Qormaata

84 Lakkoofsota19Afaan Oromoo

Seensa 3:1-13

1Bineensa bakkee Waaqayyo gooftaan uume hundumaa keessaa bofni caalaa haxxee ture; innis dubartittiidhaan,“Dhuguma Waaqayyo,“Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!” isiniin jedhee?” jedhe.

2Dubartittiin immoo bofichaan,“Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya;

3garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa, Waaqayyo,“Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin bu'inaa! Kanaa achi in duutu” jedheera” jette.

4Bofichi immoo deebisee dubartittiidhaan,“Hin duutan;

5isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” jedheen.

6Dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta'uu isaa, ija namaatti kan tolu, ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisaa ta'uu isaa argitee, ija isaa irraa kutattee in nyaatte; abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate.

7Yommus lamaanuu iji isaanii in baname, qullaa ta'uu isaaniis in beekan; kana irratti isaan baala harbuu walitti hulluuqsisanii marxoo isaa hojjetatan.

8Kana booddee namichii fi haati manaa isaa yeroo qilleensi qabbanaa'aan qilleensa'utti Waaqayyo gooftaan iddoo dhaabaa sana keessa utuu adeemuu sagalee dhaga'an; isaan Waaqayyo gooftaa duraa mukkeetii iddoo dhaabaa sanaa gidduu in dhokatan.

9Waaqayyo gooftaan garuu namicha waamee,“Eessa jirta?” jedheen.

10Namichis,“Ani sagalee miilla kee iddoo dhaabaa keessatti dhaga'ee, qullaa koo waanan tureef nan sodaadhe, nan dhokadhes” jedheen.

11Waaqayyos,“Qullaa kee akka turte eenyu sitti hime” Sila'oo ija mukichaa isa ani“Hin nyaatin!” jedhee si abboome sana irraa nyaattee ree?” jedhe.

12Namichis,“Dubartittii ishee ati naa wajjin akka jiraattuuf naaf laattetu ija mukichaa naaf kenne, anis nan nyaadhe” jedhe.

13Yommus Waaqayyo gooftaan dubartittiidhaan,“Wanti ati goote kun maal inni?” jedhe; dubartittiinis,“Bofichi na sosobnaanan nyaadhe” jette.

Seensa 20:6

6Waaqayyo immoo abjuu sana keessa Abiimelekiin,“Ati garaa keetti hamaa utuu hin yaadin kana akka goote ani iyyuu beeka; kanaaf ati akka ana hin yakkineef ani si dhowweera; ati akka ishee bira geessuufis ani karaa siif hin laanne.

Seensa 22:1

1Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo qoree isa ilaaluudhaaf“Abrahaam!” jedhee waame; Abrahaamis,“Kunoo asan jira!” jedhee deebise.

Seensa 39:7-10

7Takka turtee haati manaa gooftaa isaa ija ishee Yoseef irra buufattee,“Anaa wajjin ciisi!” ittiin jette.

8Inni garuu didee, haadha manaa gooftaa isaa sanaan,“Kunoo, gooftaan koo waan mana isaa keessa ana harka jiru hin beeku; wanta kan isaa ta'e hundumaa harka koo jala galcheera;

9mana kana keessa guddaan ana caalu hin jiru; si malees wanti inni anatti kennuu dhiisee, harkatti hambifate hin jiru; ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha” Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jedhe.

10Isheen guyyuma guyyaatti Yoseefitti kana yoo dubbatte iyyuu, inni ishee wajjin ciisuudhaaf yookiis ishee biratti argamuudhaaf, ishee dhaga'uu hin barbaanne.

Ba'uu 34:12

12Biyya itti galuuf jirtu kana keessatti warra achi jiraatanii wajjin kakuutti galtee, isaan achi keessatti wanta kiyyootti si galchu akka sitti hin taaneef of eeggadhu!

Keessa Deebii 7:25

25Bifa fakkeenya waaqayyolii isaanii ibiddaan gubi! Inni kiyyoo akka sitti hin taanetti warqee fi meetii waaqayyolii isaaniitti uffifame hin hawwin! Inni Waaqayyo gooftaa kee duratti ciigga'amaa waan ta'eef, isa hin fudhatin!

Faarfannaa 17:4

4Dubbii afaan kee keessaa ba'uun geggeeffamee, wanta namoonni hojjetan irraa, karaa isaan humnaan nama irratti ka'an irraas, of eeggadheera.

