Qaayinii fi Abeel

16 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Seensa 4:1-16

1Addaam, Hewwaan haadha manaa isaa bira ga'e; isheenis ulfooftee ilma Qaayin jedhamu deessee,“Ani gargaarsa Waaqayyootiin nama tokko godhadheera” jette;

2itti dabaltees obboleessa isaa Abeelin deesse; Abeel tiksituu hoolaa ta'e, Qaayin garuu qottuu ta'e.

3Guyyaa baay'ee booddee Qaayin wanta lafa irraa galfate irraa Waaqayyoof kennaa dhi'eesse;

4Abeelis immoo hoolota isaa keessaa warra dura dhalatan qalee cooma isaanii aarsaa dhi'eesse; Waaqayyo gara Abeelii fi gara qalma isaa faara tolaadhaan in ilaale.

5Gara Qaayinii fi gara kennaa isaa garuu faara tolaadhaan hin ilaalle; kana irratti Qaayin aaree boba'ee, mataa buuse.

6Waaqayyo yommus Qaayiniin,“Maaliif aartee bobaate” Maaliifis mataa buufte”

7Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree” Wanta gaarii hin hojjettu yoo ta'e garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!” jedhe.

8Qaayin obboleessa isaa Abeelii wajjin in dubbate; erga gara bakkeetti ba'aniis Qaayin obboleessa isaa Abeel irratti ka'ee isa ajjeese.

9Waaqayyo yommus,“Abeel obboleessi kee eessa jira?” jedhee Qaayinin gaafate; inni immoo deebisee,“Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?” jedhe.

10Kana irratti Waaqayyo,“Wanti ati goote kun maali” Dhiigni obboleessaa keetii lafaa natti in iyyata.

11Ammas ati abaaramaa dha! Lafa isa dhiiga obboleessaa keetii afaan bane akka dhugu goote sana irraa in ari'atamta.

12Lafa yeroo qottu deebi'ee midhaan siif hin baasu; biyya lafaa irrattis nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes in taata” jedhe.

13Qaayin deebisee Waaqayyoon,“Adabamuun koo isa ani baachuu danda'u gara irraa ta'e.

14Kunoo! Ati har'a lafa maasii koo irraa na ariiteetta, fuula kee duraas dhokachuun na irra jira; ani lafa irratti nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes nan ta'a; namni na arge hundinuus ana in ajjeesa” jedhe.

15Kana irratti Waaqayyo,“Akkas miti, nama Qaayinin ajjeese irraa gumaan dachaa torbaa in barbaadama!” jedheen; kana booddee Waaqayyo, namni Qaayinin arge rukutee akka hin ajjeefneef, milikkita itti godhe.

16Qaayinis fuula Waaqayyoo duraa ba'ee, Eeden gara ba'a-biiftuu biyya itti jooraa hafetti gale.