Arjummaa
11 Lakkoofsota11Afaan OromooFakkeenya 11:25
25namni arjaan in lalisa; namni dheebuu nama baasus dheebuu in baafama.
2ffaa Qorontos 9:7
7Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta'in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta'a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.
Luqaas 6:38
38Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam'u, guutees kan irra dhangala'utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama? jedhe.
2ffaa Qorontos 8:12
12Namni kennuudhaaf qophaa'aa erga ta'ee, wanti inni dhi'eessu sun akka humna isaatti fudhatamaa ta'a malee, humna isaa gara irraatti miti.
2ffaa Qorontos 9:11
11Waan hundumaatti akka arjoomtaniifis karaa hundumaa isin in badhaasa; arjummaa keessan isa nu harkaa fudhattaniif immoo namoonni baay'een Waaqayyoof galata in galchu.
Faarfannaa 112:5
5Namni araara argisiisuu fi namni liqeessu gaarii dha, inni jiruu isaa qajeeltootti in geggeeffata!
2ffaa Qorontos 9:10
10Waaqayyo inni sanyii isa facaasuuf, buddeenas nyaachuudhaaf namaaf kennu, kennaa keessan isiniif in barakachiisa, ija tola keessan irraa galfattanis in baay'isa.
Luqaas 6:30
30Abbuma si kadhateef kenni, qabeenya kee isa si duraa fudhates, naa deebisi jettee, hin gaafatin!
Yaaqoob 1:5
5Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir'ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf.
Isaayaas 40:29
29inni warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo hin qabneefis jabina in kenna;
Luqaas 11:13
13Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irra ammoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!? jedhe.