Faarfannaa 73:2-26

2Waa'ee kootiif yoo ta'e garuu, miilli koo bitintiree kufuu ga'eera, ejjennaan koos mucucaachuuf xinnootu hafe.

3Warri jal'oonni nagaatti jiraachuu isaanii yeroon arge, warra of jajan kanatti weenna'een ture.

4Isaan dhiphina hin qaban, dhagni isaanii fayyaa dha, gabbataa dhas;

5rakkinni nama irra ga'u isaan irra hin geenye, akka namoota biraas dha'ichi isaanitti hin buune.

6Kanaaf of koorsuu akka naqata mormaatti in kaa'atu, humnaan nama irratti ka'uus akka wayyaatti in uffatu;

7ija isaanii coomatu bobbokokse, inni isaan garaatti yaadan guutee irra dhangala'e;

8isaan in gai'su humnaan waa'ee nama cunqursuu in dubbatu, nama gara irraa goraniis achii gad in dubbatu.

9Afaaniin bantii waaqaa bira in ga'u, arrabni isaaniis biyya lafaa waliin in ga'a;

10kanaaf sabni Waaqayyo illee isaanitti in gora, waanuma isaan jedhanis safara malee akka bishaanii in dhuga.

11Isaan immoo,“Waaqayyo attamitti beekuu danda'a ree” Isa hundumaa gara irraa biras waa beekuun jiraa ree?” in jedhu.

12Ilaa! Jal'oonni warra akkasiiti, yeroo hundumaa of irraa bu'anii in jiraatu, jabaachaas in adeemu.

13Yoos immoo ani ofumaan garaa koo qulqullinatti eeggachuuf dhama'ee ree” Yakka akkan hin qabne argisiisuufis ofumaan harka koo dhiqadhee ree”

14Guyyaa guyyaatti dha'ichi anatti bu'eera, ganama ganamas adabamuun na eeggata ture.

15Utuun,“Akkuma isaanii nan dubbadha” jedheera ta'ee, dhaloota ijoolleen kee keessa jiran biratti amanamuu dhabee, isaanis akka gara gaggalan nan godhan ture.

16Yeroo ani kana hubachuuf jedhee itti yaade immoo, rakkisaa ta'ee anatti argame.

17Hamma ani mana qulqullummaa Waaqayyootti galee, jarri sun gara dhumaatti maal akka ta'an hubachuu bira ga'etti, na rakkise.

18Dhuguma iyyuu ati lafa mucucaatu irra isaan in dhaabachiifta, kukkufanii akka caccabanis in goota.

19Attamitti batalatti badiisi sodaachisaan isaan irra ga'e, attamittis dhidhimanii naasuu guddaadhaan xaph jedhan!

20Akka wanti abjuudhaan argan yeroo dammaqan dhabamu, akkasumas yaa gooftaa, ati yommuu kaatu, bifa isaanii akka waan hin jirreetti in ilaalta.

21Yommuu jireenyi anatti hadhaa'e, yeroo onnee na tumates,

22ani nama gowwaa, nama waa hubachuu hin dandeenye ta'e, si duratti akkuma horii marga dheeduun ture.

23Haa ta'u iyyuu malee, ani yeroo hundumaa si biratti nan hafa, atis harka koo mirgaa in qabda;

24ati gorsa keetiin ana in geggeessita, kana booddees ulfinatti ana in fudhatta.

25Waaqa irratti si malee eenyuun nan qabaadha ree” Lafa irrattis si malee maalan eeggadha ree”

26Foon koo, keessi namummaa koos yoo gad dhuman iyyuu, Waaqayyo garaa koo in jajjabeessa, bara baraanis qooda anaaf in ta'a.

Faarfannaa 94:17

17Waaqayyo utuu ana hin gargaarre ta'ee, silaa yowwana lubbuun koo biyya warra cal jedhanii keessa buufatteetti!

Faarfannaa 119:101

101Ani dubbii kee eeguudhaaf, miilla koo karaa hamaa hundumaa irraa nan ittise.

Faarfannaa 119:110

110Jal'oonni futtaasaa ana dura kaa'an, ani garuu ajaja kee irraa hin jal'anne.

Fakkeenya 1:10-17

10Yaa ilma ko, cubbamoonni yoo si wallaalchisuuf jedhan, tole hin jedhiniif;

11isaan,“Nuu wajjin kottu, dhiiga namaa dhangalaasuudhaaf dhaqnee riphnee eegganna; nama balleessaa hin qabnes sababiidhuma tokko malee, miidhuudhaaf karaatti in eegganna;

12akka iddoo lafa jalaatti, akka warra fayyaatti boolla gad fagoo keessa buufamaniittis guutummaatti isaan in liqimsina.

