Yihudaa Itti Aanee
16 Lakkoofsota2Afaan OromooHojii Ergamootaa 1:15-26
15Gidduu sana Phexros walga'ii, amantoota akka nama dhibbaa fi digdamaa ta'an keessa dhaabatee,
16?Obboloota nana, dubbiin macaafaa inni hafuurri qulqulluun duraan dursee afaan Daawitiin waa'ee Yihudaaf dubbate, raawwatameera; innoo warra Yesusin qabuu dhaqan dura adeemee argisiise.
17Inni nuu wajjin lakkaa'amee, hojii kanas nuyii wajjin hojjechuudhaaf fuula qabatee ture.
18Namichi kun, horii isa hojii jal'inaa hojjetee argate sanaan, lafa bitate; ofii isaa mataadhaan kufee tarsa'ee, mar'umaan isaas bakkee guute.
19Kunis warra Yerusaalem jiraatan hundumaa biratti beekame, lafichis afaan isaaniitti ?Akeldaamaa? jedhamee waamame, hiikuun isaas ?Lafa dhiigaa? jechuu dha.
20Macaafa faarfannaa keessatti, ?Qe'een isaa haa onu, isa keessa jiraachuufis tokko illee hin argamin!? Akkasumas, ?Hojii inni geggeessuuf itti waamame, namni kan biraa haa fudhatu? kan jedhu caafameera.
21?Kanaafis yeroo itti Yesus gooftaan nu gidduu deddeebi'aa ture hundumaatti, warra nuu wajjin turan keessaa nama tokko nu barbaachisa.
22Innis yeroo cuupphaa Yohannisii jalqabee, hamma guyyaa gooftaan itti nu biraa ol fudhatametti, nu gidduu kan ture, nuu wajjin dhuga-baatuu du'aa ka'uu isaa ta'uun irra jira? jedhe.
23Achumaan namoonni lama maqaan isaanii dha'ame; isaanis Yoseef isa Baarsaabaas yookiis Yosxos jedhamee waamamu, akkasumas immoo Maatiyaas isa jedhamu turan.
24Warri walitti qabaman sun, ?Gooftaa, garaa namoota hundumaa beektu, isaan kana lamaan keessaa isa fo'atte mul'isi!
25Hojiidhaaf ergaa Yihudaan irraa gara gale, gara iddoo isaaf ta'u dhaqe kana haa fudhatuuf? jedhanii kadhatan.
26Yommus isaan lamaaniif muka buufnaan, Maatiyaasiif ba'e; inni kana irratti ergamoota kudha tokkon sanatti dabalame.
Hojii Ergamootaa 2:1-4
1Ayyaanni guyyaa shantamaffaa inni ?Phenxeqostee? jedhamee beekame yommuu ga'e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
2Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga'amee, manicha isaan keessa jiranis guute.
3Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an.
4Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.