Ati Yohaannis eenyu?
10 LakkoofsotaAfaan OromooYohaannis 1:19-28
19Yeroo Yihudoonni Yerusaalemii lubootaa fi Lewoota Yohannisitti erganii, ?Ati eenyu?? jedhanii isa gaafachiisanitti, Yohannis,
20utuu hin haalin, ?Ani Kristos isa abdachiifame miti? jedhee mul'isee dhugaa ba'e.
21Warri ergamanis deebisanii, ?Amma ati eenyu? Ati Eliyaasii?? jedhanii isa gaafatan. Inni immoo, ?Waawuu ani isa miti? jedhe. Isaan, ?Ati raajichaa ree?? ittiin jennaan, ?waawuu? jedhee deebise.
22Isaanis, ?Eenyu ati? Egaa, warra nu erganitti kan deebifnu nutti himi; ati eenyu ofiin jetta?? ittiin jedhan.
23Yohannis deebisee, ?Isaayaas raajichi akkuma dubbatetti, ?Ani sagalee namaa, isa karaa gooftaan irra adeemu qajeelchaa? jedhee, lafa onaa keessaa iyyuu dha? jedhe.
24Warri isatti ergaman immoo Fariisota keessaa turan.
25Isaan kun itti dabalanii, ?Ati Kristos yookiis Eliyaas yookiis raajicha erga hin ta'inii maaliif cuuphxa ree?? jedhanii isa in gaafatan.
26Yohannis immoo, ?Ani bishaaniinan isin cuupha, inni isin isa hin beekne garuu isin gidduu in dhaabata.
27Inni na booddee in dhufa; ani immoo hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf nama ta'u miti? jedhee isaaniif deebise.
28Wanti kun hundinuu Yordaanos gama, Betaabaraa iddoo Yohannis cuuphaa turetti ta'e.