Araada

12 Lakkoofsota3Afaan Oromoo

Fakkeenya 27:20

20Iddoon lafa jalaa fi lafti badiisaa “In quufne” akkuma hin jenne, iji namaas akkasuma ilaalee hin quufu;

Lallaba 5:10-16

10Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu; kunis wanta waa'ee hin baafne dha;

11qabeenyi yommuu baay'atu, warri isa nyaatanis in baay'atu; inni hore garuu ija isaatiin ilaaluu malee maal bu'aa qaba”

12Namni hojjetaan muraasa nyaatus baay'ee nyaatus, hirriba gaarii qaba; baay'inni qabeenyaa garuu hirriba nama dhowwa.

13Wanti hamaan ani aduu jalatti arge tokko immoo, isa namni badhaadhummaa tuulee deebi'ee ittiin miidhamuu dha;

14badhaadhummaan sun garuu, gar malee ittiin hojjetamee in bada; namichi immoo yeroo itti ilma godhatutti harka isaa duwwaa in hafa.

15Qullaa isaa garaa haadha isaa keessaa akkuma ba'e, akkasuma qullaa isaa biyyootti in deebi'a; wanta itti dadhabe keessaa tokko illee harkatti qabatee hin deebi'u.

16Wanti akkasii kun baay'ee kan nama gaddisiisuu dha; akkuma dhufetti akkasumatti immoo biyyootti in deebi'a; wanti inni itti dadhabee hojjete akka waan qilleensi fudhatee erga ta'ee, kun maal bu'aa qabaaf ree”

Ermiyaas 22:14-17

14Inni,“Ani mana guddaa isa kutaa babal'aa qabu nan ijaarradha, qaawwan baay'ee itti nan baafadha, bantii isaa jalaanis muka gaattiraa isa bareedaadhaan nan miidhagfadha, qalamii diimaas nan dibsiifadha” in jedha.

15Mana kee muka gaattiraatiin miidhagsitee ijaarrachuu keetiin mootii waan taate sitti fakkaataa” Abbaan kee jireenya itti tolu jiraachaa ture; kanuma keessaa iyyuu wanta qajeelaa hojjechaa biyyas qajeeltootti bulchaa ture; kanaaf wanti hundinuu isaaf in qajeele.

16Inni hiyyeessotaaf, warra wanta isaan barbaachisu dhabaniifis in farada ture; kanaaf wanti hundinuu isaaf qajeele; kun ana Waaqayyoon beekuu dha mitii ree?

17“Iji kee fi yaadni kee garuu, bu'aa karaa jal'inaa dhufu irra kaa'amanii jiru; dhiiga nama balleessaa hin qabnee in dhangalaafta, nama in miita, jal'inas nama irratti in hojjetta” jedhe.