Sodaa
7 Lakkoofsota7Afaan OromooLewwoota 25:17
17Ani Waaqayyo gooftaa keessan; isin kana keessatti ana Waaqayyoon sodaadhaa malee wal hin daginaa!
Iyoob 28:28
28Namaan immoo, “Kunoo, Waaqayyoon sodaachuun ogummaa dha, waan hamaa irraa goruunis hubannaa dha?” jedhe.
Faarfannaa 34:7
7Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas.
Fakkeenya 1:33
33Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus” in jetti.
Fakkeenya 8:13
13Waaqayyoon sodaachuun wanta hamaa jibbuu dha, ani of bokoksuu fi of gurguddisuu, karaa hamaadhaaf arraba dubbii micciiru nan jibba.
Lallaba 12:13
13Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana.
Isaayaas 41:10
10Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.