13Nuyi wanta gati-jabeessa hundumaa in arganna, manneen keenyas wanta saamneen in guuttanna;

14hirmaata keenya walitti in dabalanna, korojoon keenyas tokko haa ta'u!” yoo siin jedhan,

15yaa ilma ko, isaanii wajjin hin adeemin, karaa isaanii irras hin bu'in!

16Miilli isaanii hamaatti in fiiga, isaan dhiiga dhangalaasuudhaaf in ariifatu.

17Warra baalleedhaan ka'an qabuudhaaf, erga isaan arganii kiyyoo diriirsuun waa'ee hin baasu.

Fakkeenya 2:10-12

10Yeroo ati ogeessa taatee, beekumsis si gammachiisu,

11of eeggannaan si golga, hubannaanis si eega.

12Ogummaan karaa namoota jal'ootaa irraa, warra dubbiin isaanii jal'aa ta'e irraa,

Fakkeenya 2:16

16Isheen dubartii ormaa irraa, dubartii gaalamoota ishee afaaniin namatti kuultu irraa,

Fakkeenya 5:6-21

6ati waa'ee karaa jireenyaa akka hin yaadnetti, daandiin ishee gegeddaramaa dha; ati garuu isa hin beektu.

7Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhaga'aa! Wantan afaan kootiin dubbadhu irraa hin jal'atinaa!

8Karaa kee ishee irraa fageessi, balbala mana isheetti iyyuu hin dhi'aatin!

9Yoo kana eeggachuu dhabaatte, ulfina kee namoota biraatiif, bara jireenya kees nama gara-jabeessaaf kennuu kee ti;

10qabeenya kee ormatu nyaata, dadhabbiin kees mana alagaa in sooromsa;

11dhuma bara jireenya keetti, foon kee fi dhagni kee yommuu gad dhumu in aadda.

12Ati,“Ani attamittan gorsa jibbe, garaan koos attamitti adabamuu tuffate!

13Ani barsiisota kootiif hin abboomamne, gurra koos gara warra na gorsaniitti hin qabne;

14guutummaa walga'ii waldaa keessatti, hamma xinnoofan waan hamaa hundumaa keessa lixee oole” in jetta.

15Boolla bishaanii kee keessaa bishaan boollaa, ija bishaanii kee keessaas bishaan yaa'u akka dhugdu, [haadha manaa kee ishee jaalala siif burqisiiftutti gammadi!]

16Burqituun kee bakkee keessa, bishaan lagaa kees karaa keessa haa tamsa'anii ree”

17Isaan si duwwaadhaaf malee, orma warra sii wajjin jiraniif hin ta'in!

18Burqaan kee eebbifamaa haa ta'u, haadha manaa qeerummaa keetii wajjin gammadi!

19Isheen jaallatamtuu akka borofaa, simbo-qabeettii akka kurupheettis, harmi ishee yeroo hundumaa si haa gammachiisu, jaalalli ishees laphee si haa coru!

20Yaa ilma ko, maaliif dubartiin ormaa laphee si corti” Maaliifis haadha manaa namaa ammatta”

21Karaan namaa guutummaatti Waaqayyo dura jira, inni daandii nama hundumaa in ilaala.

Fakkeenya 6:27

27Namni dachaasaa wayyaa isaatii keessa ibidda in kaa'ataa ree” Wayyaan isaas utuu hin gubatin hafuu danda'aa ree”

Fakkeenya 9:15-17

15warra karaa irra darbaniin, warra qajeelanii karaa isaanii irra adeemaniin,

16“Warri wallaalonni hundinuu as haa dhufan!” in jetti; warra qalbii hin qabneenis,

17“Bishaan hannaa miyaa'aa dha, buddeenni dhoksaatti nyaatamus nama in gammachiisa” in jetti;

Fakkeenya 12:26

26Namni qajeelaan wanta gaarii namaaf in barbaada, namni jal'aan garuu karaa irraa nama kaachisa;

Maatewos 5:19

19Kanaafis namni abboommota hundumaa irra xinnaatan keessaa tokko diigee, diigamuu isaas namoota barsiisu, mootummaa waaqaa keessatti isa hundumaa irra xinnaatu in jedhama; namni abboommota kana eegee barsiisu garuu mootummaa waaqaa keessatti guddaa in jedhama.