumni karaa malee argamu irraa hir'achaa in adeema, namni itti dadhabee wal irra buusaa adeemu garuu in baay'ifata.
Fakkeenya 14:20
20Hiyyeessi ollaa isaa biratti iyyuu in jibbama, sooressi garuu firoota baay'ee qaba;
Fakkeenya 15:16
16qabeenya guddaa waca qabu irra, qabeenya muraasa Waaqayyoon sodaachuudhaan itti jiraatan wayya.
Fakkeenya 16:8
8Qabeenya baay'ee karaa jal'inaatiin argamu irra, qabeenya xinnaa karaa qajeelaatiin argamu wayya.
Fakkeenya 18:11
11Qabeenyi warra sooreyyii isaaniif mandara da'oo qabuu dha, akka dallaa dhedheeroottis isa in lakkaa'u;
Fakkeenya 19:4
4Badhaadhummaan nama baay'ee fira namaaf godha, hiyyumni garuu fira irraa gargar nama kuta;
Fakkeenya 23:4-5
Fakkeenya 28:6
6sooressa jireenyi isaa micciiramaa irra, hiyyeessa balleessaa hin qabne wayya;
Fakkeenya 28:20
20Namni amanamaan baay'ee eebbifama, namni soorummaaf sassatu garuu, utuu hin adabamin hin hafu;
Lallaba 5:10
10Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu; kunis wanta waa'ee hin baafne dha;
Lallaba 7:14
14Namni wanta isa booddeedhaan ta'uuf jiru hin beeku; kanaafis ati bara gaariitti gammadi! Barri hamaan yoo dhufe immoo, Waaqayyo isa kana, isa sanas akka uume yaadadhu!
Ermiyaas 17:11
11Namni jal'inaan badhaadhummaa walitti qabatu, akka goggorii hanqaaquu ammattee hin yaasin haftuu ti; qabeenyi sun walakkaa bara jireenya namichaa keessa isa dhiisee in dhuma, namichis gara dhumaatti akka nama gowwaa harka qullaa in hafa.
Maatewos 6:18-21
18Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argutti malee, namoota duratti akka hin mul'anne godhi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif in kenna? jedhe.
19Yesus ammoo, ?Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti iddoo bilii fi daana'oon nyaatutti, hattuunis cabsitee iddoo hattutti, walitti hin qabatinaa!
20Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti iddoo biliin yookiis daana'oon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa!
21Garaan kee lafa badhaadhummaan kee jirutti hidhama? jedhe.
Luqaas 6:24-26
24Garuu wayyoo isin warra geessifattaniif, qannoo keessaniif kan ta'u argattaniittu.
25Wayyoo isin warra amma quuftaniif, beela'uudhaaf jirtu; wayyoo isin amma kan kolfitaniif, wawwaachuuf, boo'uufis jirtu.
26Wayyoo isiniif namni hundinuu yoo isin jajate, abaabiliin isaaniis raajota sobduu akkasuma gochaa turan? jedhe.
1ffaa Ximotewos 6:17-19
17Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta'an waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa'anne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay'isee nuuf kennu irra haa kaa'atan!
18Wanta gaarii ta'e haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa ta'u! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa ga'an!
19Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaa'atu.