Qeesaariif kaffali

12 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Maarqos 12:13-17

13Waan inni dubbatuun isa qabuudhaaf jedhanii warra Fariisotaa fi garee Herodis keessaa jara tokko Yesusitti ergan.

14Warri ergaman dhufanii, ?Yaa barsiisaa! Ati dhuga-qabeessa akka taate nuyi in beekna, nama tokko illees hin sodaattu, karaa Waaqayyoo dhugaadhaan barsiifta malee, nama wal hin caalchiftu. Egaa mootii warra Roomaaf gibira baasuun seera moo seera miti? Gibira baafnuufi moo dhiifnu?? jedhaniin.

15Inni garuu of arguu dhabina isaanii baree, ?Maaliif na qortu? Horii ittiin bittanii gurgurtan tokko naa fidaa, nan ilaalaa!? ittiin jedhe.

16Isaan yommus tokko itti fidan; inni immoo, ?Kun bifa eenyuu ti? Caaffata eenyuu tis?? jennaan, isaan immoo, ?Kan mootii Roomaa ti? ittiin jedhan.

17Kanaaf Yesus, ?Yoos immoo mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa!? isaaniin jedhe; kana irratti isaan isa raajeffatan.

Maarqos 12:28-34

28Barsiisota seeraa keessaa tokko yeroo isaan waliin morkatan dhaga'ee, Yesus deebii gaarii akka deebiseef yommuu arge gara isaatti dhi'aatee, ?Abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kami?? jedhee, gaaffii isa gaafate.

29Yesus deebisee, ?Inni hundumaa irra caalu, ?Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.

30Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a?!

31Inni lammaffaan immoo ?Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a?! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru? jedhe.

32Barsiisichi seeraa sun immoo, ?Ba'eessa dubbatte yaa barsiisa! ?Inni tokkicha, isa malee kan biraa hin jiru? isa jette dhugaa dubbatte.

33Isas garaa guutuudhaan, qalbii guutuudhaan, humna guutuudhaanis jaallachuun, nama akka mataa ofiitti jaallachuun, guutummaa qalma gubamuu fi aarsaa hundumaa irra guddaa in caala? jedheen.

34Ogummaadhaan akka inni deebiseef yommuu arges Yesus, ?Ati mootummaa Waaqayyoottii fagoo miti? ittiin jedhe. Kana booddees namni tokko illee gaaffii isa gaafachuudhaaf ija hin jabaanne.