Manneen qulqullummaa Diyaanaa
19 LakkoofsotaAfaan OromooHojii Ergamootaa 19:23-41
23Yeroo kana keessa waa'ee barsiisa karaa kristiiyaanaatiif mandara Efesoonitti gooliin guddaan in ka'e.
24Namichi tokko maqaan isaa Demeexros kan jedhamu meetii baqsa ture; bifa galma waaqayyittii tolfamtee, Arxemiis jedhamtu meetii irraa baqsee, namoota hojicha beekaniif karaa hojii baay'ee baneef.
25Demeexros jarreen kana, warra hojii kana keessaa qabanii wajjin, iddoo tokkotti walitti qabee, ?Jarana, soorumni keenya hojii kana irraa akka dhufu hundumti keessan in beektu.
26Waan namichi Phaawulos jedhamu kun hojjechaa jiru immoo, isin ofii keessanii arguu dhaga'uus in dandeessu. ?Waaqayyoliin harka namaatiin tolfaman, homaa miti? jedhee, addana Efesoonitti duwwaa utuu hin ta'in, kutaa biyya Asiyaa gara caalutti namoota baay'ee amansiisee yaada isaanii geddarsiiseera.
27Ammas hojiin keenya maqaa gadhee argachuu isaa duwwaa utuu hin ta'in, galmi Arxemiis waaqayyittii guddittii, akka waan gatii hin qabnetti lakkaa'amuun isaa in sodaachisa; guddinni waaqayyittii, ishee warri Asiyaa keessaa, warri biyya lafaa keessa jiranis hundinuu itti sagadan, baduuf jedha? isaaniin jedhe.
28Yeroo kana dhaga'anittis baay'ee aaranii, ?Arxemiis warra Efesoon, guddittii dha? jedhanii iyyan.
29Waci kun mandaricha keessa guute. Warri wacan kunis Gaayosii fi Arisxaarkos kan jedhaman, jarreen Maqedooniyaa warra Phaawulosii wajjin adeemaa turan, butanii gara mana walga'iitti fiigan.
30Phaawulos ofii isaatii tuuta namoota walitti qabaman sana keessatti argamuu barbaade; amantoonni garuu gad isa dhiisuu didan.
31Geggeessituu kutaa biyya Asiyaa sanaa kan ta'an keessaas, warri fira Phaawulos ergaa itti erganii, akka inni lafa walga'ii sana hin dhaqneef isa gorsan.
32Kana gidduutti walga'iin sun hundinuu in huursa ture; kaan waan tokkotti wacu; warri kaan immoo waan biraatti wacu; baay'een isaanii maaliif akka walitti qabaman iyyuu hin beekne turan.
33Warri Yihudootaa namicha Iskindir jedhamu tokko tuttuqanii waan kaasaniif, tuuta jaraa keessaa gar tokko immoo gara fuula duraatti isa waaman. Iskindiris akka falmannaa, jaratti waa dubbachuu barbaadee, calluma haa jedhaniif harkaan isaan hawwate.
34Isaan garuu, inni Yihudii ta'uu isaa hubatanii ergaan-takkaa, ?Arxemiis warra Efesoon, guddittii dha? jedhanii hamma sa'aatii lamaa kan ga'us isuma irra deddeebi'anii iyyan.
35Booddees caafaan mandara sanaa saba sana calluma jechisiisee, ?Yaa namoota Efesoon! Mandarri Efesoon, galma Arxemiis guddittiitii fi dhagaa bifa fakkeenya ishee, isa waaqa irraa gad bu'e, akka isheen eegdu, kan hin beekne jiraa laata?
36Kanas namni falmu erga hin jirree, isin gab jechuutu isiniif ta'a; waan tokko illees, utuu itti hin yaadin hojjechuun isiniif hin ta'u.
37Ammas isin jarreen kana as fiddaniittu; isaan garuu mi'a galma ishee hin saamne yookiis waaqayyittii hin arabsine.
38Demeexrosii fi hojjetoonni isaa wajjin jiran waan ittiin nama tokko illee hadheessan yoo qabaatan, guyyaan yaa'ii jira, warri biyya seerratanis jiru, achitti walitti haa falman!
39Kana malee, waan isin barbaaddan yoo jiraate immoo, kora mandara kanaa isa tooraan waamame keessatti ilaalamuutu ta'a.
40Goolii har'a ta'e kanatti itti gaafatamuun keenya hin oolu; gooliin kun ka'uu isaatiif sababiin hin jiru, nus immoo waa'ee isaatiif deebii ga'u kennuu in dadhabna? jedhe.
41Kana dubbatee, walga'ii sana gargar deebise.